Oduu: Haleellaa Diroonii Godina Shawaa Lixaa Aanaa Cobiitti raawwatameen lubbuun namoota hedduu darbuu jiraattotni himan; ABO fi KFO Haleellaa Qilleensaa Oromiyaa Keessatti Taasifamu Balaaleffatan

Finfinnee, Onkoloolessa 25/2022 – Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Cobii, ganda Oofuu Bakkee iddoo addaa Qaalee jedhamutti, Finfinnee irraa fageenya gara kiiloo meetira 145 irratti haleellaa qilleensaa/diroonii Dilbata, Onkoloolessa 23, 2022 raawwatameen lubbuun lammiilee nagaa 68 ol darbuu jiraattotni himan. ABO fi KFOn haleellaa qilleensaa Oromiyaa iddoowwan garaagaraatti taasifamu balaaleffachuun ibsa baasan. 

Jiraataan maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne tokko akka Addis Standarditti  himeetti, Dilbata ganama gara naannoo sa’aatii shaniitti iddoo addaa Qaalee jedhamu kanatti haleellaa diroonii akka tasaatti raawwatameen lammiilee nagaa hedduu ajjeefamu hime. “Lakkoofsaan hagana jechu baadhuus namni baay’een du’eera. Kan miidhamanis hedduudha. Jiraattotuma aanaa keenyaa hedduutu du’e” jedhe. 

Jiraataa aanaa Cobii kan biraa yaada isaa Addis Standardiif kenne, Kabbadaa [maqaan isaa sababa nageenyaaf kan jijjiirame], guyyaa Dilbata darbe aanaa Cobii iddoo addaa Qaalee jedhamutti haleellaa qilleensaa raawwatameen hanga Wiixata ganamaatti lubbuun namoota 68 darbuu akka mirkanaa’e fi kanneen 100 ol ta’an ammoo madaa’uu hime. 

“Hanga Wiixata ganamaatti reeffa namoota 68 argameera. Yeroo haleellaan raawwatamu namootni hedduu gara bosonaatti baqatanii waan turaniif ammallee barbaachi itti fufeera. Haleellaa kanaan maanguddoo abbaa ijoollee 10 hanga haadha hoosiftu mucaa ishee waliin ajjeefamaniiru. Madoon illee baay’eedha. Naannoo keenyatti sababa rakkoo nageenyaan walqabatee tajaajilli fayyaa erga dhaabbate tureera waan ta’eef kanneen miidhaman illee yaaluma argachaa hin jiran,” jedhe. 

“Erga yeroo dhiyoo asii naannoo keenyatti haleellaan diroonii baay’achaa jira,” kan jedhe jiraataan aanaa Cobii, Kabbadaan, sodaan haleellaan raawwatamu danda’a jedhu waan jiruuf awwaalchi illee halkan halkan akka gaggeeffamu hime. Erga haleellaan raawwatame boodas ammallee haalli nageenya naannichaa sodaachisaa akka ta’e hime.

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) dhimma kana ilaalchisee ibsa Onkoloolessa 24, 2022 baaseen Onkoloolessa 20 booda kutaalee Oromiyaa baay’ee keessatti haleellaan qilleensaa akka raawwatame ibse. Onkoloolessa 20, Godina Shawaa Lixaa, Finfinnee irraa km 70 fagaattee kan argamtu aanaa Meettaa Walqixxee, magaalaa Minaareetti, haleellaa qilleensaa raawwatameen lammiileen nagaa ajjeefamuu fi kaan ammoo madaa’uu ibseera. 

Kana malees, ibsi ABOn baasee kun Onkoloolessa 22 fi 23 ammoo godina Shawaa Bahaa aanaa Fantaallee, godina Shawaa Lixaa aanaalee Meettaa Walqixxee fi Gindabarat fi godina

Wallaggaa Bahaa aanaa Nunnu Qumbaa keessatti haleellaa qilleensaa itti fufee taasifameen lubbuun namoota nagaa hedduu akka darbe, kaan ammoo madaa’uu fi iddoowwan hedduutti manneenii fi qabeenya jiraattotaa akka barbadeeffaman ibsa. Haata’u malee, “baay’ina namoota ajjeefamanii bakkoota hundarraa adda baasuun rakkisaa ture,” jedhe.

“Tarkaanfiin gara jabinaa murni aangoo qabatee jiru ummata nagaa irratti walitti fufiinsaan

fudhachaa jiru dhaabbachuu qaba,” kan jedhe ABOn, dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) fi hawaasni idil-addunyaa “gocha hammeenyaa Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiru osoo beekuu callisuu dhiisee, lubbuu nagaa baraaruuf tarkaanfii barbaachisaa akka fudhatu” waamicha dhiyesseera. 

Haaluma walfakkaatuun Koongiresiin Federaalawaa Oromoo (KFO) ibsa Onkoloolessa 24 baaseen haleellaa aanaa Cobiitti raawwatame dabalataan bakkeewwan akka godina Shawaa Lixaa aanaa Meettaa Walqixxee ganda Qarree Heexoo, godina Wallagga Bahaa aanaa Waamaa Agaloo, godina Shawaa Bahaa aanaa Fantaalleetti haleellaan diroonii raawwatamu ibseera. 

“Mootummaan aangoo qabatee jiru dirqama nagaa ummataa eegsisuu bahachuu dadhabuu bira dabree humnoota isaatii fi humnoota isaan deeggaraman waliin taúun dirooni fii xiyyaara waraanaa fayyadamee ajjeechaa ummata nagaa irratti bobba’ee jira,” kan jedhe KFOn, miidiyaaleen addunyaa fi jaarmiyaaleen mirga dhala namoomaa dhimma kanaaf xiyyeeffannaa akka kennanii fi dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii dhimma kana irratti attattamaan akka mari’atee qaamolee bilisa ta’aniin ajjeechawwan kunneen akka qoratamanii humnoonni sarbama mirga dhala namaa kana irratti hirmaatan akka seeraan gaafataman kallattii akka kaa’u gaafateera. 

Dubbii himaa Idil-addunyaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO), Odaa Tarbii gama isaatiin barreeffama Onkoloolessa 24 fuula Tiwiitara isaarratti barreesseen naannoo Oromiyaa keessatti Onkoloolessa 20 booda haleellaa diroonii 6 “uummata nagaa irratti xiyyeeffatan” akka raawwatamanii fi “du’a namoota dhibbaatamaan lakkaawwaman” akka geessisan ibse. Akka Odaa Tarbiin jedhutti, godina Shawaa Lixaa keessatti qofa haleellaa aanaalee Meettaa Walqixxee fi Cobiitti raawwatameen “lubbuun namoota 150 darbuu mirkanaa’uu” ibse.

Haleellaa Dilbata darbe aanicha keessatti raawwatame booda Wiixata ganamas aanaa Cobii keessatti irra deebiin haleellaa qilleensaa mana barumsaa irratti raawwatameen lubbuun barattoota hedduu darbuu dubbii himaan Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) Odaa Tarbiin suur-sagaleen barattootni uffata mana barumsaa uffatan lafarra kufanii agarsiisu waliin fuula tiwiitara isaarratti maxxansuun ibseera. Haata’u malee lakkoofsa barattoota du’anii hin ibsine.

Dhimma kana ilaalchisee yaada isaanii akka laataniif yaaliin Addis Standard hoggantoota biiroo nageenyaa Oromiyaa fi  godina Shawaa Lixaa argachuun taasise hin milkoofne. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.