Oduu: Waliigalteen daangaa Finfinnee sararuuf godhame dantaa fi gaaffii Oromoo kan hin kabachiifne waan ta’eef haqamu qaba: KFO

Naatinaa’eel Fiixeetiin @NatieFit

Finfinnee, Onkoloolessa 14/2022 – Paartiin Koogirasii Federaalawaa Oromoo dhimma daangaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee (GAONF) giddutti baatii lama dura daangeeffame ilaalchisee ibsa baaseera. KFOn ibsa Onkoloolessa 13, 2022 baaseen waliigalteen daangaa Finfinnee sararuuf dhiyeenya kana godhame “dantaa fi gaaffii uummata Oromoo kan hin kabachiifne waan ta’eef fudhatama hin qabu” jechuun akka haqamu hubachiiseera.

Dhimma kana ilaalchisee yaada isaa Addis Standarditti kan laate itti gaafatamaan sab qunnamtii KFO Xurunah Gamtaa, KFOn dhimma daangaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee irratti dhiyeenyaan hordofaa akka ture fi waggoota hedduuf itti qabsaa’aa akka ture yaadachiisuun murtoo mootummaan aangoo irraa jiru murteesse irratti gadi fageenyaan qorannoo gaggeessuuf yeroo fudhatee akka ture hime. “Haala kamiinuu cal jechuu hin dandeenyu, qorannoo gaggeessu waan qabnuuf yeroo fudhanne. Amma waan qabatamaa arganne fi yaada keenya ibsu qofa osoo hin taane uummata qabsoo itti aanuuf qopheessuudha kaayyoon keenya,” jedhe.

KFOn ibsa kanaan, “Magaalaan Finfinnee weeraraan uumuu ishee, uummata Oromoo lafa isaanii irraa buqqisuu, seeraan ala gara Naannoo Oromiyaatti babal’achuu ishee erga amananii booda, magaalaan Finfinnee seeraan ala gara Oromiyaatti Heektaara 11,000 (kuma kudha tokko) qofa waan bal’atteef Heektaara 54,000 (kuma shantamii afur) irraa hir’isuun bal’ina Magaalaa Finfinnee Heektaara 43,000 (kuma afurtamii sadii) akka ta’etti beekamtii kennuun murtii seenaa dogoggora uummata Oromoo irratti raawwatanii jiru. Murtiin siyaasaa argannoo koree teeknikaa faallessuun kenname kuni kan gaaffii bu’uura ummataa deebisu otuu hin ta’in kan burjaajii uumufii babaldhifannaa seeraan alaa waggootaaf gaggeefamaa ture beekamtii kennuun golgaa seerummaa uwwisuuf kaayyefameedha,” jechuun murtoo darbe mormeera.

Mootummaan Itoophiyaa baatii Hagayya keessa daangaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee akkaataa qorannoo haaraa qophaa’een daangeeffamuu ibse ture. Adeemsi lafa daangeessuun kun aanaalee Finfinnee fi Godina Addaa Naannawaa Finfinnee jala jiran hundatti kan gaggeeffame yoo ta’u, haala bakka tokko irraa bakka biraatti garaagarummaa qabuun bakkeewwan muraasni Finfinnee irraa gara Godina Addaa Naannawaa Finfinneetti yookaan ammoo Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee irraa gara magaalaa Finfinneetti galan adda baafamu ibsameera.

KFOn gama isaatiin ibsa Onkoloolessa 13 baaseen dhimma “seerummaa babal’achuu daangaa magaalaa Finfinnee, miidhaa babal’achuun kun barootaaf ummata Oromoo irraan gahaa ture, gaaffiilee bu’uuraa ummanni Oromoo magaalicha irratti qabuu, fi hariiroo mootummaa Oromiyaa, bulchiinsa Godina Addaa Naannawaa Finfinnee fi bulchiinsa magaalaa Finfinnee jidduu jiraachuu qabu” ilaalchisee koree ijaaree ragaalee barreeffamootaa, qorannoowwan dhimmicha irratti yeroo adda addaatti gaggeeffaman, labsiiwwan, wixineewwan maastar pilaanii yeroo adda addaa, chaartara mootummaa yeroo ce’umsaa bara 1991, Heera Mootummaa FDRI, Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Chaartara Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi kanneen biroo akka galtee qorannootti fayyadamuun qorannoo bal’aa mataa isaatiin akka gaggeessee ibseera.

Argannoo qorannoo kanaan mootummoonni Itoophiyaa dhufaa darbaan biyyattii bulchaa turan waggoota 100 hin caallee keessatti gandoota baadiyyaa Oromiyaa hedduu gara magaalaa Finfinneetti makuun hektaara hedduu akka dabalan; kunis qonnaan bultoota Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee keessatti jiruu isaanii godhatanii turan buqqaasan kan raawwatamu akka ta’e mirkaneessuu ibseera.

Haaluma kanaan KFOn ibsa dhimma kana ilaalchisee baaseen, magaalaa Finfinnee ilaalchisee gaaffiin ummata Oromoo mirga abbaa biyyummaa malee gaaffii daangaa akka hin taanee akka hubatamu; akka qaama Oromiyaatti ilaalamee bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee gidduu daangaan jiraachuu yoo barbaachise daangaa bulchiisaa kan bara 1991/92 yeroo mootummaa ce’umsaa jiru ta’ee bal’inni Finfinnee gara hektaara 22,000tti akka deebi’u; akkasumas waliigalteen daangaa ilaachisee bulchiinsa lamaan gidduu godhame kunis hojiitti akka hin hiikkamne fi namoota haala kanaan buqqaafamanii jiruu isaanii dhabaniif beenyaan akka kaffalamuuf gaafateera.

Kana malees, “bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaa mirga siyaasaa, diinagdee fi hawwaasummaa uummanni Oromoo Magaalaa Finfinnee irraa qaban hunda akkaataa Heera Mootummaa FDRI keeyyeta 49(5) tiin akka kabachiisuu” fi magaalaa Finfinnee keessatti Afaan Oromoo Afaan Amaaraa walcinaa afaan hojii bulchiinsa magaalichaa akka ta’u gaafateera.

Dhimma kan ilaalchisee Addis Standard baatii Hagayya keessa xiinxala gadi fageenyaa irratti hojjechuun isaa ni yaadatama. Dhimma kana irratti yaada kan laate qondaala olaanaa KFO Dajanee Xaafaa murtoo daangaa bulchiinsaa magaalaa Finfinnee fi godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee tibbana murtaa’e gaaffii Oromoo akkanumas gaaffii qonnaan bultoota baroota hedduuf qabeenyi isaanii irraa fudhatamaa Finfinnee irraa dhiibamaa turan kan deebisu akka hin taane hime. Gaaffii hunda dura abbummaa Oromoon Finfinnee irratti qabutu deebi’u qaba jedhe ture. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.