Oduu: Koreen Fannoo Diimaa Idil-addunyaa Itoophiyaa Horroo Guduruu Wallaggaatti namoota qe’ee isaanii irraa buqqa’aniif meeshaalee manaa raabse

Gareen ICRC Itoophiyaa  magaalaa Shaambuutti meeshaalee manaa namoota qe’ee isaanii irraa buqqa’aniif yoo raabsu.
Suuraa: ICRC Itoophiyaa

Finfinnee, Onkololessa 20/2022- Koreen Fannoo Diimaa Idil-addunyaa Itoophiyaa, torban darbe meeshaalee manaa barbaachisoo ta’an maatii 3,310 (Namoota 16,550) magaalaa Shaambuu qubataniif raabsuu beeksise. Deeggarsi kun, lixa Oromiyaa, godina Horroo Guduruu Wallaggaa, aanaa Jaardagaa Jaartee fi Amuruu gandoota 14 irraa buqqa’aniif kan raabsamu ta’uun ibsameera.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Fulbaana 28 ibsa baasen haleellaa eenyummaa irratti hundaa’e irra deddeebiin milishaa Amaaraa, miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo, akkasumas namoota dhuunfaa hidhataniin raawwatameen  godina Horroo Guduruu Wallaggaatti torban sadii keessatti  lammiileen nagaa 100 ol ta’an ajjeefamaniiru jedhe.

Ibsi kun namootni kumaatamaan lakkaa’aman qe’ee irraa buqqa’uu, saamichi bal’inaan raawwatamuu fi qabeenyi akka barbadaa’es eerera.

Hojjataan mootummaa Magaalaa Shaambuu yeroo sana Addis Standard waliin bilbilaan dubbate akka jedhetti, namoonni haleellaa kanarraa baqatan hedduun magaalaa Shaambuu magaalaa guddoo godina Horroo Guduruu Wallaggaa gahuu danda’aniiru. 

Kanaan dura gaafa Fulbaana 06 hawaasa Oromoo keessaa namoonni 60 ol ta’an aanaa Amuruu magaalaa Agamsaa akkasumsa namoonni hoole, bilii,waallii, luqumaa,migir, joj,sammoo, ellamu, nyaaree, awoo, goofii fi iddoowwan garagaraa irraa buqqa’an waan oolfachuu danda’an qabatanii lubbuu of baraaruuf gara Agamsaa baqatan ajjeefamuun isaanii ni yaadatama. KMNI ajjeechaa kun kan raawwatame adeemsa haleellaa guyyoota lamaa keessatti namoota hidhatanii achumaa naannoo irraa walitti qabamanii fi kanneen aanaalee ollaa naannoo Amaaraa irraa qaxxaamuraniin raawwatame jedhe. Lammiileen nagaa 20, 000 ol ta’anis buqqa’uu isaanis eere. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.