Naatinaa’eel Fiixeetiin @NatieFit
Finfinnee, Onkoloolessa 12/2022 – Yaadannoo guyyaa dhaloota waggaa 100ffaa Birgaader Janaraal Taaddasaa Birruu sirnoota garaagaraan kabajuuf qophiin taasifamaa jiraachuu Faawundeeshinii Taaddasaa Birruu fi koree qindeessaa sagantaa yaadannoo kanaa ibsa har’a Onkoloolessa 12, 2022 miidiyaaleef kennaniin beeksisaniiru.
Ibsa kan irratti Walitti qabduun Faawundeeshinii Taaddasaa Birruu, Tsahaay Taaddasaa Birruu, Itti aanaa Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa Hundee Kabbadaa dabalatee qindeessitoonni sagantichaa kanneen biroo argamaniiru.
Faawundeeshinichi ibsa har’a laateen kabaja yaadannoo kun dhalootni ammaa seenaa fi muuxannoo jireenyaa nama qabsoo bilisummaa, wal-qixxummaa fi haqaa uummatni Oromoo baroota dheeraaf gaggeessaa ture keessatti namoota adda durummaadhaan beekaman keessaa tokko kan ta’e fi haasawaa “saba barateetu mirga ofii gaafata” jedhuun beekamu irraa akka baratuufi dhaabbata maqaa isaatiin waamamu Faawundeeshinii Taaddasaa Birruu deeggaruuf kaayyeeffatee akka gaggeeffamu ibseera.
Sagantaan kun qophiilee gurguddoo afur; eebba kitaaba “Dannaanee hanga Finfinnee” seenaa isaarratti xiyyeeffatu, waldorgommii fiigichaa Finfinnee fi magaalota Oromiyaa 46 keessatti dhaadannoo “hunduu haa baratu” jedhuun gaggeeffamu, waldorgommii gaaffii fi deebii televiziyoonaa fi agarsiisa suuraa kan of keessatti hammate yoo ta’u, Onkoloolessa 23, 2022 irraa eegalee baatii lamaaf akka turu ibsameera.
Kitaabni mata duree “Dannaanee hanga Finfinnee” jedhu waggaa shaniif qorannoon irratti gaggeeffamee tumsa qaamolee hawaasaatin eebbaaf akka gahe kan himte barrreessituun kitaabichaa Zufaan Urgaa, seenaa qabsoo B/J Taaddasa Birruu hawaasa bal’aa biratti akka qaqqabuuf Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraatin akka barreeffame ibsite. Kitaabni kun Onkoloolessa 23 kan eebbifamu yoo ta’u, guyyaa eebba kitaabichaas barreeffamoota qo’annoo seenaa B/J Taaddasaa Birruu irratti xiyyeeffatu ni dhiyaatu. Galiin gurgurtaa kitaabichaa tumsa hojiilee Faawundeeshinii Taaddasaa Birruu hojjechuuf karoorseef akka ta’u ibsameera. AS
Seenaa Birgaader Janaraal Taaddasaa Birruu
Birgaader Janaraal Taaddasaa Birruun bara 1920 Godina Shawaa Kaabaa naannoo Salaalee aanaa Hidhaabuu Abootee iddoo addaa Siree Morosee jedhamutti dhalate guddate. B/J Taaddasaan ijoollumaan loon tiksuu irra darbee umriin isaa yoo barnootaaf gahu mana barumsaa amantaa Ortodoksiitti afaan Gi’izitiin barumsa amantaa barate. Abbaan isaa yeroo lola Xaaliyaani irratti duulee dirree waraanaa irratti wareegamee guyyaa 80tti haati isaas rifaatuu abbaa manaa isherraan kan ka’e lubbuun ishee darbe. Qormaanni jireenya walirratti isa qunnamte akka inni barnoota isaa addaan kute karaa abbaa isaa qabachuun Xaaliyaani irratti duuluuf bosona akka galu taasiste. Yeroo kanatti eessuma isaa Baraanbaraas Beekaa jedhamu waliin kutachuudhaan loltoota mataa ofii ummatanii gara hallayyaa Calanqootti kutan.
