Xiinxala Oduu: Gamtaan Afrikaa Tigraayitti atattamaan, haalduree tokko malee akka dhukaasni dhaabbatu gaafate; Mootummaan “tarkaanfii qolachuu” itti fufuufi

Miseensonni hawaasa Kunaamaa, hawaasa xiqqoo Naannoo Tigraayitti argaman, kanneen haleellaa cimaa jalaa bahuun tibbana buqqa’an miidiyaa naannichaa Dimtsi Wayyaanee irratti mul’atan. Suuraa: Screenshot

Finfinnee, Onkoloolessa 17/2022 – Haleellaa waraanaa waloo Itoophiyaa fi Eertiraan magaalaa naannoo kaaba dhiha Tigraayitti argamtu Shiree fi naannoo isheetti geggeessaa jiran irratti yaaddoo fi balaaleffannaa addunyaa dabalaa jiru keessaa, Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faaqii Mahamat, naannoo Tigraay keessatti “waliigaltee waraana dhaabuu atattamaa fi haalduree tokko malee akka raawwatamu fi tajaajila namoomaa deebi’ee akka eegalu” waamicha dhiyeesseera.

Waamicha hawaasa addunyaa irraa dhiyaachaa jiru waliin haala walfakkaatuun, dura taa’aan kun ibsa Dilbata darbe kenneen, gabaasaalee Tigraay keessatti lolli baay’achuu mul’isan yaaddoo guddaadhaan hordofaa jiraachuu ibsuun, qaamoleen waraana keessa jiran marii karaa nagaa Gamtaan Afrikaatiin durfamu akka taasisan waamicha dhiyeesseera. Garuu ibsi Dura Taa’aan kun haala hawaasa addunyaa irra caalaa irraa adda ta’een humnoonni Eertiraa naannoo Tigraay keessaa akka bahan waamicha hin dhiyeessine.

Aanga’oonni Tigraay waamichi AUn atattamaa fi haalduree tokko malee dhukaasa akka dhaabbatuuf dhiheesse simachuu isaanii fi “waraana atattamaan dhaabuuf qophii ta’uu” ibsaniiru. “Akkasumas hawaasni idil-addunyaa, waraanni Eertiraa Tigraay keessaa akka bahu akka dirqisiisuu, waraanni atattamaan akka dhaabbatu tarkaanfii qabatamaa akka fudhatu, mootummaan Itoophiyaa gara mariitti akka dhufu dhiibbaa akka irra godhamus waamicha dhiyeessina,” kan jedhe ibsi Tigraay irraa ba’e dabalataan, hawaasni idil-addunyaa waraanni atattamaan akka dhaabbatu akka taasisuu yookaan ammoo ummanni Tigraay akka ofirraa ittisuuf akka gargaaru gaafateera.

Ibsi kunis yeroo humnoonni waloo Itoophiyaa fi Eertiraa humnoota Tigraayiin naannoo Shiree [guyyoota muraasa darban keessatti haleellaa qilleensaa ulfaataa keessummeessaa turte] irraa buqqisuuf dhiibaa akka jiran himamaa jiru irraan kan ka’e nageenya lammiilee nagaa ilaalchisee sodaan hawaasa addunyaa biratti guddachaa jirutti kenname. Sanbata darbe Koreen Baraarsaa Idil-addunyaa (IRC) gabaasa ba’e ture kan mirkaneessuun, hojjettoonni gargaarsaa isaanii keessaa tokko haleellaa Jimaata darbe magaalaa Shiree keessatti raawwatameen ajjeefamuu isaa ibseera. Hojjetaan IRC kan biraas haleellaa kanaan kan miidhame yoo ta’u, sababa taatee kanaan lammiileen nagaa biroo lama du’uu fi sadii madaa’uu isaanii ibsi kun dabalee ibseera.

Ajjeechaan yeroo dhiyootti hojjetaa gargaarsa namoomaa irratti raawwatame kun erga waraanni Tigraay keessatti jalqabee as lakkoofsi hojjettoota gargaarsa namoomaa hojiirraa ajjeefaman 24 taasiseera. Baatii Fulbaana bara darbe keessa lakkoofsi kun 12 irraa gara 23tti haalaan ol guddachuun hojjettoota dhaabbata gargaarsaa Waldaa Gargaarsa Tigraay (Dhaabbata Miti-mootummaa Tigraay keessatti hojjetu) dabalataa 11 irratti ajjeechaan raawwatamuu mirkanaa’eera.

Gabaasaalee Shiree fi naannawa ishee keessatti dhukaasa cimaa fi haleellaa qilleensaa akkasumas ajjeechaa hojjettoota IRC irratti gaggeeffaman hawaasni addunyaa waraanni akka dhaabbatu akkasumas humnoonni Eertiraa Tigraay keessaa akka bahan waamicha akka dhiyeessan godheera.

Sanbata Onkoloolessa 15, Ameerikaan “gaabaasaalee jeequmsa dabalaa dhufuu, lubbuu namaa dhabuu, of eeggannoo tokko malee lammiilee nagaa irratti xiyyeeffachuu, gaaga’ama walitti bu’insa kaaba Itoophiyaa keessattuu naannoo Shiree keessatti jiru ilaalchisee bahan” irratti yaaddoo qabdu ibsiteetti.

