Oduu: Manneen maree nageenyaa fi tasgabbii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi kan Gamtaa Afrikaa dhimma Itoophiyaa irratti mari’ataa jiru

Bliinkanii fi Guteerees barbachisummaa waraana dhaabuu fi humnoota Eritraa baasuurratti dubbatan

Finfinnee, Onk 21, 2022 – Gamtaa Afrikaatti Manni maree nageenyaa fi tasgabbii haala adeemsa marii nageenyaa Itoophiyaa kan Gamtaa Afrikaatiin hogganamurratti ibsa argachuuf har’a walgahii gochaa jira.

Akka Amani Africa gabaasetti, “jaqabarratti, dhimmi Itoophiyaa walgahii korichi ji’a ji’aan taasisuu keessa hin turre,” jedhe. Walgahiin kuni “walgahii idilee” Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti manni maree nageenyaa fi tasgabbii har’a mata-duree “nageenyaa fi tasgabbii Afrikaadhaaf” jedhuun taasisaa jiru dursee kan dhufee dha.

Ibsa Gaanfa Afriikaatti ergamaan addaa Gamtaa Afrikaa Oluseeguun Obaasaanjoon, dhimma Itoophiyaarraatti Hagayya 04, 2022 Mana Maree nageenyaa Gamtaa Afrikaatiif laaterratti waraana Itoophiyaa karaa nagaatiin hiikuuf gochaawwan inni raawwachaa ture hubachiiseera.

Walgahii har’a Manneen maree nageenyaa fi tasgabbii Gamtaa Afrikaa fi Biyyoota Gamtoomanii gidduutti godhamuuf jiru dursuun barreessaan haajaa alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan barreessaa Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guterees wajjiin kaleessa mari’ataniiru.

Akka barreeffamni tiwiitaraa Antooniyoo Guterees mul’isutti, “hammaachaaa deemuun waraana Kaaba Itoophiyaa baay’ee yaachisaa ta’uu fi lammilee nagaarratti miidhaa jumlaa qaqqabsiisuu akka danda’u yaadessaa ta’uu,” eeruun, “barbaachisummaa waraana dhaabuu, gargaarsa namoomaa itti fufsiisuu fi marii nageenyaa” jala muruun dubbateera.

Akkasumas, “marii nageenyaa Gamtaa Afrikaatiin hogganamu kan torban dhufu keessa godhamutti abdii akka qabu,” ibsuun, “Eritraanimmoo waraanashee Kaaba Itoophiyaatii akka baaftu,” akeekkachiiseera.

Walgahiiin Manni Maree nageenyaa fi tasgabbii dhaabbata biyyoota gamtoomanii biyyoota A3 jedhamuun beekaman – Gaaboon, Gaanaa fi Keeniyaa – Onk 17 kan gaafatame ture. Gaafichis kan dhufe erga dura taa’aan Koomishinii Gamtaa Afrikaa Muussaa Faaqii Muhaammat naannoo Tigraay keessatti “saffisaa fi haal-duree malee waraana dhaabuu fi tajaajila gargaarsa namoomaa itti fufsiisuuf” waamicha erga godhee booda. Mootummaan naannoo Tigraay waamicha kan fudhachuudhaan fi hatattamann waraana dhaabuuf qophaa’aa ta’usaa ibsee ture.

Mootummaan feederalaa garuu ibsa Onk 17 baaseen, “tarkaanfii haleellaa ABUT [Adda Bilisummaa Ummata Tigraay] diinoota biyya alaa wajjiin ta’uun irraa deddeebiin nurratti bane qolachuu itti fufna,”jedhee ture.

“Buufata Xiyyaaraa, dhaabbatoota feederaala biroo fi bu’uuraalee misoomaa to’achuun barbaachisaa dha jedhee amanas,” jedheera. “Lammiileen nagaa fi hojjattoota gargaarsa namoomaas iddoolee meeshaa waraanaa ABUT jiran irraa akka of fageessan,” gaafatee ture.

Erga waraanni Itoophiyaa, Eritraa fi humni addaa naannoo Amaaraa loltoota Tigraay naannicha keessaa baasuuf dhiibanii booda waraanichi garmalee hammaachaa deemeera.

