Oduu: Miseensa koree giddu galeessaa ABO fi barreessaa kitaabotaa Moo’iboon Baqqalaa Finfinneetti rasaasaan rukutamee ajjeefame

Moo’iboon Baqqalaa

Naatinaa’eel Fiixeetiin @NatieFit

Finfinnee, Onkoloolessa 13/2022 – Miseensa koree giddugaleessaa dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi barreessaa kitaabaa Moo’iboon Baqqalaa kaleessa Onkoloolessa 12, 2022 galgala magaalaa Finfinnee naannawa mana jireenya isaatti rasaasaan rukutamee ajjeefame.

Moo’iboon galgala Onkoloolessa 12 mana jireenya isaa naannawaa Saansuusii jedhamutti namoota eenyummaan isaanii hin beekamneen rasaasaan erga rukutame booda lubbuun isaa battalattii waan hin baaneef gara Hospitaala Abeet jedhamutti geeffamuun wal’aansa lubbuu baraaruu godhamuuf illee lubbuu isaa oolchuu akka hin danda’amne hiriyyaa isaa Lalisaa Idiriis Addis Standarditti himeera.

“Haala ture sirritti hin beeku garuu galgala naannoo sa’aatii 1 hanga 2 giddutti rukutame. Yeroo ‘rasaasaan rukutameera’ naan jedhan fiigeen gara hospitaala Abeet jedhamuttin dhaqe. Yeroon gahuu lubbuun isaa hin baane ture. Gara sa’aatii 5:30tti lubbuun isaa baate. Har’a reeffa isaa hospitaalaa baafnee gara Naqamteetti gaggeessineerra. Hanga ammaatti qabatamaatti eenyuun akka rukutame wanti beekamu hin jiru. Poolisii Buraayyuu Aanaa 1ffaa dhimmicha qabateera,” jedhe.

Dhaabni inni miseensa koree giddu galeessa itti ta’e Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ibsa kaleessa galgala akkuma oduun rasaasaan rukutamu isaa dhagahame baaseen, Moo’iboon rasaasaan rukutamee yaalaadhaaf hospitaala jiraachuu odeeffannoo akka qabu ibse ture. Ibsa kanaan “miseensonni fi qondaaltonni ABO heedduu biyya kana keessatti haalli wal fakkataan isaan irra ga’aa tureera,” kan jedhe ABOn, gochaa akkanaa “addatti miseensota isaa fi qondaaltota isaa irratti aggammatee raawwataa jiru” jedhe balaaleeffateera.

Moo’iboon akkuma dargaggoota biroo sochii fi hirmaannaa siyaasa keessa taasisuun yeroo adda addaatti hidhaaf saaxilame akka ture kan yaadachiise Lalisaan, dhimmuma sochii qabsoo barattootni gaggeessaa turan keessa qooda inni qabuun barnoota irraa ari’ame akka ture hima. “Yeroo Yuunivarsiitii Jimmaatti barachaa ture sababuma mormii barattootaatin bara 2014 ari’ame. Sana booda Yuunivarsiitii Riiftii Vaalii Naqamtee jirutti osoo barachaa jiru qabame Qilinxootti hidhame. Yeroo Qilinxoon ibiddaan gubate ture san inni kutaa gubate keessa ture. Achii bahee Riiftii Vaaliitti barate xumure.”

Moo’iboon hojii miseensummaa dhaaba siyaasaa ABO keessatti hojjetuun alatti yeroo ammaa kana hanga lubbuun isaa darbuutti dhaabbata Itiyoo Telekoom keessatti hojjechaa ture. Lalisaan, “Moo’iboon erga barnoota isaa xumuree booda dhaabbata Itiyoo Telekoom keessa hojjechaa ture. Har’allee gaggeessaa isaa kan godhe fi reeffa isaa hanga Naqamteetti kan geesse dhaabbatuma kanaa,” jedhe. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.