Oduu: Mariin nageenyaa Gamtaa Afrikaan hogganamu fuldurratti butamee, Onkololessa 24 Afrikaa Kibbaatti godhamuufi: Itoophiyaa

Finfinnee, Onkololessa 20/2022 – Gorsaan nageenya biyyaaleessaa Muummicha Ministeeraa Redwaan Huseen, “Koomishiniin Gamtaa Afrikaa mariin nageenyaa Onkololessa 24 Afrikaa Kibbaatti akka taasifamuuf murteessusaa nu beeksisee jira,” jedhe.

Yaaliiwwan dhaabbanni ardichaa marii nageenyaa Kaaba Afrikaatti qindeessuuf torbanoota lamaan darban keessa taasise keessaa inni kuni isa lammaaffaati.

Xalayaa Onkololessa 01 Pirezidaantii Mootummaa Naannno Tigraay Dabra Tsiyoon Gabramikaa’eeliif (PhD) ergameen “marii nageenyaa” Onkololessa 8, 2022 irraa eegalee godhamuuf murameetti akka hirmaatu affeeramee ture. Mootummaan naannoo Tigraayii fi mootummaan Federaalaa Itoophiyaa affeericha fudhataniiru.

Haata’uu malee, oduun haaraa sababa rakkina loojistikiitiin maricha gochuun hin danda’amne jedhu himame.

Battaluma “gaggeessaa adeemsa marii nageenyaa” lamaan keessaa tokko kan ta’e pirezidaantiin Keeniyaa duraa Uhuuruu Keeniyaataan haala caaseeffamaa fi adeemsa marichaarratti ibsi dabalataa akka laatamuuf gaafachuun maricharratti argamuu akka hin dandeenye ibseen, adeemsifamuun marichaa shakkii keessa gale.

Reedwaan Huseen har’a ganama akka jedhetti, mootummaan Feederaalaa “hirmaachuudhaaf murannoo akka qabnu irra deebi’ee ibseera.” Akkasumas, “qaamota mariin nageenyaa kuni bu’a dhabeessa jechuun oduu sobaa tamsaasaa jiranitti yaaddoo keessa galuusaa,” ibseera.

Gamtaan Afrikaa haala adeemsa marichaarratti ibsa bal’aa hin laanne. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.