Oduu: Humnoonni nageenyaa mootummaa miseensa Gadaa Michillee Karrayyuu tokko ajjeessuu fi namoota biroo afur butuu jiraattonni himan

Booruu Roobaa

Geetaahun Laggasaatiin @Birmaduu2

Finfinnee Onkoloolessa 12, 2022 – Humnoonni nageenyaa mootummaa miseensa tuuta Gadaa Michillee Karrayyuu Booruu Roobaa ajjeesuun, obboleettii fi obboleessa isaa namoota biroo lama wajjiin butuu isaanii jiraattoonni Aanaa Fantaallee Addis Standard tti himaniiru. 

Humnoonni nageenyaa kunneen “guyyaa Sanbata duraa [Onkolooleessa 15] ganama naannoo sa’aatii afurii gara iddoo mana jireenyaa Booruu Roobaa bakka addaa Boommisaa ganda Xuxxuuxii keessatti argamu dhufan. Isa mana jireenyaasaatii humnaan fuudhanii baasanii ajjeesan. Iddoon itti ajjeesan manasaarraa baay’ee fagoo miti. Akka taa’u erga ajajanii booda achiitti utuu namni argu sammuusaarra rasaasaan rukutan. Innis battaluma sana du’e,” jedha jiraataan naannichaa maqaan isaa akka hin eeramne gaafate.

“Erga isa [Booruu Roobaa] ajjeesanii booda obboleessaa fi obboleettiisaa fi namoota lamaa biroo fuudhatanii deeman. Namoota kanneen gara kaampii humnoota mootummaa dhiyeenya sana ganda Gidaaraatti argamu geessan”

Namni kuni akka jedhutti humnoonni tikaa kunneen obboleettii fi obboleessa Booruu Roobaa fi namoota lamaa biroo buutanii fuudhanii deeman.

“Erga isa [Booruu Roobaa] ajjeesanii booda obboleessaa fi obboleettiisaa fi namoota lamaa biroo fuudhatanii deeman. Namoota kanneen gara kaampii humnoota mootummaa dhiyeenya sana ganda Gidaaraatti argamu geessan,” jedha.

Aka jiraataan biraa Addis Standarditti himetti, sakkatta’iinsi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) mootummaan Shanee jedhee waamu adamsuu naannicha keessatti adeemsifamaa jira. 

Mootummaan Itoophiyaa WBO Adda Bilisumaa Uummata Tigraay (ABUT) waliin garee shororkeessaa jedhee erga labsee waggoota darbaniif garee hidhattoota kana balleessuuf oppireeshinii gara garaa gochaa jira.

Sababa sakatta’iinsa adeemaa jiruun naannicha keessatti sochiin geejjibaa fi daldaalli adda citee jira jedha jiraataan Addis Standard dubbise.

”Erga sochiin daldalaa fi geejjibni gara magaalaa godhamu adda citee guyya sadii ta’eera. Jiraattonni naannichaa hedduu qa’eesaanii dhiisanii bosonatti galanii jiru,” jedha.

Gamtaan humnoota nageenyaa mootummaa kan humna addaa Oromiyaa, raayyaa ittisa biyyaa fi milishaa of keessatti qabu gandoota Gidaaraa, Xuxxuuxii fi Tooroo Baddannoo keessa socho’aa jirachuu jiraattonni ni himu. 

Akka isaan jedhanitti gandoota kanneen keessatti manneen jireenyaa gubataniiru, loonii fi qabeenyi saamameera, namoonni maanguddoo dabalatee dhaanamaniiru.

Dhimma kanarratti yaada akka kennan aanga’oota Aanaa Fantaallee argachuun hin danda’amne. Haata’u malee amma dura mootummaan humnoonni isaa namoota nagaa irraan miidhaa geessisuu waakkataa ture.

Humnoonni mootummaa kana dura Abbaa Gadaa dabalatee tuuta Gadaa Karraayyuu fi gaggeessitoota hawaasa biroo sirna Waaqa kadhannaarra turan guyyaa Muddee 1, 2021 naannoodhuma ammaa kanatti haala sukaneessa ta’een ajjeesuunsaa ni yaadatama.

Mootummaan jalqaba ajjeechaa kana kan raawwate hidhattoota WBO ta’uu himullee, booda Koomishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ”ajjeechaa jumlaa” kana kan raawwate humnoota nageenyaa mootummaa akka ta’an ”ragaan amansiisaan ni mul’isa” jechuun gabaasuun ni yaadatama. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.