Xiinxala: Jiraattoonni goodinalee Harargee hidhaan Jumlaa, Humnaan RIB makuun hammaate jedhu; Aanga’ootni godinalee dhara jedhu

Finfinnee, Onkololessa 13/2022– Jiraattonni Harargee Bahaa fi Lixaa  dargaggoota dirqiin  waraanatti galchuun, hidhaan jumlaa, buufata sakatta’iinsaa irra butuu, dargaggootaa fi shamarran manaa manatti adamsuun hammaachaa jiraachuu Addis Standarditti himaniiru. 

Haata’u malee aanga’ootni godinaalee lamaanii Addis Standard dubbise himannaa kana haalanii jiru. 

Odeessi kun kan argame yeroo Itoophiyaa keessatti waraanni mootummaa fi garee hidhattootaa garaagaraa gidduutti Tigraay dabalatee naannolee Oromiyaa, Gaambeellaa fi Beenishaangul Gumuz keessatti adeemsifamaa jirutti. 

Kanaan walqabatee, mootummaan dargaggoota hedduu gara Raayyaa Ittisa Biyyaatti (RIB) akka makamaniif irra deddeebi’uun waamicha godheera.  Mootummaan akka jedhutti dargaggoonni waamicha RIB akka makamaniif godhamu fudhachuun fedhiidhaan galmaa’anii miseensa ta’aa jiru, paartiileen mormitootaa fi raga-baatoonni garuu daa’immanii fi dargaggoo humnaan waraanaaf dirqisiisaa jira jedhu.

Kibba Oromiyaa Godina Booranaatti, Addis Standard rakkoo namoota kumaatamaan lakkaawamanii kan akka humna waraanaa galchuu, humnaan raayyaa ittisa biyyaaf gumaachuu fi deeggartoota Waraana Bilisummaa Oromoo  jedhamanii shakkaman irratti tarkaanfii fudhachuun daran hammaata ture gabaaseera.

Jiraattonni godina Harargee Bahaa fi Lixaa kan nageenya isaaniif sodaachuun maqaan isaanii akka hin dhahamne haaldureedhaan Addis Standard dubbisan seenaa wal fakkaatu dubbatu.

Biniyaam [maqaan geeddarameera] jiraataa giddugala daldalaa baha Itoophiyaa kan taate magaala Harar yemmuuu ta’u humnoonni nageenyaa mootummaa dargaggoo fi daa’imman umrii kudha sadii fi sanaa olii magaalattii fi naannawashee jiraatan waraanaaf dirqiisiisaa jiru jedheera.

“Daa’imman qabaman keessaa harki caalaan ijoollee Oromoo ti. Darbee darbee dhalattoonni naannoo Saba, Sablammootaa fi Ummatoota Kibbaa (SNNPR) kan hojiidhaaf gara magaalatti dhufaniis ni qabamu. Mana jireenyaa namootaatti humnaan seenuun kan qabanis ni jiru. Isaan kaan karaarraa butanii, konkolaataarratti darbuun gara buufata poolisii yookiin kaampii itti ugguranitti geessu. Irra caalaan isaanii daa’imman waggaa 13 hamma kudha shanii hojii humnaa hojjachuun bulaniidha.” Jedhe Biniyaam. 

Maatiin ijoolleesaanii fudhachuu yoo barbaadan ta’e buufata poolisiitiif baasii kaffaluu qabus jedhe.

“Humnoonni nageenyaa kuni ijoollee qaban gadi lakkisuuf beenyaa gaafatu. Fakkenyaaf, abbaa manaa haati warraa deessee ciiftuu qabanii turan. Yeroo isheen isa gaafachuu buufata poolisii dhaqxeetti abbaa manaashee bilisa baasuuf qarshii 20,000 akka kafaltu gaafataniiru.” 

Maatiin hidhamtootaa hamma qarshii gaafatame kaaffaluu dadhaban yoo ta’e hidhamtoonni gara RIB dabalamu jedheera. Humnoonni nageenyaa kunneen dhalattoota Oromootaan alatti saboota lakkoofsaan xiqqoo ta’aniirratti xiyyeeffatu. Akka Biniyaam jedhutti, humnoonni nageenya kuni daa’imman barattotas ni butu. 

Hojjattoota humnaarratti haa xiyyeeffatan malee barattoota mana barumsaas ni adamsu. 

