Oduu: Rakkoon nageenyaa fi hongeen Oromiyaatti gaaga’ama namoomaa qaqqabsiise- UNOCHA

Finfinnee, Sadaasa 13/2022 – Rakkoon nageenyaa fi hongeen gaag’ama namoomaaa lixaa fi kibba Oromiyaatti bara 2022 mudate gaaga’ama namoomaa hammeessuusaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa(UNOCHA) ibse.

UNOCHAn ibsa Sanbata darbe baaseen sababoota rakkoo tasgabbii fi hongeetiin gaaga’amni namoomaa kan bara 2022 baay’ee hammaachaa deemuusaa addeesseera. Keessumaa rakkoon nageenyaa bara 2019 irraa eegalee keessumaa lixaa fi kibba Oromiyaa keessa ture haala kana hammeesseera. “Sababni ijoon walitti bu’iinsa hidhattoota gidduutti godhamuu,” dha jedha ibsichi.

Namoonni 740,000 ta’an naannoolee Oromiyaa kan Amaaraa fi Beniishangul Gumuz wajjiin wal daangeesssan irraa buqqa’aniru.  

“Kibba Oromiyaa godinaalee Gujii fi  Gujii lixaatti walitti bu’iinsi hidhattootaa eenyummaansaanii adda bahee hin beekamiin gidduutti godhamaa jiru itti fufeee jira. Akkasumas, hongeen namoota miliyona 3.5 ol ta’an irrattis dhiibbaaa uumeera,” ibsa OCHAtu jedhe.

Rakkoon nagaa raabsaa gargaarsa namoomaa iddoolee kanneenitti godhamu  danqeera. Gargaarsa namoomaa godinaalee Lixaa fi Baha Wallaggaa keessatti godhamu addaan kuteera.

“Geejjibni konkolaataa fi meeshaalee gargaarsa namoomaa adda citeera. Hojjattooni dhaabbata gargaarsa namoomaas hidhamaa fi sarbamaa jiru,” jedhe ibsi UNOCHA. 

Sababa rakkoo nageenyaatiin hojjattoonni gargaarsa namoomaa hojii addaan kutanii iddoo jiranitti dhaabbatanii hafaniiru.

“Walitti bu’iinsi geejjiba gargaarsaa Finfinnee – Amboo – Naqamteerraa gara Asoosaattti,” godhamurrrrattu dhiibbaa uumeera. Gargaarsi Wallaga Lixaatiif erga godhame waggaa lama darbe yoo ta’u qamadiin Baha Wallaggaa magaala Naqamteetti kuufame jirus tamsaasuun waan hin danda’amneef akkasuma taa’ee jira. 

“Okkorri kuni hammaachuun lixa Oromiyaarraa gara Horro Guduruu Wallagaa fi Iluu Abbaa Booraa akkasumas Kaaba, Lixaa fi kibba-lixa Shawaatti  babal’ateera,” jedhe OCHAn.

Akkasumas hanqinni miidhaan nyaataa daa’immanii fi haadholii daran hammateeras jedheera. 

Dhaabbileen fayyaa 70  fi manneen barnoota 91 ta’an Gujii keessa jiran hojiin ala kan ta’an yoo ta’u jiraaattoonni tajaajila buufata fayyaa, bishaan dhugaatii fi qulqullinaa argachuu hin dandeenye.

Tarkaafii haleellaa xiyyaaraa mootummaan fudhateen mandiitti lammiileen hedduu kan ajjeefaman.  Guyyaa sadi duras walitti bu’’iinsa WBO fi humnoota mootummaa giddduutti magaala Naqanteetti uumameen lammilleen nagaa ajjeefamuu Addis Standard gabaasee ture.

Manni maree ministeerotaa wixinee labsii adeemsa hidhannoo hiikachiisuurratti hojjatu raggaasisuudhaan koomishinii adeeemsicha hordofu Sanbata darbe hundeessee ture.

Mootummaan akkaataa labsiin kuni hojiirra oolurratti ibsa bal’aa kan hin laatin ta’us guyyaa raggaasifameerraa jalqabee hojiira kan olu ta’uu ibsi biiroo muummicha ministerra baase addeesseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.