Oduu: Haleellaa qilleensaa Mandiitti namoota hedduu ajjeese hordofee haleellaa tibbana Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiru dallansuu uume

Finfinnee, Sadaasa 11/2022 – Haleellaa qilleensarraa Sadaasa 9, 2022 Naannoo Oromiyaa, Godina Wallagga Lixaa, Aanaa Mana Sibuu keessatti magaalaa to’annoo Waraana Bilisummaa Oromoo jala jirti jedhame, magaalaa Mandii irratti raawwatameen lammiilee nagaa ajjeefamuu BBCn jiraattota wabeeffachuun gabaaseera.

Haleellaan qilleensaa magaalaa Mandiitti guyyaa Roobii, Sadaasa 09 guyyaa keessaa sa’aatii 7:00 – 8:00 gidduutti raawwate kan jedhan jiraattonni bakka haleellaan raawwate turanii fi BBC’n dubbise haleellaan tokko konkolaataa hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO), kan mootummaan Shanee jedhurra xiyyeeffatus baay’inaan kan du’an lammiilee nagaati jedhan. ”Walumaagala naannoo nama digdamaa ta’u,’’ jechuun lakkoofsa namoota du’anii ibsan.

Dubbii himaan idil addunyaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) Odaa Tarbii, haleellaa diroonii afur Mandiitti raawwatameen namoota nagaa 30 ol ajjeefamuun hedduun madaa’aniiru jedhe. “Naannolee gabaa fi buufata konkolaataa rukutanii namoota nagaa 30 ol ajjeesuun, hedduu madeessan,” jedhe. Haleellaawwan kunneenis “bakka waraanni jiru irratti kan hin xiyyeeffanne fi inumaayyuu iddoowwan namootni nagaa sassaabaman irratti kan xiyyeeffatedha,” jedhe.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) gama isaatiin ibsa Sadaasa 10 baaseen iddoowwan lama magaalaa Mandii fi naannoo magaalaa Daalattiitti Roobii, Sadaasa 09, 2022 haleellaa qilleensaa marsaa afuriin raawwateen lammiilee nagaa 100 ol akka ajjeefamanii fi hedduun akka madaa’an “maddeen amanamoo irraa argachuu” ibseera.

Sadaasa 06, Godina Wallagga Bahaa magaalaa Naqamtee keessatti waraana cimaa loltoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi humnoota mootummaa gidduutti godhameen lammiileen nagaa kan ajjeefaman ta’uu Addis Standard gabaasuun isaa ni yaadatama. Waraanichi kan eegale sababa miseensonni WBO lakkofsaan hedduu ta’an magaala Naqamtee seenuun walakkaa magaalattii to’atanii turaniif ta’uusaa jirattoonni maqaan isaanii akka eeramu hin barbaanne Addis Standarditti himaniiru.

Waraana sa’aatii dheeraa booda waaree booda waraanni mootummaa magaalattii to’achuu danda’eera. Humnoonni mootummaa erga magaalattii dhuunfatanii booda namoota loltoota WBO wajjiin turan jedhanii shakkan manaa manatti adamsaa turuu fi kaan to’achaa kaan ammoo ajjeesaa akka turanis jiraattotni Addis Standard dubbise himaniiru.

Torban muraasa darban keessa haleellaan qilleensaa hidhattoota irratti xiyyeeffate jedhame irra-deddeebiin Oromiyaa iddoowwan adda addaatti raawwatamaa jira. Odaa Tarbiinis barreeffama Tiwiitara isaa irratti maxxanseen “torban lamaan darban keessa haleellaan diroonii hedduu Oromiyaa keessatti raawwatameen lubbuun namoota nagaa 300 ol darbeera,” jedhe.

“Haleellaa fi ajjeechaan suukanneessaan kun kan jalqabaa miti,” kan jedhe Addi Bilisummaa Oromoo (ABO), haleellaa qilleensaa walfakkaataa, Sadaasa 02 Lixa Wallaggaa magaalaa Biilaatti namoota 80 ol ajjeefamuu isaanii yaadachiiseera.

