Seenaa Gabaabaa Dooktara Kabajaa Artiist Alii Birraa – Urjii Muuziqaa Oromoo, Dirree Dhawaan Biqilchite

Alii Birraan eenyu? 

Alii Birraan abbaa isaa Mohaammad Musaa fi haadha isaa Faaxuma Alii irraa bara 1948 magaalaa Dirree Dhawaatti dhalate. Abbaan isaa kutaa gosa Afran Qalloo Alaa jedhamurraa yoo ta’u magaalaa Graawaa jedhamu irraa dhufe. Faaxumaa Aliin gama isheetiin kutaa gosa Afran Qalloo Jaarsoo irraati. Mohaammadii fi Faaxumaan Dirree Dhawaatti wal arganii naannoo bara 1946/7tti wal fuudhan. Ganda Qoree jedhamu keessa jiraachuu kan jalqaban yoo ta’u, achitti daa’ima dhiiraa jalqabaa Caamsaa 22, 1948 argatanii maqaa akaakayyuu isaatiin Alii jedhanii moggaasan. Aliin obboleessa isaa dhiiga balaan erga dhabee booda mucaa tokkicha ta’ee hafe. Taatee kana booda utuu hin turin warri isaa wal hiikuun manni murtii shari’aa abbaan isaa Alii akka guddisu murteesse.

Aliin umrii isaa waggaa 5tti mana barumsaa Qur’aanaatti seenuun barnoota isaa eegale.Manneen barnootaa Qur’aanaa kaarikulamii biyyoota Islaamaa irraa fidaman kan fayyadaman yoo ta’u, gosoota barnootaa xiyyeeffannaan kenname keessaa Qur’aana qo’achuun tokko ture. Umurii isaa waggaa 11tti Juuz(kutaalee) Qur’aanaa 30 keessaa walakkaa xumuree ture. Manneen barnootaa Islaamaa keessatti dandeettii afaan Arabaa isaatiin namoota baay’ee biratti barataa cimaa ta’uun beekamtii argateera.

Akkasumas maqaa Ustad Saghir (barsiisaa xiqqaa) jedhamuunis beekama. Aliin erga barnoota Qur’aana baratee booda mana barumsaa mootummaa naannoo Kaziraatti argamu, mana barumsaa Li’uul Mokonniin, bakka afaan Arabaa akka gosa barnootaatti hin kennamnee fi afaan barnoota Amaariffaa turetti barnoota isaa itti fufe. Kana hordofee mucaa isaa gara mana barumsaa amantii hin taaneetti erguu isaatiin olloota isaa irraa qeeqa kan isa mudate abbaan isaa Mohaammad ilma isaa mana barumsicha keessaa baasee gara mana barumsaa Qur’aanaatti deebise. Sana booda barnoota Qur’aana durse waan xumureef barattoota kutaa tokkoffaaf afaan Arabaa barsiisuuf gita hojii itti kennamee, gita hojii barsiisummaa kanaan kaffaltii barnootaa ji’aa birrii sadii irraa bilisa ta’uun ji’atti birriin kudhan kaffalamaaf ture.

Mana barumsaan alatti Aliin wantoota ittiin bohaaruu biroo qaba ture. Umuriin isaa dabalaa yeroo deemuu jaalala muuziqaa fi bashannanaaf qabu agarsiisuu eegale. Mana barumsaa fi qe’ee isaatti sirbu fi shubbisuu ni jaallata ture. Abbaa isaa waliin mana sinimaa keessatti fiilmii ilaaluu fi ijoollee umuriin isaanii isatti dhiyaatu waliin kubbaa miilaa taphachuun taphoota ijoollummaa isaa keessaa tokko ture.