Meeshaa waraana ammayyaa qabattee kan hiriirte Xaaliyaani waliin waraana sa’aa 24 taasifameen Janaraal Taddasaanfaa naannoo holqa Fincii jedhamtee waamamtuutti marfamanii harka laatan. Sana boodas akkuma qabamanii hidhamtoota baay’ee waliin gara Moqaadishootti ergamanii achitti hidhaan umrii guutuu akka itti murteeffamu taasifamee ture. Mana hidhaa kana keessa rakkoo hedduun dararamaa kan turan Taaddasaanfaa biyyi Somaaliyaan harka Xaaliyaanootaati baatee kolonii Ingilizitti kufuu isheen carraa guddaa isaaniif ta’ee hiikaman. Haaluma kanaan dandeettii cimaa qabachuun isaa erga beekamee booda yeroo gurraachummaan akka namatti hin lakka’amne fi qooddaan sanyii fi amantii itti daraaretti gara loltoota Ingiliziitti makamu danda’e. Haata’u malee fedhii fi jaalala biyya isaatiif qaburraa kan ka’e loltoota san keessaa gara Raayyaa Poolisii humna dafee qaqqabaatti jijjirame biyya isaatti deebi’ee hogganummaadhaan iddoo hedduu hojjachaa ture.
Waldaan Walgargaarsa Maccaaf Tuulamaa akka inni waldichatti makamuuf gaaffii miseensummaa dhiyeessuufis, yoon miseensa waldaa kanaa ta’e ilaalchi qooddaa sabaa ummamuu danda’a, jechuudhaan shakkee dide ture. Kana booda Mummicha Ministeera yeroo sanii kan ture Akliiluu Haabtawold namni jedhamu tokko B/J Taaddasaa Birruu waliin irbaata yeroo nyaatan akeeka Oromoon akka hin baranne mootummichi qabu waan bareef xiiqiin Waldaa Maccaaf Tuulamaatti dabalame.
Sochii cimaa B/J Taaddasaa Birruufaa taasisaa turaniin A.L.A bara 1966 keessa waldichi gara sochii siyaasa ol’aanaatti cee’uusaatiin miseensota lakkoofsaan hedduu ta’an horachuu danda’eera. Haa ta’u malee yeroon booda shira angawootni ol’aanoon mootummaa H/sillaasee qopheessaniin B/J Taddasaa Birruu, Ajajaa dhibbaa Maammoo Mazamir, Loltuu Lammeessaa Boruu, Haayilamaariyaam Gammadaa fi Alamuu Qixxeessaa dabalatee namoota lakkoofsaan 9 ta’an himata “Heera mootummaa diiguudhaan tokkummaa ummata Itoophiyaa yeroo dheeraa cimee ture kan fashaleessu holola sobaa oofuudhaan ummata jeequmsaaf kakaasu” jedhuun himatamanii gara mana hidhaa Alam Baqqanyitti darbataman.
Manni murtii Ol’aanaas B/J Taaddasaa Birruu fi A/dhibbaa Maammoo Mazamir du’aan akka adabaman, kanneen hafan jahaan ammoo hidhaa cimaa waggoota gara garaatiin akka hidhaman murteesse. Haa ta’uutii murtii du’aa kan mirkaneessu mooti H/sillaasee waan tureef kanneen biroo akkuma jirutti mirkaneessee kan B/J Taaddasaa Birruu fonqolcha mootummaa H/sillaasee irratti Muddee 5 bara 1953 aggaamame ol’aantummaan fashaleessu akka olmaatti lakka’ee murtii du’arraa gara hidhaa umrii guutuutti fooyyesseef. Erga murtiin hidhaa umrii guutuutti jijjirameefi booda gara magaalaa Hararitti akka ergamee hidhamu taasifame. Baay’ee osoo hin turiin immoo gara mana hidhaa Galamsootti jijjirame. Carraa mana hidhaa Galamsootti taa’uu argate kana fayyadamuun qunnamtisaa dhoksaan bosona carcar keessa sochii qabsoo cimaa gochaa turan kanneen akka Elemoo Qilxuu waliin godhe.
Haala kanaan osoo jiranii Fulbaana 2 bara 1966 sirni H/sillaasee waan kufeef Dargiin B/J Taaddasaa Birruu fi hidhamtootni biroos akka hiikkaman ajaja dabarse. Hidhaarra hiikamuus ammallee sirni Dargii ummataaf akka hin taane kan hubate Taaddasaan, cunqursaa yeroo dheeraaf uummata Oromoo irra ture faccisuuf qabsoo hidhannoo filatee bosonatti galuudhaan sirna Dargii wajjiin osoo wal falmaa jiru Bitootessa 19, 1975 wareegame.
Hubachiisa Gulaalaa: Seenaan kun marsariitii oromedia jedhamu irraa qindaa’ee baatii wareegamtoota ilaalchisuun Addis Standard Afaan Oromoo irratti maxxanfame.