Oduu: Weerara Koleeraa Daangaa Oromiyaa, Somaaleetti Mudateen Godina Baalee Keessatti Lubbuun Namoota 4 darbe

Shamarreen tokko Shaashamanneetti duula IVI fi deeggartoota damichaan durfamu irratti talaallii koleeraa afaaniin yeroo fudhattu
Suuraa: Dhaabbata Talaallii Idil-addunyaa/Caamsaa 2022

Finfinnee, Onkolooleesa 15/2022 – Akka gabaasa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa (UNOCHA)tti, Hagayya 27 bara 2022 Godina Baalee Aanaa Harannaa Bulluq keessatti namni jalqabaa dhukkuba koleeraan qabame gabaafame. Fulbaana 18 bara 2022 aanaan Barbaree dhibee koleeraan qabamuu gabaasuun lammaffaa taate, yeroo muraasa booda ammoo Onkoloolessa 03tti aanaan Dalloo Mannaa itti aanuun bakka buqqaatota Burqaa jiraatanitti namoonni dhukkuba kanaan shakkaman argaman.

Weerarichaaf deebii kennuuf, Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa (EPHI) fi Biiroon Fayyaa Naannoo Oromiyaa deeggarsa teeknikaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatiin Fulbaana 18, 2022 garee deebii ariifataa ogummaa hedduu qabu (RRT) gara aanaa Harannaa Bulluq bobbaaseera.

Hanga Onkoloolessa 10tti, aanaalee godina Baalee sadii (Harannaa Bulluq, Barbaree fi Dalloo Mannaa) keessatti namoonni koleeraan qabaman 191 kan gabaafaman yoo ta’u, du’a afur gabaafamee jira (Cumulative Case Fatality Rate – CFR – of 2.09 per cent1). Bishaan nageenya hin qabne bakka bishaan faalame irraa argamutti fayyadamuun sababa weerara kanaaf ta’uu danda’a. Dhaqqabummaan tajaajila bishaanii fi qulqullina naannoo daangeffame, barmaatilee qulqullinaa gaarii hin taane, bakkee fincaan banaa dabalatee fi filannoowwan bishaan qulqulleessuu dhabuun dhukkubni kun aanaalee sadan kana keessatti saffisaan akka babal’atu wantoota gumaachan keessaa muraasa.

Aanaalee sadan dhibeen koleeraa itti mul’ate keessatti guyyaa guyyaan namoonni haaraan dhibichaan shakkaman ni mul’ata. Akka guyyaa gabaasichaatti, Giddugala Wal’aansa Koleeraa (CTC) jiru keessatti namoonni 15 dhibeen itti hammaate (Dalloo Mannaa keessatti sadi, Barbaree keessatti 10 fi Harannaa Bulluq keessatti 2) kan jiran yoo ta’u, dhukkubsattoota keessaa dhibbeentaan 71 mallattoo bishaan hir’achuu cimaa isaan mudateera. Sochii namootaa irraa kan ka’e weerarri kun gara naannoolee daangaa Kibbaa fi Baha Oromiyaa, Naannoo Kibbaa fi naannoo Somaaleetti babal’achuu akka danda’u sodaa guddaan jira.

Godinni Baalee naannoolee hongeen miidhaman keessaa tokko yoo ta’u, hanqina nyaataa baay’achaa jiraachuu fi weerarri busaa itti mul’achuu ni yaadatama. Jalqaba bara 2022 irraa eegalee Oromiyaa keessatti dambaliin weerara busaa 21 mirkanaa’eera. Torban jalqabaa ji’a Onkoloolessa keessa godinni Baalee namoota haaraa 219 galmeessee jira (waliigalatti dhibee ‘meningitis’ Oromiyaa keessatti gabaafame keessaa dhibbeentaa 10).

Weerarri Naannolee Daangaatti Mul’ate

Weerarri koleeraa naannoolee daangaa Oromiyaa fi naannoo Somaalee (godina Liiban aanaa Karsaduulaa) keessatti mul’achuu mirkanaa’eera. Hanga ammaatti namoonni 18 dhibichaan shakkamuu fi namni tokko du’uun gabaafameera. Akka Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa jedhutti saamuda qorannoof ergaman afur keessaa namoonni 2 dhibee kanaan qabamuun isaanii mirkanaa’eera.

Weerara dhibee koleeraa to’achuuf gareewwan deebii kennuu hojjettoota Dhaabbata Fayyaa Addunyaa fi RHB irraa ijaaraman bobbaafamaniiru. Kutaan Wal’aansa Koleeraa (CTU) tokko qofti naannoo Karsaduulaatti socho’aa jira.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.