Oduu: WFPn baatii dhufu irra kaase gargaarsa nyaataa Itoophiyaa keessatti godhu jalqabuuf karoorfachuu beeksise

Finfinnee, Waxabajjii 20/2023 – Gargaaraa Daayreektara Kutaa Imaammataa Dagaagina dhaabbata Sagantaa Nyaata Addunyaa (WFP) kan taate Vaalerii Gaarniyeerii Rooyitarsiif akka himteetti, Sagantaan Nyaata Addunyaa (WFP) gargaarsa nyaataa Itoophiyaa irraa addaan kutee ture baatii Adoolessa dhufu irraa eegalee deebisee eegaluuf karoorfachuu ibseera.

“Yeroo namoota gargaaraman adda baafnee, fayyadamtoota guutummaatti to’annoo Sagantaa Nyaata Addunyaa jala ta’an mirkaneessinu hatattamaan kan jalqabnu ta’aa,” jechuu ishee miidiyaan kun gabaaseera. Gabaasni kun akka agarsiisutti Sagantaan Nyaata Addunyaa biyyoota fi michoota keenya waliin ta’uun haala keessa jiru irratti hojjachuun erga namoota gargaaraman adda baafne booda karaa mataa keenyaan gara hojiitti ni bobbaanaa,” jedheera.

Qorattoonni Sagantaa Nyaata Addunyaa adeemsa hordoffii dhaabbilee gargaarsaa keessattuu Tigraay keessatti hanqinaalee gurguddoo ta’aa turan adda baafachuu isaanii kan himte gargaaraa daayirektarittiin itti dabaluun, qaamolee dhimmi ilaallatu irraa deebii gaarii argachuun keenya walakkeessa baatii Adoolessa irraa eegalee buqqaatota kaampii Tigraay keessatti qubataniif raabsaa nyaataa akka jalqabnu nu gargaareera jette.

Gargaarsi nyaataa Sagantaan Nyaata Addunyaa dhiyeessaa ture faayidaa hin malleef oolaa jira jedhame addaan cituu soorata daa’immanii fi haadholii irratti dhiibbaan akka hin geessisne gabaasni kun ibseera.

Sagantaan Nyaata Addunyaas ta’e Dhaabbanni Gargaarsa Ameerikaa (USAID) sababa hannaan dhiyeessii nyaataa Itoophiyaa addaan kutanii turaniif qaamoota hanna kanaan fayyadaman ifaan hin ibsine. 

Gargaaraan Daayreektara Kutaa Qophii Imaammata dhaabbata WFP kan  taate Vaalerii Gaarniyeerii waa’ee qaamoota hanna kana raawwatan odeeffannoo akka hin qabne fi bu’aan qorannoo kanaa eegamaa akka jiru himteetti. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.