Finfinnee, Sadaasa 04/2022 – Daangaaleen Maalaawii godaantota biyyoota Afrikaa kan akka Itoophiyaa irraa dhufaniif karaa dabarsoo guddaa ta’aa jiraachuu ogeeyyiin godaansaa fi mirga namoomaa himan. Eejansiin Baqattootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNHCR) Maalaawiin lammiilee biyyoota adda addaa gara biyyoota akka Afrikaa Kibbaatti daddabarfamaa jiraniif karaa qaxxaamuraa ta’uu ishee mirkaneesseera. “Giddugaleessaan ji’a ji’aan koolu galtoota 200-400 gara biyyattii dhufan galmeessine,” jechuun itti gaafatamaan itti aanaa hariiroo alaa UNHCR Kenyii Imaanu’eel Lukaajoo DW’tti himeera.
Ji’a Adoolessa keessa poolisiin Maalaawii konkolaataa fe’umsa bishaanii tokko lammiilee Itoophiyaa 42 fe’ee gara Maalaawii seenaa ture daandii daangaa Taanzaaniyaa irratti too’annaa jala oolcheera. Kana malees, poolisiin naannichaa akka jedhetti bara kana baatii Amajjii hanga Fulbaana gidduutti yoo xiqqaate godaantota 221 kan too’atan yoo ta’u, isaan keessaa 186 lammiilee Itoophiyaa ta’uu ibsameera.
Mootummaan Maalaawiis lammiilee Itoophiyaa 600 ta’an kanneen yeroo ammaa too’annoo qaamolee nageenyaa jala jiran gara biyyaatti deebisuuf adeemsa irra jira. Isaan keessaa kanneen 198 ta’an Hagayya irraa eegalee gara biyya isaanitti ergamaniiru.
Baatii Onkoloolessa keessa kaaba Maalaawwiitti awwaala jumlaa reeffa namoota 25 godaantoota Itoophiyaa ta’u jedhame shakkaman of keessaa qabu argachuu Poolisiin Maalaawwii beeksise ture. Poolisiin jiraattota naannoo Mzimbaa, magaalaa guddoo biyyattii Liloongwee irraa gara kaabaatti gara kiiloo meetira 250 fagaatee argamu, irraa eeruu argate. Boodarra lakkoofsa reeffa argame gara 30tti ol guddateera.
Maalaawwiin biyya qaxxaamuraa daandii lafaa gara Afrikaa Kibbaatti geessu irratti argamtu yoo taatu, ‘Daandii Kibbaa’ jedhamuunis beekamti. Akka Dhaabbatni Godaansa Idil-addunyaa jedhutti, daandii kana irra caalaan kan itti fayyadaman godaantota seeraan alaa Itoophiyaa fi Somaaliyaa irraa dhufan carraa diinagdee barbaacha hanga Afrikaa Kibbaa, Keep Taawunitti imalaniiti.
Qorataan dhimma godaansaa Dr. Girmaachaw Addunyaa dhimmoota sababa ijoo godaansa lammiilee Itoophiyaa ilaalchisee akka DW’tti himetti, waraana, rakkoo siyaasaa biyya keessaa, fi hiyyummaan sababoota godaansa lammiilee Itoophiyaa keessaa akka eeraman ibse. Kana malees buqqa’iinsa biyya keessaa tarsiimoo mootummaa irra maddu dargaggoonni biyyaa akka bahan dhiibaa akka jiru hime.
Dargoggoonni Itoophiyaa baay’inaan biyyaa bahan gara Afrikaa Kibbaatti qajeelu.Imala gara Afrikaa Kibbaatti taasisaniin biyyoota kan akka Maalaawii, Keeniyaa, Taanzaaniyaa, Zaambiyaa, Mozaabiikii fi Zimbabuwee qaxxaamuranii darbu. Imala isaanii kana keessattis dararaa fi rakkoo hedduu keessa darbu.
Bara 2015tti dhaabbatni tola ooltummaa wal’aansaa “Doctors Without Borders/Médecins Sans Frontières (MSF)” jedhamu “godaantonni harki caalaan isaanii Itoophiyaa irraa dhufan, lakkoofsaan 200 ol ta’an, yeroo ammaa sababa waraqaa ragaa hin qabneen manneen hidhaa Maalaawwii keessatti hidhamanii jiru. Irra caalaan isaanii gara Afrikaa Kibbaatti imalaa turan,” jechuun hubachiise ture. Godaantonni kunneen yeroo baay’ee haala hamaa keessatti hidhamu. AS