Maqaa  ‘Alii Birraa’ jedhu akkamitti argate

Baandiin afaanii fi aadaa Oromootiin boonuu fi quuqama beeksisuuf qabuun beekamu Urjii Bakkalchaa (boodarra Afran Qalloo jedhamee moggaafame) jalqaba bara 1960moota keessa erga hundeeffamee yeroo muraasaan booda, Aliin umurii isaa waggaa 13tti kutaa xiqqaa (junior division) baandichaatti makame .Ibraahim Mohaammad Adam, Abubakar Mohaammad Adam, Ali Abdi Jaama, Eeliyaas Ibraahim Buroo, Ibraahim Yusuf, Abdosh Abraa, Abdusalam Yusuf, Eeliyaas Yuusuf Adam fi Khalid Bakar Usman miseensota baandii kanaa biroo turan. Sana booda agarsiisni ummataa Afran Qalloo jalqabaa kan Aliin irratti hirmaate bara 1963 halkan Iidaatti kan qophaa’e yoo ta’u, Aliin carraa sirba “Birraa dha Bari’ee” jedhu taphachuu argate. Sana booda Aliin beekamtii guddaa argachuun mata duree sirba inni taphate irraa maqaa umurii isaa guutuu ittiin beekamu “Ali Birraa” jedhu argate. Battalumatti gara miseensummaa baandii Afran Qalloo ol’aanaatti guddachuun sirba sirbuu eegale.

Hojii ogummaa muuziqaa hanga angafummaatti 

Dhiibbaan mootummaa Haayilasillaasee; akka gulaallii muuziqaa fi himannaa aangawoota irraa miseensota Afran Qallo irratti dhiyaachaa ture miseensonni baandichaa ergamtoota tika mootummaa waliin waliigaltee uumuun akka wal shakkan taasiseera. Sababoota kanaa fi kanneen birootiin baandichi addaan ba’uuf dirqame. Walitti dhufeenya haaromsa aadaa fi ofitti amanamummaa Oromoo kan baandiin Afran Qalloo bakka bu’e irratti hojjachaa ture gidduu jiru hubachuun, ga’een mootummaa baandii kana addaan baasuu keessatti qabu haaluu hin danda’amu.

Sana booda bara 1964tti Alii fi hiriyaa isaa Ismaa’eel Mummad Aadam seeraan ala gara Jibuutii seenuuf osoo yaalan qabamanii mana hidhaa seenan. Hiriyyaan isaa battalumatti yoo hiikamu Aliin baatii tokkoof mana hidhaa keessa ture. Ji’a tokko booda erga mana hidhaatii ba’ee booda hiriyoota isaa durii kanneen gara Jibuutii baqatan waliin ji’a afuriif Jibuutii ture. Amajjii 1, 1965 hiriyoota isaa sadan jechuunis Abubakar Musaa, Mohaammad Yusuf fi Aliyyee Ahmad Ali waliin Jibuutii irraa bahuun gara Dirree Dhawaatti deebi’an. Yeroo achi gahan humnoonni tikaa mootummaa waltajjiiwwan muuziqaa Jibuutiitti dhiyeessaa turanitti mootii biyyatti yeroosii arrabsaniiru jechuun himatanii to’annoo jala isaan oolchan. Guyyaa guutuu erga qoratamanii booda gara Harar geeffamanii ji’a afuriifi guyyaa kudha jaha mana hidhaa Harar keessatti dabarsan.

Erga mana hidhaa Harar irraa gadhiifame booda, Aliin, Waxabajjii 20 bara 1966 gara Finfinnee deeme. Erga Finfinnee gahee booda Aliin bakkeewwan al-idileetti muuziqaa taphachuu itti fufe. Fulbaana 27 bara sanatti, Aliin agarsiisa muuziqaa ayyaana Masqalaa sababeeffachuun Sinimaa Raasitti qophaa’e akka sirbu affeerame. Gahumsi guyyaa sanaa Aliin Orkeestiraa (garee muuziqaa) Kibuur Zabanyaa keessatti akka qacaramu isa taasise. Aangafoota muuziqaa Itoophiyaa kanneen akka Xilaahuun Gassasaa, Muhamuud Ahmad, fi Bizunash Baqqalaa waliin sirboota isaa dhiyeessuu eegale. Garee kana waliin Itoophiyaa fi Sudaan keessa imaluun weellistoota biyya Sudaan bebbeekamoo kan akka Mohaammad Wardii waliinis sirbaa ture. Yeroo Finfinnee keessa ture iddoowwan gurguddoo akka Tiyaatira Hagar Fiqir fi Tiyaatira Raas keessatti sirba dhiheessa ture.

