Oduu: Godina Walaayittaatti murtoo ummataa marsaa 2ffaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 19/2023 – Godina Walaayittaatti murtoon ummataa marsaa 2ffaan gaggeeffamaa jira. Buufataalee filannoo garaagaraatti barii sa’aatii 12:00 eegalee ummatni sagalee kennuu eegaleera. Giddugala qindeessaa filannoo 12fi buufataalee filannoo 1,812 irratti adeemsi sagalee kennuu gaggeeffamaa jira.

Murtoon ummataa kun naannoo Ummattoota Kibbaa godinaalee 5 aanaalee addaatti Guraandhala 06, 2023 gaggeeffamee turus, murteen bu’aa filannoo godina Walaayittaa keessatti godhamee sababa seera-dhabdummaa guddaa kan filannoo duraa fi booda uumameenii fi sagalee hatuutiin walqabatee komiin waan ka’eef  bu’aa filannoo godinichatti taasifame haquu isaa ni yaadatama.

Boordichi adeemsa filannoo gaggeeffame hordofee ibsa Guraandhala 20 baaseen uummatoonni godinaalee shanii fi aanaalee addaa shan naannoo sabaaf sablammootaa fi ummattoota kibbaa keessa jiraatan keessaa harki caalu filannoo “Naannoo Kibba Itoophiyaa” hundeessuuuf Guraandhala 06 taasifame deeggaruun filachuu beeksise ture.

Godinaalee shanii (Konsoo, Oomoo Kibbaa, Gede’oo and Gofaa) fi aanaalee addaa shan (Burjii, Baaskeetoo, Alee, Ammaarroo, Daraashee) keessatti hundeeffamuu naannoo Itoophiyaa haaraa kana deeggaruun filachuu isaanii kan yaadatamudha. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.