Oduu: Itoophiyaa keessatti daa’imman miiliyoona 4.1 ol ta’an sababa walitti bu’iinsa, hongee barnootaa ala ta’aniiru- UNICEF

Suuraa: UNICEF

Finfinnee, Sadaasa 09/2022 – Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Fandii Atattamaa Daa’immanii Idil-addunyaa (UNICEF) dhimma hordoffii damee barnoota Itoophiyaa ilaalchisee gabaasa baaseen, Itoophiyaa keessatti manneen barnoota 3,861 ta’an sababa walitti bu’iinsaan bara barnoota 2022/23f akka hin banamneefi sanaanis daa’imman miiliyoona 2.89 ta’an akka miidhaman gabaaseera. Kana malees, miidhaa hongeen geessisaa jiruun manneen barnoota 339 cufamuu fi sababa kanaan daa’imman miiliyoona 1.29 ta’an irratti miidhaan gahuu ibseera. 

Bara barnootaa haaraa 2022/2023 kan Fulbaana 2022 eegaleen galmee barattoota karoorfame ture irraa dhibbeentaa 45 (45%) gadi bu’uu Ministeerri Barnootaa beeksiseera.

Kunis sababa waldhabdee, hongee fi lolaatiin dhiibbaa hamaa barumsaa irratti gahuu agarsiisa. Ragaa kilaastara barnootaa irratti hundaa’uun walumaa galatti daa’imman 2,977,752 barnoota irraa ala ta’aniiru. Kana malees, daa’imman miiliyoona 1.3 sababa walfakkaatuun kan miidhaman yoo ta’u, haata’u malee ammas barnoota isaanii itti fufaniiru. Daa’imman miiliyoona 1.3 kun deeggarsa/gidduu seentummaa barbaachisu yeroon kennuu yoo dadhabame barnootaa ala ta’uu danda’u.

Lolaan naannolee Gaambeellaa, Amaaraa, Affaar, Saboota, Sablammoota, fi Ummatoota Kibbaa, Ummata Kibba Lixa Itoophiyaa, Sidaamaa fi Oromiyaa keessattis barumsa irratti dhiibbaa geessisaa jira. Gaambeellaa keessatti daa’imman 70,000 sababa dhiibbaa lolaatiin mana barumsaa kan hin seenne yoo ta’u, manneen barnootaa 125tti siqan (manneen barnootaa Gaambeellaa keessaa argaman keessaa 27% kan ta’an) sababa dhiibbaa lolaatiin bara barnootaa haaraaf hin banamne.

“Barnoonni mirga daa’ima hundaati,” kan jedhe UNICEF, kunis invastimantii gaarii lubbuu daa’immanii baraaruu fi rakkoo hiyyummaa, beela, walqixxummaa dhabuu, jeequmsa fi tasgabbii dhabuu xumuruuf gochuu dandeenyudha jedhe. Barachuu bira darbee, barnoonni galma namoomaa waliigalaa lubbuu baraaruu fi namoota baay’ee saaxilamoo ta’an eeguu kan deeggaru yoo ta’u, carraa egeree tasgabbaa’aa fi itti fufiinsa qabuun, dhuunfaanis ta’e hawaasa hunda keessatti nageenyaaf gumaachuu danda’a. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.