Aliin Orkeestiraa Kibuur Zabanyaatti erga qacaramee utuu hin turin Waldaa Maccaaf Tuulamaa waliin hariiroo uume. Muuziqaa fi diraamaa dabalatee sochii aadaa waldichaa irratti hirmaateera. Sochiin isaa kunis xiyyeeffannoo humnoota nageenya mootummaa keessa isa galche. Kana malees sirni fi naamusi cimaa Kibur Zabanyaa keessa ture Aliif rakkisaa ta’aa dhufe. Waggaa sadii booda hojii isaa dhiisee hojiif biroof gara Buufata Baaburaa Awaash deeme.

Turtii muraasa buufata baaburaa Awaash keessatti dabarse booda yeroo lammaffaaf gara Finfinneetti erga deebi’ee booda hojii isaa muuziqaa itti fufe. Afaan dhaloota isaa, Afaan Oromoon alatti afaan Amaaraa, Arabaa, Hararii, fi Somaaleetiin sirbuu danda’a ture. Albamii isaa isa jalqabaa mata duree “Abbaa Lafaa” jedhuun bara 1975 Baandii Aduu Birraa waliin kan waraabe yoo ta’u, albamni kun seenaa muuziqaa Oromoo keessatti isa jalqabaati.

Sirbootni Albama kana keessa jiran ergaawwan jaalalaa, warraaqsaa fi qoodinsa lafaa haqa qabeessa ta’e qabatu. Sirboota albama kana keessatti argaman keessaa kanneen akka Abbaa Lafaa, Sin Barbaada Hogguu fi Ushurururu sirboota Aliin hedduu ittiin beekameedha. Sana booda baandii Ayibeekis dabalatee baandiiwwan adda addaa waliin hojjateera. Itti aansuunis albama milkaa’aa ta’e kan baasee yoo ta’u, albamni isaa beekamaan mata duree “Ammaalelee” jedhuun bara 1979 ba’e. Sana boodas artistoota gurguddoo akka Muluqan Mallasaa waliin Hoteela Raas keessatti hojjachuu eegale. Bara 1984 gara biyya alaa osoo hin deemin dura waggoota torbaaf Hoteela Raasitti hojjateera.

Ebla 27, 1984 haadha warraa isaa yeroo sanaa lammii Siwiidinii, Birgitta Åström, waliin gara biyya Ameerikaa deeme. Erga Ameerikaa deemee boodas yeroo muraasa keessatti deebi’ee waltajjii irratti sirbu eegale. Booda aartistoota Itoophiyaa biroo kan akka Aster Awwaqe, Haagos Gabrahiwot fi Tashomaa Mitikkuu itti dabalamanii waliin hojjachuu eegalan. Artistoota kana waliin garee ijaaranii gara magaalota adda addaatti imalan. Sana booda haadha warraa isaa Birgitta waliin biyya Siwiidinii fi Saa’udi Arabiyaa jiraate. Caamsaa bara 1992 waltajjii muuziqaaf gara Ameerikaa deebi’uun hariiroo haadha manaa isaa waliin qabu addaan kute. Sana booda Kaanaadaa galuun mana nyaataa ofiisaa bane gaggeessaa fi muuziqaa isaa dhiheessaa jireenya isaa itti fufe. Turtii jireenya isaa Kanaadaa keessatti bara 1995 badhaasa ‘Music Africa Merit Award’ injifateera.

