Oduu: Dhibee Koleera Godina Baale fi Liiban naannoo Somaaletti muudateen namoonni 330 qabaman, 9 du’an

Finfinnee, Sadaasa 2/2022- Dhibeen Koleera Godina Baalee gandoota 25  aanaalee sadi keessatti fi gandoota sagal aanaa lama naannoo Somaalee keessatti muudateen namoonni sagal du’uu fi hanga Onkoloolessa 1/2022tti namootni 330 dhukkubichaan qabamuu gabaasni UNOCHA mul’ise. Kana malees godina Baale Bahaa keessattis namoonni Koleeran shakkaman qoratamaa jiraachuu eerameera. Aanaalee 114 keessatti ammoo weerarri koleeraa muudachuu akka danda’us ibsame. 

Hagayya 27/2022 dhibeen Koleeraa inni jalqabaa aanaa godina Baalee aanaa Harannaa Bulluqitti kan gabaafame yoo ta’u, Fulbaana 18/2022 aanaan Barbarree dhibee Koleeraa gabaasudhaan aanaa lammaffaa ta’eera. Sana booda aanaan Dalloo Mannaatti buufata buqqaatotaa Burqaa keessatti  dhibeen koleeraa mul’achuu gabaase. Yeroo amma kana aanaa Gindhiiri fi Gurraa dhaamolee keessatti dhibeen Koleeraa muudachuun shakkamee qoratamaa jiraachuu eera gabaasni UNOCHA.

Ragaan hanga Onkoloolessa 25/2022 walitti qanbame namootni 273(20 buufata buqqaatotaa keessaa) dhibee koleeratiin yoo qabaman godina Baalee(Harannaa Bulluq, Barbarree fi Dalloo Mannaa ) fi Liiban(Karsaduula) naannoo Somaaaletti namoonni sagal akka du’an agarsiisa. 

Lakkoofsi namoota dhukkuba kanaan qabamanii Onkoloolessa 10 as aanaa Barbarree fi Karsaduula keessatti harka 30’n dabalera. namoonni 459,000 ta’an keessumaa kanneen buufata buqqaatotaa keessa jiratan carraa dhibee kanaaf saaxilamuu akka qaban Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa beeksiseera. 

Bishaan qulqullina hin qabne bishaan faalamaa fayyadamuun weerara kanaaf sababa guddaa ta’uu danda’a (dhukkubsattoonni dhibbeentaa 76 bishaan laga akka fayyadaman himaniiru). 

Tajaajila bishaanii fi qulqullina naannoo  argachuun daangeffame, barmaatileen qulqullinaa gaarii hin taane, fincaan ifatti baasuu dabalatee fi filannoowwan qulqullina bishaanii dhabuun sababoota dhukkubni kun godinaalee hunda keessatti saffisaan akka babal’atuuf gumaachani.

Weerara kana to’achuuf Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa (EPHI) fi Biiroo Fayyaa Oromiyaa  deeggarsa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) fi UNICEF, garee deebii ariifataa (RRT) aanaalee dhibeen muudatetti  bobbaasee jira. 

Haaluma kanaan Godina Baalee Bahaa aanaa Gindhiiritti namoota dhukkuba koleeraan shakkaman sadii adda baafamuu hordofuun gareen deebii ariifataa godinaa(RRT) bobbaafameera. Saamudni walitti qabamee yeroo ammaa xiinxalamaa jira. Aanichatti Giddugalli Wal’aansa Koleeraa tokko hundeeffameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.