“Barattoota adamsuu erga egalanii turan. Kanaan dura, barattoota ta’an wahii butanii turan.  Kanaafuu, maatiin ijoolleesaanii eegachaa jiru. Kophaa gara mana barumsaa hin ergan. Ganama mana barumsaa ni geessuu boodas balabala mana barumsaarratti eeganii gara manaa deebisu. Sababa kanaan maatiin baay’ee mufatii keessa jira.”

Hogganaan Biiro Kominikeeshinii Harargee Lixaa Fariid Yishaaq sakatta’iinsi jiraachuusaa amanuun barbaachisummaansaa naannicha keessatti nageenyaa fi tasgabbii eegsisuufi jedhaniiru. Humnoonni nageenyaa kan sakatta’an tasagbbii eegsisuu fi humnoota badii qabuufi. Yakkoonni akka dirqiin waraanaaf filuu fi seeraan ala nama hidhuu naannicha keessatti gonkumaa hin raawwatamne jedheera. 

Henook [sababa sodaa nageenyaatiif maqaan geeddarameera] jiraataa Godina Harargee Bahaa aanaa Kombolchaa yoo ta’u dirqiin raayyaa ittisa biyyaatti makuun akka jiru ibsuun haala naannoosaa jiru hubachiiseera.

“Fakkeenyaaf magaala xiqqoo Ejersa Raafuu keessa duwwaa iddoo sakkatta’iinsaa torbatu jira.  Iddoowwan sakatta’iinsaa kanatti erga sakatta’anii booda namoota qabachuuu barbaadan yakka sobaa uumuun gara kaampii ugguraa kanatti fudhatu. Hidhamtoonni lakkoofsaan xiqqoo ta’an dallaarraan utaaluun iddoo ugguraan sanaa bahuu danda’aniis jiru.Haata’u malee baay’iinni isaanii achumatti ugguramanii jiru. Maatiin tokko tokko hidhamtoota akka hin daawwanne kan dhoorkaman ijoolleensaanii eessa akka jiran hin beeknes jiru.” jedha. 

Akka Henook jedhuttti, namoonni tokko tokko kan qabaman odeeffannoo milishaa fi hidhattoonni al idilee(Gaachana Sirnaa jedhamuun beekaman) humnoota nageenyaa mootummaatiif laatan irratti hundaa’uudhaani. 

“Milishaan ganduma keessaa kan filataman yemmuu ta’an hojiisaanii odeeffannoo tika mootummaatiif laachuudha. Humnoonni nageenyaa mootummaa immoo ragaa qabatamaa malee namoota eeraman to’annoo jala oolchu. Ummanni naanichaa rakko hamaa keessa jiru. Mirgisaanis sarbamee jira. Yakka sobaa irratti ka’aa jiru nuffanii jiru. Rakkoo qabnu kana bulchiinsatti himannus namni nu dhagahe hin jiru.”

Niguus [maqaann geeddarameera] jiraataa Goodina Hrargee Lixaa aanaa Fadiis akka jedhutti uummata hidhaatti guuruu fi dirqiin waraanaaf filuun waanuma jiruudha. “ Aanaa keenyaatti xiqqaate namootni 600 ta’an mana hidhaaa keessa akka jiran ni beekna. Maatiin hidhamtootaa eessa fi akkamitti akka jiran homaa baay’ee hin beekan. Odeeffannoioo qabnuun daa’imman kunneen waraana Wayyaanee [Adda Bilisummaa Ummata Tigraay] fi mootummaa gidduutti godhamaa jirutti akka hirmaatani. Fakkeenyaaf, daa’imni fudhatame tokko waraana [ABUT fi mootummaa gidduutti godhamaa jiru] keessatti du’uusaa maatiin hubatanii jiru. Gadda akkanaa agarree hin beeknu. Dogoggorri guddaan immoo ijoollen kunneen shaakal gahaa fi odeeffannoo guutuu otoo hin argatini waraanatti kan seenan.”

Miseensa poolisiin Goodina Haragee Lixaa Koomaandar Wandwassan Dabbabee, gama isaaniitiin, “humnoonni nageenyaa yakka akkanaa yoomiyyuu hin raawwatan” jechuun waakkate. Gochaan akkanaa humna nageenyaa mootummaaa “maqaa balleessuuf itti yaadamee kan kan raawwatamuu jedhe. 

Waajjirri Kominikeeshinii Goodina Harargee Bahaa, Onkololeessa 6, 2022 fuula Facebook irratti, “dargaggoonni birmadummaa fi tasgabbii lammiiwwanii eegsisuuf duula raayyaa ittisa biyyaa marsaa shanaffaatti dabalamaniiru,” jechuun maxxansee jira. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.