Aliin jireenya biyya ambaa waggoota digdamaa booda bara 2005 gara Itoophiyaatti deebi’uun isaa salphaatti hin dhufne. Garuu dhumarratti carraaqqii barreessaa walaloo Oromoo beekamaa Mohaammad Ahmad (Qophee)tiin gara biyyaatti deebi’e. Mootummaan Itoophiyaa simannaa olaanaa isaaf godheera. Sana booda qophiin hedduun eegamaa ture – “Eebba Galmaa Abbaa Gadaa” magalaa Adaamaatti argamu, kan Alii Birraan mataa isaa waltajjii irratti sirba dhiheesse gaggeeffame. Miiraa kanaan dura hin argamne, bifa iyya, imimmaa, shubbisa, dhungannaa fi hammachuu yeroo Aliin sirbu mul’ate hirmaattonni miira waggootaaf ukkaamfame akka baasan agarsiisa. Sana booda hanga du’a isaatti mana jireenyaa magaalaa Bishooftuutti argamu, kan mootummaan Oromiyaa yeroo sanaa akka kennaa itti laate keessa jiraate. Aliin bara jireenya isaa keessatti albamoota muuziqaa shan gumaacheera.

Jireenya dhuunfaa

Aliin umurii isaa keessatti yeroo adda addaatti dubartoota sadii waliin bultii ijaarrate ture. Dubartii lammii Siwiidin Birgitta Åström jedhamtu bara 1982 fuudhee hanga bara 1992tti biyyoota hedduu imaluun ishee waliin jiraate.Ergasii ishee irraa adda bahee jireenya haaraa Kanaadaatti jalqabe. Sana booda bara 1993 dubartii Nujumaa Mohaammad jedhamtu fuudhe. Gaa’elli kun garuu yeroo dheeraa osoo hin turiin bara 1995 addaan ba’an. Alii fi Nujumaan erga addaan ba’anii ji’a lama booda Aliin karaa hiriyaa isaa Liillii Maarqos waliin wal bare. Yeroo muraasaaf jaalalaan erga waliin turan booda bara 1997 waliin jiraachuu eegalan. Alii fi Liiliin Adoolessa 29 bara 2007 nikaah shari’aa jalatti hidhuun gaa’ela isaanii seera qabeessa taasisan. Ergasii, Aliin erga gara Itoophiyaatti deebi’ee boodas jireenya isaa guutuu Liillii Maarqos waliin jiraate.

Beekamtii fi Badhaasa

Alii Birraan guddina afaanii fi aadaa muuziqaa Oromoo keessatti gumaacha olaanaa taasiseef dhaabbilee adda addaa irraa badhaasa fi waraqaa ragaa dinqisiifannaa hedduun dhaabbilee adda addaa irraa argateera. Umurii isaa guutuu qabsoo Oromoon bilisummaaf godhe keessatti gaheen inni qabu hojii isaa keessatti calaqqifama. Addatti ammoo Aliin bara 2010 Yunivarsiitii Jimmaatiin digrii doktoorummaa kabajaa kan badhaafame dabalatee waggoota 30 keessatti badhaasa 50 ol kan argateeera. Bara 2018 Adaamaa keessatti daandii guddaa Harar irraa gara galma Abbaa Gadaa geessu maqaa isaatiin kan moggaafame yoo ta’u, magaalaan dhaloota isaa Dirree Dhawaa keessattis bara kana maqaa isaatiin Paarkiin moggaafameera.

Alii Birraan turtii waggoota muuziqaa milkaa’inaa 60 oliif erga hojjateen booda dhumarratti Dilbata Sadaasa 06, 2022 galgala Hospitaala Waliigalaa Adaamaa, bakka dhukkuba cimaa isa mudateen wal’aansa argachaa turetti addunyaa kanarraa boqote.

Hubachiisa gulaalaa: Barreeffamni kun kitaaba seenaa Alii Birraa irratti xiyyeeffatee bara 2019 maxxanfame irraa qindaa’e

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.