Oduu: Naannoo Oromiyaatti namoonni kuma 225 ol ta’an godinaalee shan keessa sababa hongeetiin buqqa’an; Namoonni walakkaa miliyoonaa ta’an godinaalee Wallaggaa, Baalee fi Shawaa lixaa keessa sababa rakkoo nageenyaatiin buqqa’aniiru-UNOCHA

Suuraa: Giddugala wal’aansa Haroo Maayaa, Harargee Bahaa, naannoo Oromiyaa. Haadholiin fi ijoollee wal’aansa argatan.
Suuraa: Manuel Morini/OCHA Ethiopia.

Finfinnee, Onkoloolessa 12, 2022 – Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa (UNOCHA) gabaasa haaraa Onkoloolessa 07, 2022 baaseen, Itoophiyaa keessatti fedhiin gargaarsa namoomaa naannolee walitti bu’iinsa, hongee fi lolaan miidhamanitti gadi fageenyaan mul’achaa jiraachu ibseera.

Akka gabaasni kun ibsutti, Naannoo Oromiyaatti godina Wallagga Baha, Wallagga Lixa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Qeellam Wallaggaa fi Shawaa Lixaa keessatti namoonni kuma 400 ol ta’an qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru. Buqqaatota qubsuma al-kallatti fi hawaasa keessummeessan gidduutti gaaddisa gahaa fi gargaarsa bu’uuraa biroo malee jiraachaa akka jiran kan ibse UNOCHA, godina Baalee fi Baalee Bahaa keessaa namoonni 70,000 ta’an qe’ee isaanii irraa buqqa’uu isaanii fi kana keessaa kanneen 18,000 a’an gara dhuma Hagayya 2022tti buqqa’uu ibse.

Naannoo Oromiyaa Godina Harargee Bahaa keessatti ji’oota jahaan darban keessatti namoonni kuma 29 ol ta’an irra caalaan aanaalee hongeen miidhaman afran Cinaaqsan, Maayyuu, Miidhagaa fi Qumbii irraa kan buqqa’an yoo ta’u, horiin 228,457 ol miidhamuun beeyladni kuma hedduun lakkaawwamu du’eera. Hongeen gadi fageenyaan dhufuun buqqa’iinsa sadarkaa lammaffaa fi du’aatii beeyladaa dabalataaf carraa baneera. Walumaagalatti Naannoo Oromiyaa keessatti hongeen hanga ammaatti namoota 225,835 godinaalee shan keessaa akka buqqisee UNOCHA beeksiseera.

Hanqinni nyaataa sadarkaa ol’aanaan dabalaa jiras jedhe. Godinaalee oomishni oomishame sadarkaa idileen gadi ta’e keessatti, akkasumas naannolee dhiibbaan hongee gara waqtii biraatti babal’ata jedhamee eegamu keessatti wabii nyaataa daran hammachuu yaaddoon jira, kunis Onkoloolessa hanga Muddee 2022 keessa yeroo roobni waqtii walitti aanan shanaffaaf gadi ta’a jedhamee tilmaamameera. Akka gabaasni UNOCHAn baasee kun jedhutti dhiibbaa walitti bu’iinsa, hongee fi lolaa damee barnootaa irratti geessiseen bara barnootaa 2022/23tti daa’imman gara miliyoona 13 ta’an mana barumsaatti hin galmoofne. 

Naannolee hongeen miidhaman keessatti hawaasni saaxilamoo ta’an baatiiwwan Onkoloolessa hanga Muddee 2022 keessatti waqtii roobni walitti aansuun madaallii gadi ta’e galmaa’u shanaffaa isaan mudata. Dhiibbaan hongee kanaa duraanuu lubbuu fi jireenya horsiisee bultoota qonnaa miliyoona 17tti dhihaatan irratti gaaga’ama guddaa kan geessise yoo ta’u, yeroo ammaa gargaarsa lubbuu baraaruu damee hedduu barbaadu.

Akkasumas Oromiyaa keessatti weerara koleeraa godina Baaleetti uumameef dhuma Fulbaana bara 2022 irraa eegalee mootummaa fi qooda fudhattoonni damee fayyaa deebii kennaa jiraachu ibseera, UNOCHA. Hanga Onkoloolessa 5tti walumaagalatti namoonni 155 dhibee kanaan qabamaniiru. Weerarri kun aanaalee godina Baalee sadii keessatti babal’achuun (Barbaratti namoota 81, Haarannaa Bulluq namoota 69 fi Dalloo Mannaa namootni 5 kan qabaman) yoo ta’u, gara godinaalee ollaa Booranaa, Harargee Bahaa fi Lixaa, Gujii fi Arsii Lixaatti akka hin babal’anne yaaddoo uumeera. “Weerara hir’isuu fi deebii kennuun mootummaa fi qooda fudhattoota fayyaatiin itti fufee jira,” kan jedhe UNOCHA, garuu deebii kennamu hatattamaan guddachuu akka qabu hubachiiseera.

Waqtii walitti aanuu shanaffaa rooba gahaa osoo hin roobiin darbu kun namoota hanqina nyaataa fi bishaanii yeroo dheeraatiin duraanuu dadhabanii fi dandeettii dandamachuu isaanii manca’e ykn dhume irratti rukuttaa cimaa ta’a,” kan jedhe UNOCHA, yeroon kun yeroo murteessaa dhiibbaa dabalataa hongeen kun ummata irratti fidu jedhamee eegamu hir’isuuf tarkaanfiin fudhatamu qabuuti jedhe. Mootummaa fi michoonni gargaarsa namoomaa hawaasa miidhamaniif madda nyaataa, tajaajila bishaanii fi fayyaa fi nyaata beeyladaa dabalatee deebii hongeef kennamu guddisuuf waliin hojjechaa jiraatanis, ammallee fedhiin jiru fi deebiin kennamaa jiru walmadaalaa akka hin jirre kaaseera, gabaasichi. Fakkeenyaaf, hanga Hagayya 2022tti namoota hongeen miidhaman kanneen gaaddisa fi deeggarsa NFI barbaadan keessaa dhibbeentaa 11 (namoota 566,153 keessaa namoota 64,508) qofatu gargaarsa argate. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.