Oduu: Miseensi mana maree naannoo Somaalee Juweeriyaa Mohaammad rasaasa poolisiin dhukaaseen lubbuun darbe

Finfinnee, Onkoloolessa 26, 2022 – Miseensa mana marii naannoo Somaalee fi miseensa koree Paartii Badhaadhina Biyyaalessa kan taate adde Juweeriyaa Mohaammad buufata xiyyaaraa magaala guddoo naannichaa Jijjigaatti rasaasan poolisiin dhukaafameen rukutamuun lubbuun darbuu biiroon sab-qunnamtii naannoo Somaalee ibseera.

Haleellaa sababa waldhabbii imaltootaa fi humna poolisii gidduutti uumameen lubbuun Juweeyriyaa battalumatti kan darbe yoo ta’u obboleettishee dabalatee namoonni biroo afur madaa’uusaniis hiriyaa Juweeyriyaa kan ta’an adde Juweeyriyaa Alii mirkaneeffachuusaanii himaniiru.

 Itti aanaa biiroo nageenyaa fi tasgabbii naannoo Somalee mohaammad Guraay haleellaan kuni guyyaa kaleessaa naannoo sa’aatii kudhanitti kan raawwtame ta’uu Addis Standardiif ibsuun odeeffannnoo dabalataa karaa biiroo sab-qunnamtii naaannichaatiin kan himamu ta’uu dubbataniiru.

 Biiroo sab-qunnamtiichaa ibsa har’a baaseen Juweeyriyaan rasaasa miseensa poolisiitiin dhukaafameen du’uu fi namoonni biroo afur madaa’an buufata fayyaatti wal’aanamaa jiru jedheera. Shakkamaan gocha kan raawwate to’annoo seeraa jala kan jiru yooo ta’u sakkatta’iinsi adeemsifamaa jiraachuus ibseera.

 Paartiin Badhaadhinaa, gamasaatiin, miseensa koree giddugalaa Paartii Badhaadhinaa  Juweeyriyaaa Mohaammad buufata xiyyaaraa Jigjigaatti rasaasa poolisiin dhukaaseen du’uu eerun  dhimmichi seeraan qoratamaa kan jiru ta’uu addeesseera.

Haala jiru to’annoo jala oolchuun buufati xiyyaaraa hojiisaa idilee eegaleera kan jedhe biiroo sab-qunnamtii naannichaa yoo ta’u mootummaan naannichaa dhimmicha erga qoratee booda ibsa kan baasu ta’uu himeera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.