Oduu: Mootummoonni idil-addunyaan waliigaltee waraana dhaabuu Itoophiyaa simachuu ibsan; saffisaan akka ooluu waamicha dhiheessan

Finfinnee, Sadaasa 3/2022- Dippilomaatonni fi miseensonni hawaasa idil addunyaa adda addaa waliigaltee waraana dhaabuu mootummaa federaalaa Itoophiyaa fi Bakka Bu’oota Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) giddutti Afrikaa Kibbaatti mallattaa’uu isaa akka gaariitti fudhachu isaanii ibsan.

Qaamoleen wal waraanaa jiran kunneen Roobii, xumura marii nagaa Gamtaa Afrikaan durfamu Onkoloolessa 25 irraa eegalee Piritooriyaa keessatti gaggeeffamaa ture irratti waraanni akka dhaabbatu waliigalaniiru.

Waliigaltichi ifoomuu hordofuun MM Abiy Ahimad ibsa kenneen, waliigaltichi “siidaa guddaa Itoophiyaatin daandii haaromsa waggoota afuriifi walakkaa dura eegalle irratti tarkaanfachiisuudha” jedhe.

”Kutannoon nagaaf qabnu ammallee cimaadha. Akkasumas raawwii waliigaltichaaf tumsuuf kutannoon qabnu akkanuma cimaadha,” jechuun dabaleera.

Giddu-galeessitoota paanaalii olaanaa AU, Gamtaa Afrikaa, mootummaa Afrikaa Kibbaa fi walumaa galatti “michoota Itoophiyaa” kan galateeffate ta’uus, akka xiinxaltoonni jedhanitti marii nagaa keessatti gaheen guddaa kan qabdu Ameerikaa addatti osoo hin kaasiin bira darbeera.

Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahamat mootummaa Itoophiyaa fi qondaaltonni Tigraay waliigaltee waraana dhaabuu mallatteessuu isaanii galateeffateera. Itti dabaluudhaanis Gamtaan Afrikaa “Itoophiyaanota hundaaf nagaa fi araara waaraa akka argataniif qaamolee lamaan deeggaruu itti fufuuf waadaa gala” jedhe.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antonii Biliinkan akka jedhetti, Ameerikaan “tarkaanfii guddaa” gareewwan lamaan gidduutti waraana dhaabuuf mallatteeffame simatteetti.

“Qaamoleen lamaan nagaa buusuu fi walitti bu’iinsa waggaa lamaaf ture dhaabuuf tarkaanfii jalqabaa kana fudhatanii lola kana xumuruu fi marii itti fufuun dhimmoota hin xumuramne furuun waliigaluu isaanii ni galateeffanna. Gargaarsi namoomaa gufuu tokko malee kennamuu fi eegumsi lammiilee nagaa hojiirra oolmaa waliigaltee kana irraa maddu ni simannaa.”

Antonii Bilikan, Gamtaan Afrikaa waliigaltee kana galmaan ga’uuf “tattaaffii addaa” godheef galateeffachuun, Ibsa galateeffannaa MM Abiy Ahmad gamtichaaf dhiyeesse simachuu, akkasumas “fedhii isaa hawaasa kaaba Itoophiyaa waraana kanaan miidhaman hundaan deebisanii ijaaruu fi misoomaan deeggaruuf tumsa cimaa taasisuuf qabu deeggaruu keenya qooddachuu isaas simanneerra,” jedhe.

Bakka bu’aan olaanaa Gamtaa Awurooppaa Jooseep Booreel, qaamoleen lamaan waliigaltee kana mallatteessuu isaaniif baga gammaddan jechuun, “bu’uura waliigaltichaan saffisaan akka hojiirra oolu” gaafateera.

“Dursa kan kennamuuf naannolee miidhaan irra gahe hundatti, keessumaa naannoo Tigraayitti, qaqqabummaa gargaarsa namoomaa deebisanii eegaluu fi tajaajiloota bu’uuraa eegalchiisuudha. Waliigaltee dhukaasa dhaabuu dhaabbataa irra ga’uu fi marii siyaasaa bal’aa jalqabuuf marii dabalataa gaggeessuun ni jajjabeeffama,” jechuun dabaleera.

Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez, lammiileen Itoophiyaa hunda fi hawaasni addunyaa “tarkaanfii guddaa” fudhatame kana akka deeggaran dhaameera.

Turkiinis akkuma biyyoota hedduu waliigaltee waraana dhaabuu simachuun “Itoophiyaa keessatti nagaa fi tasgabbiin akka uumamu” akka deeggertu irra deebitee ibsiteetti.

Waliigalteen atattamaan waraana dhaabuu bu’aa ijoo marii nagaa gaanfa Afrikaatti bakka bu’aa olaanaa Gamtaa Afrikaa Olusegun Obasanjoo, Pirezidaantii Keeniyaa duraanii Uhuruu Keeniyaattaa fi itti aanaa Pirezidaantii Afrikaa Kibbaa duraanii Dr Fuumzilee Mlaamboo-Ngkukaan mijeeffame irraa eegamu keessaa tokko ture. 

Obaanjoon saganticha irratti haasawa taasiseen, “qaamoleen waldhabdee irra jiran lamaan waraanni akka dhaabbatu akkasumas sirnaan, haala salphaan, fi qindoominaan hidhannoo hiikkachuu, seeraa fi sirna deebisuu, tajaajilli deebisuu, gufuu tokko malee dhiyeessii namoomaa mijeessuu, eegumsa lammiilee nagaa keessattuu dubartoota, daa’immanii, fi gareewwan saaxilamoo ta’an biroo fi waliigalteewwan kanneen biroo irratti sirnaan waliigalaniiru,” jedhe.

Bakka bu’oonni IGAD, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Ameerikaa akka taajjabdootaatti hirmaachuu isaanii himameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.