Oduu: Mootummaan “Shanees” ta’ee qaama biraa karaa nagaa mariif dhufu kamuu wajjiin mari’achuuf qophaa’aadha – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 15, 2022 – Mootummaan Itoophiyaa “Shanee” dabalatee qaamota biroo meeshaa waraana hiikkatanii karaa nagaatiin mariidhaaf dhufan kamiyyuu simachuuf qophaa’aa ta’uu MM Abiy Ahimad (PhD) ibse.

Abiy kana kan dubbate yaa’ii idilee mana marii bakka bu’oota ummataa 6ffaa guyyaa har’aa godhameerratti gaaffilee miseensota paarlaamaatiin gaafataman yeroo deebisaa ture.

“Eejjannoon keenya tokkuma. Hojiimaata adda ta’e hin qabnu. Shaneedhaafis ta’ee hidhattoota biraa wajjiin. Faayidaan waraanaan dhufu hin jiru. Siyaasaa mariitiin qofa fedhii ofii galmaan gahuun ni danda’amu. Dhimma heera biyyattiirratti ta’ee, waa’ee naannoo irratti marii gochuu ni dandeenya. Seerarratti mari’achuu ni dandeenya,” Abiy jedheera.

Mootummaan WBO wajjiin waliigaluu kan rakkatee “Shaneen nuuf qofa otuu hin taane warroota isa yaabaniifis rakkina ta’eera. Kan hin qabamne, kan hin beekamnee fi kaayyoonsaa maal akka ta’e kan hin beekamne. Ajajaa fi to’annoo hin qabu. Nuti qofa otuu hin taane namoonni isa ergataniyyuu kan hubachuu rakkataniiru,” jedhe Abiy.

Gama kaaniin mootummaan walabummaa fi nageenyi karaa waraanaatiin ni dhufa jedhee waan hin amanneef qaama humnaa fi hokkoraan itti dhufu kamiyyuu qoluuf dirqama qaba jechuun tarkaanfiin mootummaa hidhattoota kunneen irratti fudhatu cimee akka itti fufus hime.

MM Abiy Ahimad dabalatee aanga’oonni Itoophiyaa “Shanee” jechuun kan waaman hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo yoo ta’u, bara 2021 paarlaamaan Itoophiyaa garee kana Adda Bilisummaa Uummata Tigraay waliin dhaaba shororkeessaa godhee labse.

Waliigaltee ABUT waliin…

Waliigaltee waraana dhaabuu mootummaan Itoophiyaa humnoota Tigraay waliin mallatteesse ilaalchisee, gaaffii garee shororkeessaa waliin mootummaan akkamiin mari’ata gaaffii jedhu yoo deebisu, “labsiin Shororkeessuummaan isin baaftan shororkeessaa wajjiin hin mari’atinaa hin jedhu,” jechuun deebii laateera.

Labsichi shororkeessitoota waliin wal ta’uu, gurmeessuu fi hidhachiisuu dhorka kan jedhe MM Abiy, mootummaan kana akka hin goone dubbate.

Mootummaan hojiirra oolmaa waliigaltee kanaatiif kutannoon akka hojjetus hubachiisee jira.

Dhimma Walqaayit…

Mariin Afriikaa Kibbaatti godhame dhimma waldhibdee lafa Walqaayit irratti murtee kennuuf miti kan godhame kan jedhe Abiy Ahimad maaliif dhimmi Walqaayit ijoo dubbii akka godhame naaf hin galu jechuun dubbate.

Walqaayit bu’uura heera mootummaatiin Lixa Tigraay keessatti kan argamu yoo ta’u waraanni Kaaba Itoophiyaa eegaluu booda mootummaa naannoo Amaaraatiin bulaa jira. Waliigalteen waraana dhaabu mootummaa Itoophiyaa humnoota Tigraay waliin Sadaasa 02 Afriikaa Kibbaatti mallatteesse keewwatni 10/4 iddoowwan gaaffiin abbummaa irratti ka’u bu’uura heera mootummaatiin furmaata argata jedha.

MM Abiy Ahimadis dhimmi Walqaayit bu’uuruma seeraan, mirgi hiree murteeffannaa uummata Walqaayit yoo kabajame qofa furmaata argata jedhe.

“ABUT heerri mootummaa osoo hin raggaasifamiin humnaan lafa kana fudhate kan jennu yoo ta’eefi nutis humnumaan qabanna kan jennu yoo ta’e, dogoggora duraanii irra deebi’uu ta’a. Kuni rakkinicha hin furu,” jedhe.

Dhimma Diinagdee …

Gaaffiile diinagdeen wal-qabatanii ka’aniif deebii yoo kennu, diinagdeen Itoophiyaa bara bajataa darbe danqaaleen hedduun kan isa mudatan ta’ullee, danqaalee kanneen dandamachuun dhibbeentaa 6.4n guddachuu hime. Bara bajataa itti Aanu dhibbeentaa 7.5nin akka guddatus ni eegama jedhe.

Diinagdeen biyyattii dhiibbaa Koromaa fi hongee akkasumas waraana biyyattii keessa jiruu fi dhiibbaa sababa waraana Raashiyaa fi Yuukireen dhufe dandamatee waliigalatti doolaara biliyoona 100 fi biliyoona 26 fi miliyoona 700 gaheera jedhe.

Kanaanis Afriikaa keessaa diinagdee guddicha qabaachuun Itoophiyaan biyya sadaffaa ta’uu ragaa Baankii Addunyaa eeruun dubbate.

Galiin mata mataa lammiin Itoophiyaa tokko waggaatti argatu doolaara 1,212 gahuus hime. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.