Oduu: Abbootiin seeraa sadi eegdoti Jawaar Mohaammad wabiin akka gadi lakkifaman murteessan hidhamuun dheekkamsa kaase

Finfinnee Sadaasa 5, 2022 – Poolisiin magaala Adaamaa abbootii seeraa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa, Dhaddacha Yakkaa bahaa sadi adeemsa seeraa malee hidhuu namni dhimmicha itti dhiyeenyaan beekan garuu maqaan isaanii akka hin eermane gaafatan tokko Addis Standard tti himan.

Abbootiin seeraa Dassaalany Lammii, Mohaammad Jimaa fi Abdiisaa Waaqjiraa jedhaman kaleessa guyyaa Jimaataa Onkolooless 04 naannoo sa’aatii 08:40 tti waajjira isaanii mooraa mana murtichaatti argamuut keessaa poolisii magaala Adaamaatiin kan too’ataman ta’uu maddi keenya kun ni himu.

Akka maddi keenya kun jedhanitti, poolisiin abbootii seeraa kanneen yakka shororkeessummaan wal-qabatuun shakkee hidhuu hime. Haata’u malee, abbootiin seeraa kunneen kan qabaman torbee darbe eegdotni nama siyaasaa Jawaar Mohaammad jaha mirgi wabii eegameefii akka gadi lakkiifaman murteessuu isaniitiin wal-qabata jedhan. Eegdonni kunneen yeroo kabaja ayyaana Irreechaa Onkoloolessa 2022 keessa ture kan irra deebiin hidhaman.

Hidhaan abbootii seeraa kana marsaalee hawaasaa irratti hawaasa haqaa biratti dheekkamsa kan uume yoo ta’u, pireezidantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Ma’aazaa Ashannaafii fi Komiishinarri Olaanaa Koomishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Daani’eel Baqqalaa(PhD) hidhamuu abbootii seeraa kanneenii balaaleeffataniiru.

Aadde Ma’aazaan gochichi “baay’ee yaadeessaa dha” jechuun “abbootiin seeraa yakkaan shakkamanii yoo to’atamuun barbaachise, adeemsi cimaan mirgi to’atamuu fi himatamuu dhabuu abbootii seeraa ittiin kaafamu jira” jedhan. Itti dabaluunis “adeemsi hamaan akkanaa kuni walabummaa abbootii alangaa fi dhaabbatasanii kan miidhuu waan ta’eef, dhimmicha hordofuun murtiin kuni akka geeddaramuuf yaalii gochaa jirra” jedhan.

Koomishinarri Olaanaa Koomishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Daani’eel Baqqalaa gamasaatiin adeemsi akkanaa “seeraan alaa fi walabummaa abbootii seeraa kan miidhuudha” jedheera.

Akka Koomishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsetti abbootiin seeraa sadan kan hidhaman ajaja manni murtii aanaa shakkamtoonni kunneen abbootii seeraa ta’uu otuu hin beekin baaseen yoo ta’u, battala abbootii seeraa ta’u hubatetti ajajicha haqee jira.

Haata’u malee, hanga oduun kuni maxxanfamutti abbootii seeraa kunneen magaalaa Adaamaa waajjira poolisii kutaa magaalaa Dambalaatti hidhamanii kan jiran ta’uu AS mirkaneeffatee jira.

Manni Murtii Olaanaa Oromiyaa dhimma kanarratti ibsi baase hin jiru. Yaaliin Addis Standard mana murtichaarraa odeffannoo argachuuf taasisees hin milkoofne. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.