Barreessaan Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteerees ibsa biraa baaseen, lolli Tigraay keessatti hammaataa dhufuu isaatin akka malee yaaddoo akka qabu ibsuun, waraanni atattamaan akka dhaabbatu gaafateera.

Buufatoot xiyyaaraa fi dhaabbilee federaalaa fi buufataalee naannicha keessa jiran hunda hatattamaan to’achuun “barbaachisaadha” jedhee amamuu ibse. Mootummaan naannoo Tigraay guutumaan guutuutti to’achuu akka barbaadu eeruun, buufataalee meeshaa waraanaa humnoota Tigraay irraa akka of fageessan akeekkachiisee jira

Balaaleffannaa fi waamicha waraanni akka dhaabbatu, Itti aanaan pirezidaantii Komishinii Gamtaa Awurooppaa Joseef Booral dabalatee namootni hedduudhaan dhiyaateera. Joseef Booral, “Shiree keessatti lammiilee nagaa irratti xiyyeeffachuu dabalatee gabaasa haleellaa itti fufiinsa qabuun” yaadda’uu ibseera. Hoggantuun USAID Saamaantaa Paawor gama isheetiin “kaaba Itoophiyaa keessatti gochaalee hammeenyaa fi haleellaan namoota nagaa irratti raawwatamu bal’inaan mul’atu, akkasumas haleellaa dhiheenya kana magaalaa Shiree keessatti Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa (ENDF) fi Raayyaan Ittisa Biyyaa Eertiraatiin raawwatamee” yaaddeessaa akka ta’e ibsiteetti. Tarkaanfiin waraanni Tigraay (TDF) naannoo Amaaraatti raawwachaa jiru balaa hamaa lammiilee nagaa irra gahu hammeessaa jira,” jette.

Mootummaan “tarkaanfii qolachuu” itti fufa

Mootummaan Itoophiyaa deebii laachuuf ibsa ganama kana baaseen, tarkaanfii haleellaa ABUT fi humnoota biyya alaa isa gargaaran wajjiin ta’uun bane qolachuu itti fufa jedheera.

Buufatoot xiyyaaraa fi dhaabbilee federaalaa fi buufataalee naannicha keessa jiran hunda hatattamaan to’achuun “barbaachisaadha” jedhee amamuu ibse. Mootummaan naannoo Tigraay guutumaan guutuutti to’achuu akka barbaadu eeruun, buufataalee meeshaa waraanaa humnoota Tigraay irraa akka of fageessan akeekkachiisee jira.

Haleellaa hojjattoota gargaarsa namoomaa fi lammiilee nagaatiin walqabatee ka’an irratti kan qorannoo akka gaggeessuu ibseera.

“Mootummaan Itoophiyaa miidhaa lammiilee nagaa fi hojjattoota gargaarsa namoomaarratti qaqqabu hundaaf baay’ee gadda. Miidhaalee dogoggoraa akkanaa kan uumaman yoo ta’e qorannoo gaggeessuun beenyaa barbaachisaa ta’ees ni laata, Raayyaa Ittisa Biyaa Itoophiyaas seerota namoomaa idil-addunyaas sirriitti waan kabajuuf miidhaa lammilee nagaa dhabamsiisuuf jecha waraana naannoo magaalaatti godhamuurrattis hin hirmaatu.”

Ibsuma wal fakkaatuun, mootummaan Itoophiyaa “marii nageeenyaa GAtiin hogganamutti” akka hirmaatu irra deddeebiin ibseera.

Ibsa kaleessa baaseen, Barreessan Gamtaa Afrikaa akka akeekeetti “marii Afrikaa Kibbaatti qophaa’e kan hoggantoota ol aanoo Gamtaa Afrikaa damee Gaanfa Afrikaatiin durfamuu fi hawaasa idil-addunyaatiin gargaaramuun” kan gaggeefamu ta’u ibsuus marichi yoom akka adeemsifamuu fi qaamolee hawaasa idil-addunyaa keessa kan hirmaatan eenyu faa akka ta’an ifa hin goone.

Yaaliin kuni yaalii marii nageenyaa akka ardii Afrikaatti Afrikaa Kibbaatti adeemsisuuf torbanoota keessatti isa lammaffaati. Xalayaa Onkolooleessa 01 barreesseen Pireezidaantii Tigraay Dabratsiyoon G/mikaa’eel “marii nageenyaa” Onkoloolessa 8 irraa eegalee godhamutti affeeree ture. Haata’u malee, sababa hir’ina loojistikiitiin guyyaan marichaa of duratti akka butame oduun biraa ni bahe.

Carraan maricha adeemsisuu kan dukkanaa’e yeroo gaggeessitoota marichaa lamaa keessaa tokko kan ta’e pirezidaantiin Keeniyaa durii Uhuruu Keeniyaataa haala caaseeffama fi akkaataa gaggeeffama marichaarratti ibsa dabalataa akka barbaadu ibsuun maricharratti hirmaachuu kan hin dandeenye ibse ture.

Gamtaan Afrikaa sababa harkifannaa kana irratti yaada hin kennine. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.