Finfinnee, Sadaasa 1/2022 – MM Abiy Ahimad turtii CGTN wajjiin taasiseen mootummaan federaalaa “seera biyyaatti akka kabajan, heeraaf akka abboomamanii fi naannoolee Itoophiyaa keessaa akka tokkootti akka of ilaalaniif ABUT amansiisuuf yaalaa jira” jedhe. “Nageenyi hundee badhaadhinaa” waan ta’eef mootummaan “nageenya buusuuf hojjachaa jiras” jedhe.
“Tasgabbiin hundee badhaadhinaati. Nageenyi biyya midhaan nyaataa oomishuun nyaataan of danda’uuf tattaafachaa jirtuuf hundeedha. Bakka nageenyi hin jirreetti mul’ata keenya galmaan gahuu hin dandeenyu. Kanaafuu, nageenya buusuuf hojjachaa jirra,” jedheera.
ABUT fedha mootummaa kana kan hubatanii fi “heera mataasaaniitti amanuun kabajuuf kan hojjatan yoo ta’e nageenyi ni bu’a jedheen amana” dabalee jedheera.
Maqaa otuu hin dhahiin “qaamoleen garaagaraa bitaa fi mirgaa dhimma kana keessa galaa jiru, kunimmoo rakkiinicha ni hammeessa” jedheera.
“Lammileen Itoophiyaa hubachuu qabu. Dhimma keenya ofii keenyaaf furuu ni dandeenya. Warroota fagoo jiran dhagahuurra aadaa keenya kabajuutu caala, duudhaaa keenya kabajuutu caala, seera keenya kabajuutu caala. Akkana taanaan nageenya buusuun ni salphaata’a. nageenya ni buufna jedheen amana.”
Magaalota akka Shiree, Adwaa fi Aksuum to’annoo humnoota mootumma jala galan keessatti mootummaan gargaarsa namoomaa raabsaa jiras, jedheera.
Waraana kaaba Itoophiyaa jiru mariin hiikuuf Marii nageenyaa Kibxata Onk 25 eegale Sanbata Onk 25, 2022 xumuramuuf muramee ture. Hamma ammaatti dheerachuu walgahichaa fi bu’aa mariichi fide ilaalchisee ibsi Gamtaan Afrikaa baase hin jiru.
Sab-qunnamtiin dhimma haajaa alaa Ameerikaa Need Piraayis ibsa Kibxata Onk 31 baaseen, dheerachuun marichaa hirmaattota marichaa “garaagarummaa guddaan” jiraachuu agarsiisa jedheera. “Qaamoleen Afrikaa Kibbaa galan garaagarummaa yaadaa guddaa akka qaban kan mul’isuu dha. Haata’u malee, fedhii isaan taa’anii mari’achuudhaan garaagarummaa giddduusaanii jiru dhi[hisuudhaaf qabaniis ni agarsiisa.”
Mootummaan Ameerikaa “qaamoleen kunneen itti fufiinsaan mari’achuunsaanii wanta gaariidha jedhee amana”. “Galmi marichaa baayee salphaadha; hatattamaan waraana dhaabuudhaan gargaarsa namoomaa namoota barbaadaniif qaqqabsiisuudha. Dabalataan nageenya lammiilee eegsiisuu fi loltoota Eritraa kaaba Itoophiyaatii baasuudha.” jedhe Need Piraayis.
Mariin Gamtaa Afrikaatiin hogganamu kuni kIbxata Onk 25 eegalle Sanbata guddaa Onk 30 tti goolabamae jedhamee kan saganteeffame ta’uu sab-qunnamtiin pireezidaantii Afrikaa Kibbaa siiril Raamaafoosaa kan ta’e Vinseent Magweniyaan ibsee ture.
Erga hogganaan Gamtaa Afrikaa Onk.15 waamicha waraana dhaabuu hatattamaa fi haal-duree malee fi tamsaasa gargaarsa namoomaatiif waamicha godhee booda mariin nageenyaa kuni xiyyeeeffannoo guddaa argatee ture.
Barreeessaan Biliinken waamicha hogganaan Gamtaa Afrikaa godhee ture torban kana keessa irra deebii waaamicha waraana dhaabuu hatattamaa taasiseera.
Mariin nageenya kuni Gaanfa Afrikaatti hogganaa olaanaa Gamtaa Afrikaa Oluseeguun Obasaanjoo fi pireezidaantii Keeniyaa Durii, Joomoo Keeniyaataa fi pireezidaantii durii Afrikaa Kibbaa DR. Fuumzillee Mlaamboo Nguukaa dhaan hogganama.
Akka Gamtaan Afrikaatti , bakka bu’oonni IGAD, Mootummooota Gamtoomanii fi Ameerikaan taajjabdoota marichaati. AS