Oduu: Jilli marii nagaa Tigraay Afrikaa Kibbaa gahe, Biliinken Pirezidaanti Ruutoo, Ministira Haajaa Alaa Afrikaa Kibbaa Paandor waliin haasa’e


Finifinnee, Onkoloolessa 24/2022-Marii nageenyaa Gamtaa Afrikaatiin hogganamu kan Afrikaa Kibbaatti guyyaa har’aa godhamuuf deemutti hirmaachuuf bakka bu’oonni aanga’oota mootummaa naannoo Tigraay keessaa filaman Afrikaa Kibbaa gahaniiru. Barreeessan haajaa alaa Ameerikaa Antoonii Biliinken pirezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo wajiiin haasa’uun gahee murteessaa nagaa fi tasgabbii Itoophiyaa fi Baha Afrikaa keessatti qabu  yaadachiiseera.” Biliinken “haala marii nageenyaa Itoophiyaa bu’a-qabeessa taasissuuu irrattis ministera haajaa alaa fi tumsaa Afrikaa kibbaa, Naaleedi Pandoor, wajjiinis haasaa taasisaniiru.

Bakka bu’oonni mootummaa naannoo Tigraay Afrikaaa Kibbaa galuusaanii Kindeeyaa Gabrahiwoot (PhD), Koree Giddu-galeessa Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) fi miseensa haajaa alaa Tigraay, kaleessa galgala himaniiru. Gareen bakka bu’oota mootummaa Tigraay marii nageenyaa Gamtaa Afrikaatiin hogganamuutti hirmaachuuf Afrikaa Kibbaa gahaniiiru. Waraana dhaabuu, gargaarsa namoomaa daangaa malee qaqqabsiisuu fi humnoonni Tigraay akka bahan hatattamaan hojiirra akka oolus gaafataniiru. Kuni hin ta’u taanaan, nageenyi waraanaan dhufu hin jiraatu,” jechuun fuula twiitaraarratti maxxansaniiru. 

Ibsa ganama kana baaseen, mootummaan Itoophiyaas gama isaatiin bakka bu’oota marii nageenyaatti hirmaatan gara Afrilaa Kibbaatti erguusaa ibseera. “… Marii nageenyaa Gamtaa Afrikaatiin Afrikaa Kibbaatti qophaa’eerratti ni hirmaata. Mootummaan Itoophiyaa marii nageenyaa kana waldhabbii jiru karaa nagaatiin hiikuu fi injifannoo raayyaa Ittisa biyyaatiin argame kan lafarra mul’achaa jirus daran cimsuudhaaf akka carraatti tajaajila jedhee amana” jechuun ibseera. Itti dabaluun, “Bakka bu’oonni moootummaa Itoophiyaa gara Afrikaa Kibbaa ganama kana sokkaniiru,” jedheera.

Akka maddoonnin keesssoo mootummaa Addis Standarditti himanitti mootummaan Itoophiyaa bakka bu’oota namoota kudhan of keessaa qabu kan gorsaa nageenyaa muummicha ministeeraa, Ambaassadar Reedwaan Huseen,  ministeera haqaa Geediyon Timootiwoos, daayreektara tasgabbii fi ijaarsa dandeettii biyyaalessaa Tamasgeen Tiruunah, hogganaa biiroo ijaarsa dandeettii humna waraanaa Leetnaant Ganaraal Birhaanuu Baqqalaa (hogganaa eegumsa masara mootummaa duraa), qindeessaa biiroo ijaarsa dimookraassii paartii badhaadhinaa Ambaasaadar Hasan Abdulqaadiir fi itti aanaa pireeezidaantii naannoo Amaaraa Geetaachoo Jambar of keessaa kan qabuu dha. Haa ta’u malee, Addis Standard haqummaa odeeffannoo kanaa aanga;oota mootummaaraa hin mirkaneessuu hin dandeenye.

Mootummaan Itoophiyaa Ibsa Waxabajjii 27 baaseen, koreen bakka bu’ootasaa gorsaa nageenyaa muummicha ministeeraa, Ambaassadar Reedwaan Huseen,  ministeera haqaa Geediyon Timootiwoos, daayreektara tasgabbii fi ijaarsa dandeettii biyyaalessaa Tamasgeen Tiruunah, hogganaa biiroo ijaarsa dandeettii humna waraanaa Leetnaant Ganaraal Birhaanuu Baqqalaa (hogganaa eegumsa masara mootummaa duraa), qindeessaa biiroo ijaarsa dimookraassii paartii badhaadhinaa Ambaasaadar Hasan Abdulqaadiir fi itti aanaa pireeezidaantii naannoo Amaaraa Geetaachoo Jambar of keessatti kan hammate ta’usaa eeruun itti aanaan muummicha ministeeraa fi ministeera dhimma haajaa alaa kan ta’an obbo Dammaqaa Mokonniin hogganaa korichaa ta’uus ibsee ture.

