Oduu: Yuunivarsiitiin Istaanfoord Afaan oromoo barsiisuu eegaluu ibse

Birratuu barsiisaa kurmaana tokkoffaa waggaa tokkoffaa Afaan Oromoo
Suuraa: Andrew Gerges / The Stanford Daily)

Finfinnee, Onkololessa 21/2022- Afaan Oromoo  afaanota Itoophiyaa Yuunivarsiitii Staanfoordiitti barsiifaman keessaa tokko ta’uun Birraa 2022 irraa eegalee akka gosa barnoota tokkootti kennaa jiraachuusaa arratni yuunivarsiitichaa gabaase.

“Afaan Oromoo afaanota Afrikaa fi Biyyoota Biddugala Bahaa yuunivarsitichatti kennaman keessaa akka afaan tokkootti barsiifama,” jedha gabaasichi. 

Afaan Oromoo kan eegalamuu danda’e sababii barattoonni Saaroon Saamu’eelii fi Eebban Ibsaa jedhaman “akkaataa seerri yuunivarsiitichaa afaanota iddoo baay’eetti hin barsiifamne dabaluu” eeyyamuun yuunivarsiitichaaf gaaffi dhiyeessaniin ture. 

Yuunivarsitichis yeroo jalqabarratti gaaffii barttoota lamaanii kuffisuu barbaadus boodarra garuu battaluma barattoota Afaanicha barachuuf kutannoo mul’isan sadii argateen baajata ramaduun barsiisaa Afaan Oromoo Balaay Birraatuu jedhamu qacaruun Afaan Oromoo barsiisuu eegaluusaa, addeesseera.

Barattoonni yuunivarsitichaa biraas kanaan duraa yaalii wal fakkaataa gochaa turuusaanii ibsuun, amma garuu Afaan Oromoo barachuu eegaluusaanitti daran kan gammadan ta’uu ibsaniiru.

Barattuun Hawwii Ibraahim jedhamtus, “afaan Oromoo waan hin dandeenyeef akkoo tiyyaan walii galuu nan rakkadha ture” jette.

Afaan Oromoo barachuu fi dubbachuun aadaa fi seenaa abbootii isaanii akka hin banne gochuuf faayidaa guddaa kan qabu ta’uu, barttoonni eeraniiru.

Mootummaan Haaylasillaasee “ummata Oromoo fi aadaansaa akka liqimfamuu yaaduun Afaan Oromoo akka hin dubbatamne, ittiin hin baramnee fi bulchiinsaa keessatti akka hojiirra hin oollee dhoowwuun bara 1941 seera baasuusaas yaadachiiseera.

Mootummoonni Itoophiyaa darban olola “Afaan Oromoo tokkummaa biyya kanaa ni danqa” jedhuun afaanicha awwaaluuf yaalii hedduu taasisaa turuusaanii seenaan ni yaadata. Haata’u malee, yeroo ammaatti Afaan oromoo Swaahilii fi Yoorubaatti aanuun afaanota Afrikaa ardittii keessatti baa’ina dubbataa qabaachuun afaan sadaffaadha.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.