Oduu: Poolisiin Maalaawwii awwaala jumlaa godaantota Itoophiyaa of keessa qabachuun shakkame argate

Finfinnee, Onkololessa 20/2022 – Maalaawwiin kaaba biyyattiitti awwaala jumlaa reeffa namoota 25 godaantoota Itoophiyaa ta’u jedhame shakkaman of keessaa qabu argachuu miidiyaan Maalaawwii Poolisii wabeeffachuun gabaaseera.

“Awwaalli Kibxata galgala argame garuu akka namni itti hin dhiyaanne marsinee har’a [Roobii] qotuu jalqabne. Hanga ammaatti reeffa 25 arganneerra,” jechuun dubbi himaan poolisii Piitar Kalayaa AFP’tti himeera. Akka gabaasichi ibsutti, godaantotni kunneen karaa Maalaawwiitin gara Afrikaa Kibbaatti imalaa akka turan poolisiin shakkeera. 

Poolisiin jiraattota naannoo Mzimbaa, magaalaa guddoo biyyattii Liloongwee irraa gara kaabaatti gara kiiloo meetira 250 fagaatee argamu, irraa eeruu argate. 

Akka gabaasa miidiyaa Malawi24’tti, bara kana baatii Amajjii hanga Fulbaana giddutti godaantota seeraan alaa 221 poolisiitin kan to’ataman yoo ta’u, isaan keessaa 186 lammiilee Itoophiyaa ta’uu ibsameera. Poolisiin dhimmicha qorachaa akka jiru ibseera.

Baatii Waxabajjii bara kanaa Dhaabbanni Godaansa Idil-addunyaa (IOM) godaantotni Itoophiyaa 500 ol ta’an Maalaawii keessatti ukkaamfaman gara biyya isaaniitti deebi’uu akka barbaadan ibsee akka ture hojii mirkaneessaa aangawoonni Itoophiyaa deeggarsa IOM irraa argataniin gaggeessan ni mul’isa.

Maalaawwiin biyya qaxxaamuraa daandii lafaa gara Afrikaa Kibbaatti geessu irratti argamtu yoo taatu, ‘Daandii Kibbaa’ jedhamuunis beekamti. Akka IOM jedhutti, daandii kana irra caalaan kan itti fayyadaman godaantota seeraan alaa Itoophiyaa fi Somaaliyaa irraa dhufan carraa dinagdee barbaacha hanga Afrikaa Kibbaa, Keep Taawunitti imalaniiti. Afrikaa Kibbaa osoo hin seenin dura Taanzaaniyaa, Maalaawwii, Zaambiyaa, Zimbaabuwee ykn Moozaambiik keessa imaluu qabu.

Qorannoon IOM Caamsaa keessa gadhiise, ‘Daandiin Kibbaa’ fageenya dheeraa irra deemuu, daangaa hedduu qaxxaamuruu, daldaltoota irratti hirkachuu fi karaa irratti giddu-galeessitoota jijjiiruu irraa kan ka’e balaa eegumsaa guddaatiin kan guutame ta’uu ibseera.

Bara 2015tti dhaabbatni tola ooltummaa wal’aansaa “Doctors Without Borders/Médecins Sans Frontières (MSF)” jedhamu “godaantonni harki caalaan isaanii Itoophiyaa irraa dhufan, lakkoofsaan 200 ol ta’an, yeroo ammaa sababa waraqaa ragaa hin qabneen manneen hidhaa Maalaawwii keessatti hidhamanii jiru. Irra caalaan isaanii gara Afrikaa Kibbaatti imalaa turan,” jechuun hubachiise ture. Godaantonni kunneen yeroo baay’ee haala hamaa keessatti hidhamu. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.