Oduu: Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuutti haleellaa hidhattoonni “Faannoo” raawwataniin namoonni 30 ajjeefamuu aanga’oonni aanichaa mirkaneessan

Finfinnee, Onkoloolessa 22/2022- Naannoo Oromiyaa, Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Kiiramuu gandoota 4 keessatti, torban darbe Onkoloolessa 15, 2022 haleellaa hidhattootni raawwataniin lubbuun namoota hedduu darbuu fi manneen jireenyaa 50 ol gubachuu Sagaleen Ameerikaa (VOA) aanga’aa mootummaa aanichaa fi jiraattota irraa odeeffachuun gabaaseera. Bulchaan Aanaa Kiiramuu Fiqaaduu Hundee VOA Afaan Oromoof akka himeetti, haleellaa raawwatameen namootni 30 ajjeefamu dubbate. 

Bulchaan Aanaa Kiiramuu, Fiqaaduu Hundee, waa’ee haleellaa kana ilaalchisuun yaada VOAf laateen, “Finxaaleeyyiin maqaa saba Amaaraatin hundaa’anii gariin isaanii asuma jiraataa kan turanii fi gariin ammoo godina Horroo Guduruu irraa dhufan ‘ani diinan rukuta’ jedhanii sobanii meeshaa seeraan alaa hidhachuun aanaa Kiiramuu keessatti gandoota Guddina Jireenyaa, Caffee Soorumaa, Burqaa Soorumaa fi Naccinoo jedhamanitti meeshaa seeran alaa mootummaan hin beekne fayyadamuun haleellaa raawwataniin maanguddoota umurii 75 ol ta’an ajjeesaniiru. Haleellaa kanaan dhiira 29 fi dubartiin 1 waliigalaan namootni 30 ajjeefamaniiru,” jedhe.

Jiraataan aanichaa yaada isaa VOAf kenne tokko [maqaan sababa nageenyaaf kan hin ibsamne] sababa haleellaa raawwatameen walqabatee ganda Guddina Jireenyaa keessaa maatii isaa torba waliin baqatanii bakka qubannaa akka jiran dubbate. “Ganama barii osoo namni quba hin qabaatiin uummatatti naanna’anii dhukaasni jalqabame. Uummatni gara itti bahu dhabee namni baay’ee achumatti wareegame, namni baqatee bahees jira. Kan madaa’ees hedduudha,” jedhe. 

Jiraataan kun namootni haleellaa kana raawwatan “finxaaleeyyii Amaaraa meeshaa hidhatanii naannoo Amaaraatti leenjii fudhatanii dhufan” akka ta’an himuun, waa’ee eenyummaa namoota kanaa yeroo ibsu “kan nu keessa guddatanii fi afaan keenyallee dubbachuu danda’an” jechuun ibsa. “Isaan biyya beeku, achitti [Naannoo Amaaraa] dhaqanii leenji’anii hidhannoo guutuudhaan deebi’an” jedhe. 

“Gandi Guddina Jireenyaa keessaa namni tokko utuu hin hafiin guutummaa guutuutti buqqaaneerraa” kan jedhe jiraataan kun, sababni haleellaa kanaas “uummata kana lafa kanarraa buqqisanii laficha fudhachuu” fi “qaama shanee jedhamu balleessina” kan jedhu akka ta’e hima. “Garuu kan isaan fixaa jiran shanee osoo hin taane uummata nagaati,” jedhe.  

“Qaamni mootummaa magaalaa keessa jira. Maaliif nuun ilaaltanii yeroo jennuunis deebii ‘nuti akka shaneen hin galleef magaalaa taa’aa eegaa nuun jedhan malee waa’ee qaama biraaf ajaja nutti laatame hin jiru’ jedhuutu nutti laatame,” jedhe. 

Namni kan biraan yaada isaa VOAf kenne Dr. Dirribaa Abdannaa akka jedhamu fi jiraataa magaalaa Naqamtee akka ta’e ibsuun, haleellaa kanaan abbaa isaa akka dhabe dubbate. “Ani abbaa koo jaarsa waggaa 85, Abdannaa Dureessaa jedhamuun dhabe. Warri danda’an baqatanii bahaniiru, abbaan koo ammoo jalaa baqachuu hin dandeenye. Balbalarra taa’ee otuma jiru rasaasa itti roobsanii ajjeesan. Yeroo sanaa ganda sana keessaa isa dabalatee namoota jahaatu wareegame. Abbooti baqachuu hin dandeenye achumatti ajjeesan. Qe’ee sana keessa warri dhuman hundu unuuf akka maatiidha. Amma magaalaa Naqamtee keessatti gadda maatii keenya waliin taa’aa jirra. Qaamni nageenyaa mootummaa otuma magaalaa keessa jiru uummatni keenya dhume.” 

Hidhattootni kun mana jiraattotaa 50 ol gubuu fi loon saamanii milquu kan himu bulchaan aanichaa Fiqaaduu Hundee, qaamni nageenyaa mootummaa gara iddoo biraa dhaquu isaa haleellaa kana qolachuu akka isaan danqe hime. “Walakkaan gara Horroo Guduruu dhaqeera, walakkaan ammoo aanaa kana keessaas akka diinni magaalaa kana hin qabanne eegaa ture. Garuu akka tasaa odeeffannoo yeroo dhabamullee jira. Akkuma haleellaan raawwatame garuu milishaan aanaarra jiru dhaqee dhukaasa dura dhaabbachuun qabaneesseera.” 

Dhimma kana ilaalchisee Addis Standard Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) kan dubbise yoo ta’u, dhaabbatichi dhimma kana irratti odeeffannoo akka isa qaqqabee fi sababa bakka sanii neetworkiin hin jirreef mirkaneessuufi odeeffannoo qabataa argachuuf akka rakkate ibseera. 

Haleellaa yeroo adda addaatti godinaalee Horroo Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Bahaatti raawwataman ilaalchisee jiraattota fi aanga’oonni naannichaa hidhattoota ‘Faannoo’ jedhaman yeroo himatan dhagahama. 

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gabaasa Fulbaana 06, 2022 baaseen, Oromiyaa Lixaatti haleellaa guyyoota lamaaf namoota hidhatanii naannicha irraa walitti qabamanii fi kanneen aanaalee ollaa mootummaa naannoo Amaaraa irraa qaxxaamuranii dhufaniin raawwatameen, hawaasa Oromoo keessaa namoonni 60 ol ta’an ajjeefamuu mirkaneesse ture. Gabaasni komishinichaa waa’ee hidhattoota al kallattii “Faannoo” jedhamuun beekaman kan hin kaasne ta’uus, ajjeechaan ummata nagayaa Hagayya 30 – 31 godina Horro Guduruu Wallaggaa, aanaa Amuruu keessatti akka raawwatame mirkaneessee jira.

“Haleellaan kun kan raawwatame erga humnoonni nageenyaa mootummaa naannoo sanatti bobbaafaman gara naannoo biraatti geeffamanii booda” kan jedhe KMNI, haleellaa Hagayya 30 – 31, guyyoota lamaaf raawwatameen, namoonni 60 ol ajjeefamuu, namoonni 70 ol miidhamuu fi kanneen 20,000 ta’an qe’ee isaani irraa buqqa’uu, akkasumas qabeenyi fi loon jiraattotaas akka saamamame hubachu danda’uu ibse. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.