Oduu: Godina Baalee, Aanaalee dhibeen Koleeraa mudatee keessatti deebii atattamaa kennamaa jira: Dhaabbata Fayyaa Addunyaa

Finfinnee, Sadaasa 08/2022 – Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) aanga’oota damee fayyaa Itoophiyaa waliin ta’uun weerara dhibee Koleeraa naannoo Oromiyaa aanaalee Harannaa Bulluq fi Barbaree keessatti mudateef deebii atattamaa kennaa jiraachuu beeksise.

Fulbaana 14 bara 2022, saamuda afur erga qoratamee booda namoonni jalqabaa dhukkuba Koleeraan qabaman damee waajjira dhaabbatichaa Itoophiyaa keessatti argamutti gabaafameera. Deebii kanaan Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa, Biiroo Fayyaa Naannoo Oromiyaa fi Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa garee deebii ariifachiisaa gara aanaalee lamaanitti erganiiru. Gareen kun dhukkubichi erga gabaafamee sa’aatii 48 booda Fulbaana 16, 2022 bakka sana gahe. 

Garee ogeeyyii (ogeeyyii dhibee daddarbaa, ogeessoota fayyaa hawaasaa, ogeessoota qunnamtii balaa fi hirmaannaa hawaasaa fi ogeeyyii loojistikii, fi kanneen biroo) dabalatee, meeshaalee yaalaa, fi qabeenya biroo hojiiwwan deebii hatattamaa deeggaruuf bobbaafaman, madaallii balaa geessisuu, akkasumas deeggarsa ogummaa ni kennu jedhameera.

Gareen kun guyyaa guyyaan hogganaa taatee Giddugala Opireeshinii Fayyaa Hawaasaa Godina Baalee waliin walga’ii waamee qophii fi deebii weerara Koleeraa godinicha irratti mari’ata. Bu’aa walga’ii kanaatiin gareen hordoffii Koleeraa aanaalee Harannaa Bulluq, Dalloo Mannaa fi Barbaree keessatti hundeeffamee jira. Kana malees, aanaalee fi godinaalee ollaa keessatti tattaaffiin qophii Koleeraa eegalamee jira. Qindoominni kilaastara fayyaatiin kan hoogganamu kun itti fayyadama sirrii fi bulchiinsa madaalawaa qabeenyi yeroo isaa eeggate mirkaneessuuf kan akeekedha.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Waajjira Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa (UNOCHA) gabaasa Sadaasa 01 baaseen dhibeen Koleeraa Godina Baalee gandoota 25  aanaalee sadi keessatti fi gandoota sagal aanaa lama naannoo Somaalee keessatti muudateen namoonni sagal du’uu fi hanga Onkoloolessa 1/2022tti namootni 330 dhukkubichaan qabamuu mul’iseera. Kana malees godina Baale Bahaa keessattis namoonni Koleeran shakkaman qoratamaa jiraachuu eerameera. Aanaalee 114 keessatti ammoo weerarri koleeraa muudachuu akka danda’us ibse.

Ragaan hanga Onkoloolessa 25 bara 2022 walitti qanbame namootni 273(20 buufata buqqaatotaa keessaa) dhibee koleeratiin yoo qabaman godina Baalee(Harannaa Bulluq, Barbaree fi Dalloo Mannaa ) fi Liiban(Karsaduula) naannoo Somaaaletti namoonni sagal akka du’an agarsiisa.

Lakkoofsi namoota dhukkuba kanaan qabamanii Onkoloolessa 10 as aanaa Barbaree fi Karsaduula keessatti harka 30’n dabalera. namoonni 459,000 ta’an keessumaa kanneen buufata buqqaatotaa keessa jiratan carraa dhibee kanaaf saaxilamuu akka qaban Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa beeksiseera. 

Bishaan qulqullina hin qabne bishaan faalamaa fayyadamuun weerara kanaaf sababa guddaa ta’uu danda’a (dhukkubsattoonni dhibbeentaa 76 bishaan laga akka fayyadaman himaniiru). 

Tajaajila bishaanii fi qulqullina naannoo  argachuun daangeffame, barmaatileen qulqullinaa gaarii hin taane, fincaan ifatti baasuu dabalatee fi filannoowwan qulqullina bishaanii dhabuun sababoota dhukkubni kun godinaalee hunda keessatti saffisaan akka babal’atuuf gumaachanidha. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.