Jiraataan Wallaggaa Lixaa magaala Biilaa Associated Pressitti akka himeetti haleellaa qilleensaa torbee darbe gaafa Sadaasa 02 raawwatameen reeffi namoota hedduu hurufatti kufee arguusaa dubbateera. Haleellaa kanaan barataa/ttuu kutaa 11 tokko dabalatee namoonni 60 ol ajjeefamuu BBC Afaan Oromoos gabaasee ture.

Kana malees, ABOn ibsa isaatin, gaafa guyyaa Onkoloolessa 20, 2022 humni qilleensaa mootummaa Federaalaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Meettaa Walqixxee fi magaalaa Minaaree keessatti haleellaa qilleensaa gaggeesseen lammiilee nagaa 70 ol ajjeefamuu fi namoota miidhaman keessaa maatii tokko keessaa namoonni sadii keessatti argamuu yaadachiiseera.

Haleellaa qilleensaa/Diroonii Godina Shawaa Lixaa aanaa Cobii ganda Oofuu Bakkeetti gaafa Onkoloolessa 23 raawwatameen yoo xinnaate lammileen nagaa 68 ol kan ajjeefaman ta’uu Addis Standard gabaasee ture.

Akkasumas, “haleellaan qilleensaa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee, Godina Shawaa Lixaa Aanaa Meettaa Walqixxee fi Gindabarat akkasumas Godina Wallagga Bahaa Aanaa Nuunnuu Qumbaa keessatti raawwatameen lubbuun namoota nagaa hedduun ajjeefamee kaan ammoo madaa’anii jiru,” kan jedhe ABOn, bakkeewwan kanneen keessatti manneenii fi meeshaaleen biroo miidhamtootaa, keessattuu horiin bu’uura jireenya isaanii ta’an guutummaatti barbadaa’uu ibse.

Addi Bilisummaa Oromoo ibsa isaa kanaan, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi dhaabbileen mirga namoomaa addunyaa fi biyyoolessaa, “ajjeechaa gara jabinaa lammiilee nagaa dubartoota, daa’immanii fi maanguddoota irratti raawwataman kana akka qoratan gaafateera.

Qondaalli Kongiresii Federaalawaa Oromoo (KFO) Jawaar Mahaammad, barreeffama toora miidiyaa haawaasaa irratti maaxxanseen rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaa bakkoota garaagaraatti uumamaa jiruun lammiileen nagaa miidhamaa jiraachuu kaasuun hawaasni idil- adunyaa rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaa fi Benishaangul Gumuz keessa jiruuf xiyyeeffannoo gahaa hin kennine jechuun qeeqeera.

“Hawaasni idil-adunyaa adda baasee qaama tokkoof qofa boo’uun rakkoo nageenyaa Itoophiyaa keessaa furuu hin danda’u,” jedhe.Fayyadamtootni miidiyaa hawaasaa garaa garaas suuraa namoota haleellaawwan tibbana humnootni mootummaa Lixa Oromiyaatti raawwataniin du’anii fi suur-sagalee miidhaa haleellaawwan kunneen geessisan agarsiisuu waliin maxxansuun dheekkamasa fi mormii isaani dhageessisaa jiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas ta’e, kan federaalaa waa’ee lola tibbana jabaatee jiruufi himannaawwan ajjeechaa namoota nagaa ilaalchisee wanti jedhan hin jiru.Waraana Kaaba Itoophiyaa waggaa lama lakkoofsiseefi miidhaa hedduus dhaqqabsiise dhaabuuf mootummaan Itoophiyaa torbaan darbe keessa waliigaltee waraana dhaabuu loltoota ABUT wajiin mallatteessee ture.

Paartiin, Koongireesii Feederaalawaa Oromoo (KFO) mootummaan Itoophiyaa nageenya buusuu yoo barbaade WBO wajjiinis haaluma wal-fakkaatuun waliigaltee waraana dhaabuu gochuu qaba jedheera.“… waraana dhaabuun rakkoo Oromiyaa fi naannoole biyyattii biroo keessa jiran karaa nagaatiin furuuf akka socho’uu mootummaa Itoophiyaa ni gaafaanna. KFOn paartiillee siyaaassa biyyattii keessa jiran, ummata Itoophiyaa, hawaasa idil-addunyaa fi naannoolee biyyaatti biroos mootummaarratti dhibbaa akka godhan ni gaafata”. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.