Mootummaan naannoo Tigraay ibsa Fulbaana 11 baaseen, bakka bu’oota naannichaa kan ta’an gorsaa mootummaa naannoo Tigraay Geetachoo Raddaa, pirezidaantii naannoo Tigraay Dabratsiyoon Gabramikaa’eeliiii fi hoogganaa humna waraana Itopphiyaa duraa fi miseensa humna waraana Tigraay ijoo kan ta’e Tsaadqaan Gabratinsaa’e kan of keessaa qabu “erguuf qophaa’aa” ta’uusaa ibsee ture.

Bakka bu’oonni mootummaa naannoo Tigraay eenyufaa akka ta’an Kindeeya Gabrahiwoot ifa taasisuu baatus, miidiyaaleen oduu Tigraay banbaleessuudhaan beekaman Geetaachoo fi Let. Ganaraal Tsaadqan miseensa korichaa ta’uu odeessaniiru.

Marii nageenyaa battala waamicha waraana dhaabuu baay’atee jirutti godhamu

Mariin guyyyaa har’aa erga waraana raayyaa ittisa biyaa Itoophiyaa humnoota Ertiraa fi milishaa naannoo Amaaraa tiin deegaramee fi humnoota Tigraay gidduutti godhamaa jiru akka dhaabbatuuf hawaasni idil-addunyaatiin irra deddeebiin waamicha godhanii booda godhamaa jiru kun yaalii mariin nageenyaa amma qindeessuu Gamtaa Afrikaatiin godhame isa lammaffaati.

Humnoonni Ertiraa kan yakka waraananaan walqabate fi yakka mirga namoomaa gochaa jiran Itoophiyaa gadhiisanii akka bahan kan gaafatu ture.

Dhaabbanni mootummoota Gamtoomaniitti (DMG) koreen tasgabbii guyyaa Jimaataa erga walgahii cufaa adeemsisee booda ibsa baasuu dhiisuus Gamtaan Afrikaa garuu “walligaltee waraana dhaabuu hatattamaa fi hunda hammate haal-duree malee fi tamsaasni gargaarsa namoomaa akka itti fufu” waamicha godhee ture.

Sababa biyyoonni A3 – Gaaboon, Gaanaa fi Keeniyaa gaafataniif, DMG guyyaadhuma wal fakkaatu walgahii kan godhe ta’uus ibsa homaatu laachuu hin dandeenye ture.

Sababa bareessan Gamtaa Afrikaa Mussaa Faqii Muhaammat “waliigaltee waraana dhaabuu hatattamaa fi haal-duree malee fi tamsaasa gargaarsa namoomaa itti fufsiisuutiif” waamicha godheef DMGtti koreen tasagbbii fi nageenyaa  fi Gamtaa Afrikaatti koreen tasgabbii fi nageenyaa wal marii godhanii ture.

Waamichi walfakkaataan biyyoota miseensa Dhaabbata mootumaa gamtoomanii fi biyyoota idileetiin godhamee ture. DMGtti bakka bu’aa Ergamaa Ameerikaa kan ta’e  “amma yeroon yeroo qaamonni hunduu waraana hiikkatanii nagaatti ce’aniidha” jedhee ture. Yeroo itti waraana dhaabanii fi tamsaasa gargaarsa namoomaa itti qaqqabsiisanii dha. Amman tana loltoonni Ertiraa waraana dhaabanii kaaba Itoophiyaatii akka bahan mootummaan Itoophiyaa kan gaafaachuu qaba.”

Waraana waggaa lamaaf godhamaa ture kana keessatti namoonni walakkaa miliyoonaa kan du’an yoo ta’u “midhaan jumlaa kana caalu akka hin dhufne Ameerikaan sodaa qabdi,” jechuun  “Ameerikaan warroota lolichi nagaan akka hin hiikamneef jeeqanii fi mirgoota namoomaa sarban irratti tarkaanfii barbaachisaa fudhachuuf qophooftee jirti.”

Onk 20 mootummaan Itoophiyaa waraana karaa nagaatiin hiikuuf qophaa’aa ta’uusaa ibsus, guyyaa sadi dura jechuun Onk 17 waamicha marii nageenyaa kuffisuun “haaleellaa ABUT fi firoottansaa biyyaa alaa wajiin nurratti bane ofirraa qolachuu itti fufna,” jedhee ture.  

Addeemsa Tigraay guutumatti dhuunfachuuf godhamuuf Mootummaan federaalaa  “iddoowwan buufata xiyyaaraa fi dhaabbilee federaalaa biroo to’achuun barbachisaadha jedhee  amana” jechuun lammilee nagaa fi hojjattoota gargaarsa namoomaa iddoowwan meeshaalee waraanaa ABUT jiraniraa akka of fageessan gaafatee ture.

Kanatti aansuun, mootummaan federalaa humnoota Ertiraa fi milishaa Amaaraatiin deeggarmu magaalota Shiree, Kooramii fi Alamaaxaa to’ate. Mootummaan ibsa baasuu baatus, sanbattan darban keessa magaalota Aksuumii fi Adwa to’achuusaa miidiyaalee mootummaa fi aktivistoonni dubbataniiru. AS

.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.