Oduu: Waldaan Makaana Iyyaasuus ajjeechaa miseensota ishee 15 balaaleffachuun, callisuu mootummaa komatte

Finfinnee, Sadaasa14/2022- Waldaan Warra Wangeelaa Makaana Iyyaasuus ajjeechaa jumlaa miseensota waldaa mana amantichaa godina Wallaggaa Bahaa ganda Haloo waldaa Mul’ata Galaa irratti raawwatame balaaleffatte.

Ibsa Sadaasa 11/2022 baasteen waldaan Makaana Iyyaasuus maqaa namoota haleellaa kanaan lubbuu dhabanii tarreessuun matii miidhamtootatii fi miseensota waldichaaf jajjabina hawwitee jirti.

Haleellaan kun kan raawwatame Dilbata Sadaasa 6/2022 namoota kadhannaaf walittii qabaman irratti ta’uu kan eere ibsi waldichaa, namootni haleellaa kana raawwatan “hidhattoota naannoo sanatti hin beekamne” jedhe.

Qaamni mootummaa kamuu haleellaa kana ittisuuf ta’ee erga raawwatamee booda namoota harka keessaa qaban seeratti dhiyeessuuf qorachuu dhiisuu isaatiin hedduu gadduu dubbatte waldaan Makaana Iyyaasuus.

Itti dabaluunis “lammiilee nagaa haala kamuu keessatti tiksuun itti gaafatammummaa mootummaati. Garuu mootummaan haleellaa akkanaa irraa namoota nagaa baraaruu dhabuun itti gaafatammummaa isaa gaaffii keessa galcha” jette.

Akka ibsa mana amantichaatti mootummaan tarkaanfii fudhachuu dhiisuu qofa osoo hin taane haleellaa raawwatameef beekamtii hin laachuun hin balaaleffanne.

Haleellaan kun rakkoo nageenyaa naannoo sana jiruun akka wal hin qabanne namoota lubbuun hafan irraa hubadheera jette.

Kana malees ibsi waldattiin baaste miseensonni, gaggeessitoonni fi tajaajiltoonni 14 biroo dhiyeenya magaalaa Mandii keessatti ajjeefamuu himeera.

“Miseensotni mana amantichaa, gaggeessitoonni fi tajaajiltoonni wangeelaa 14 osoo Waaqeffannaa irraa gara ollaa isaaniitti deebi’aa jiranii ajjeefamuu isaanii dhageenyeerra” jedha ibsi waldichaa.

Addis Standard haleellaan diroonii Sadaasa 9/2022 magaalaa Mandiitti raawwatame namoota nagaa hedduu galafatee, dallansuu guddaa akka uume gabaasuun ni yaadatama.

Manni Amantaa Makaana Iyyaasuus mootummaan Itoophiyaa walittii bu’insa jiru karaa nagaan akka hiikuu waamicha dhiyeessee jira. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.