Oduu: Hoggantootni Olaanoo Waraana Federaalaa, Tigraay har’a wal argan

Finfinnee, Sadaasa 07/2022 – Itti fufiinsa adeemsa waliigaltee nagaa waraan dhaabuu Mootummaa Federaalaa Itoophiyaa fi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) gidduutti taasifameen, hoggansi waraanaa olaanoo waraana federaalaa fi humnoota Tigraay har’a Keeniyaa Naayiroobii keessatti akka wal argan Gorsaa Nageenyaa Ministira Muummee Abiy Ahmad, Ambaasaaddar Reedwaan Huseen beeksise.

Ambaasaaddar Reedwaan, Sanbata Sadaasa 5 bu’aa marii nageenyaa fi waliigalteewwan Afrikaa Kibbaatti mallattaa’an ilaalchisee miseensota hawaasa dippilomaasii Finfinnee keessa jiraniif ibsa yeroo kennu, qondaaltonni waraanaa olaanoo gama lamaanii karoora nagaa mallattaa’e kana hojiirra oolchuuf akka walarguuf jiran ibseera.

Ambaasaaddar Redwaan maqaa hoggantoota waraanaa olaanoo gama lameenii kaasuu baatus, walga’ii kana irratti Hogganaan Raayyaa Ittisa Itoophiyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa fi hogganaan Raayyaa Ittisa Tigraay Janaraal Taaddasaa Worradeen hirmaataniiru. 

Ambaasaaddarichi akka ibsetti, hoggantoonni waraanaa lamaan waliigaltee nagaa labsamuu isaa hordofee bilbilaan waliin haasa’aa kan turan yoo ta’u, har’a fuulaa fuulatti wal arguun haala humnoota Tigraay kan yeroo baay’ee Raayyaa Ittisa Tigraay (TDF) jedhamuun waamamu hidhannoo hiikkachuu danda’an irratti ni mari’atu. 

Waliigaltee nagaa keessatti “Keewwata 6- Hidhannoo Hiikkachuu, Diigamuu, fi Deebi’anii Walitti Makamuu (DDR)” gam lamaan “Rippabilikni Dimookiraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa humna ittisaa tokko qofa akka qabdu walii galuu fi beekuu” jechuun tumameera. Haaluma kanaan lamaan isaanii “haala nageenyaa lafarra jiru tilmaama keessa galchuun, waliigaltee kana mallattaa’ee guyyoota 5 keessatti walga’ii ajajoota olaanoo qopheessuun hidhattoota ABUTf malawwan hidhannoo hiikkachuu bal’inaan irratti mari’achuu fi hojjechuuf walii galla” jedhan.

Barreeffamichi, gama lamaanuu “waliigalteen kun erga mallattaa’ee guyyoota 30 keessatti meeshaa waraanaa salphaa dabalatee loltoota ABUT waliigalatti hidhannoo hiikkachuu” irratti walii galuu isaaniis tumameera.

Haa ta’u malee waliigaltee nagaa kun keessattuu kutaan bal’inaan waa’ee DDR of keessaa qabu paartilee siyaasaa mormitootaa Tigraay keessatti socho’anii fi hawaasa diyaaspooraa Tigraay irraa qeeqa isa mudateera.

Dhaabbanni hawaasaa dhiibbaa guddaa qabu kan hayyootaa fi ogeessota Tigraay 5,000 ol bakka bu’ee addunyaa guutuutti argamu (Global Society of Tigray Scholars and Professionals) (GSTS) Keewwata waliigaltee nagaa kana keessatti argaman muraasa kuffiseera.

Dhaabbatichi ibsa Sadaasa 4 baaseen tumaalee Waliigaltee Waraana Dhaabuu kallattiin dantaa ummata Tigraay kan faallessu ta’uu ibsuun cimsee akka mormu ibse. 

Ibsichi keewwatni 6, kan Hidhannoo Hiikkachuu, Diigamuu, fi Deebi’anii Walitti Makamuu (DDR) jedhu “karaa rifarandamii dabalatee ummata Tigraay mirga uumamaan qabu fi fedhii ummata Tigraay guutummaatti mulqee jira” jedheera.

“Humna hidhatee tokkicha fudhachuun Raayyaa Ittisa Tigraay (TDF) hidhannoo hiikkachuu fi addaan kutuu irratti walii galuun ummata Tigraay humnoota yakka hammeenya suukaneessaan himataman harkatti dhiisuudha,” jechuun cimsee mormeera.

Hayyoonni kunneen “TDF qofa nageenya Tigraay kan kennu” jechuun diigamuu Raayyaa Ittisa Tigraay (TDF) guutummaatti mormaniiru.

Paartileen siyaasaa Tigraay sadii jechuunis – Paartii Walaba Tigraay, Salsaay Wayyaanee Tigraay, Kongireesii Biyyaalessaa Tigraay Guddittii – ibsa waloo torbee darbe baasaniin DDR dabalatee tumaalee hedduu kaasuun waliigalticha kuffisaniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.