Guyyaa Kibxataa mootummaan ibsa baaseen “magaalota keessatti waraana utuu hin godhiin” magaala Shiree, Alaamaaxaa fi Koram to’achuusaa ibsuun lammiilee nageenyaa miidhamaa jiru isa jedhu “oduu hin mirkanaa’in” jechuun ceephee ture.

Akka Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii jedhetti garuu namoonni tilmaamaan 210,000 ta’an akka haaraatti qe’eerraa buqqa’uun yeroodhaaf iddoo Zalaazalee jedhamutti qubatanii jiran “haala hammaataa ta’een qorraa fi miidhaalee birootiif akka saaxilamaniitti iddoo banaa ta’eerra rafaa kan jiru.”

Lammileen kuni Taahitaay Adiyaaboo fi Shiraaroo jedhaman Kaaba Lixa Tigraayirraa buqqa’anii dha.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii, “namoonni garmalee gargaarsa barbaadan kan haleellaa Onk 14 godhameen madaa’anii fi ajjeefamanii dha.”

Ibsa Onk 17 baaseen Antooniyoo Guteerees haalli Itoophiyaa keessa jiru “to’annoon alaa ta’aa jira,” jedhee ture.

“Walitti dhufeenyi hawaasummaa addaan citaa fi lammiilee nagaa gatii hammaataa kaffalaa jiru. Lolli Tigraay keessa jiru hatattamaan dhaabbachuu qaba – humnoonnin Eritraas waraana addaan kutanii saffisaan Itoophiyaa gadhiisanii bahuu qabu,” jedheera.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti ergamaa Itoophiyaa kan ta’e Ambaassaadar Taayyee Atsqasillaaseen ibsa Antooniyoo Guteeres baaseen “kan hin mirkanaa’inii” fi dhugaa kan hin mul’ifnee dha jechuun kuffisee ture.

Ambaasaaddarichi fuula Twiitaraasaarratti, “Ibsoonni filatamanii fi arbaa’anii keennaman hundisaaniituu dhugaa jiru kan mul’isanii miti,” jedheera. Ibsichi “yaalii marii nageenyaa Gamtaa Afrikaatiin hogganamuu fi dandeettii Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii marii nageenyaatiif gumaachuu danda’u kan xiqqeessuu”, jechuun qeeqe.

Mariin Gamtaan Afrikaa fi Mootummoota Gamtooman gidduutti har’a adeemsfamaa jiru kuni marii Onk 24 Afrikaa Kibbaatti godhamuuf qabame sana dursee kan taasifamuu dha. Itti bahiinsi mariiwwan kanneenii maal akka ta’e amma dura wanti barame hin jiru.

Mootummaan Itoophiyaaa ibsa Kamisa baaseen, “marii nageenyaa Onk 24 Afrikaa Kibbaatti kan taasifamu ta’uu Gamtaan Afrikaa nu beeksiseera,” jechuun kan hirmaatu ta’u ibseera. Haata’u malee, ibsi gama aanga’oota Tigraayiin kenname hin jiru. Gamtaan Afrikaas ibsi bal’aan laate hin jiru.

Yaaaliin marii nageenyaa dhaabbanni ardii Afrikaa taasise torbanoota lamaan darban keessatti isa lammataati. Xalayaa Gamtaan Afrikaa “marii nageenyaatiif” Onk 08 eegalee Afrikaa Kibbaatti godhamutti affeeruun Onk 01 Pireezidaantii Naannoo Tigraay Dabratsiyoon Gabramikaa’eliif (PhD) ergeen guyyaasaa dogoggoruun Dilbata jedhee ture. Mootummaan naannoo Tigraayii fi mootummaan feederalaa affeerraan sana fudhatanii ture.

Walgahiin koree nageenyaa fi tasgabbii Gamtaa Afrikaatiin godhamu waamicha waraana dhaabuu fi ajjeechaa lammilee nagaa balaalleeffachuun ibsa ni baasa jedhamee eeggama. Akkasumas, “waamicha jabaa haal-duree malee waraana dhaabuu fi gargaarsa namooomaa itti fufsiisuuf dura taa’aan Gamtaa Afrikaa Onk 15 godhes ni fudhata jedhamee eeggama,” kan jedhe Amani Africa dha.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.