Mootummaan Tigraay waraana “atattamaan” dhaabsisuuf murannoo akka qabu ibsuun gargaarsi namoomaa fedhii jiru akka guutu gaafate

Finfinnee – Mootummaan Naannoo Tigraay labsii araara namoomaa mootummaan Federaalaa kaleessa labse hordofee har’a ibsa baaseera. Mootummaan Tigraay, uummanni Tigraay gargaarsa namoomaa fedhii isaanii gitu, yeroo murtaa’een  yoo argate waraana dhaabuuf murannoo jabaa akka qabu beeksiseera.

“Mootummaan Tigraay murtiin waraana dhaabuu akka milkaa’uuf waan danda’u hunda ni godha,” kan jedhe ibsichi, Aanga’oonni dhiyeessii gargaarsa namoomaa hin daangeeffamne gara Tigraayitti mijeessuuf tarkaanfii mul’atu akka fudhatan hubachiiseera.

Mootummaan Federaalaa “Lubbuu lammiilee baraaruufi miidhaa namaa hir’isuuf” jecha waraana dhaabuuf akka murteesse kaleessa beeksiseera.

Mootummaan Naannoo Tigraay ibsa isaatin, waldhabdee jiru  karaa nagaan hiikuuf fedhii fi qophii qabu ibseera. Haa ta’u malee, dhorkii gargaarsa namoomaa kaasuu fi tajaajila Telekominikeeshinii fi Baankii deebisanii hundeessu akka barbaachisu hubachiiseera, ibsichi. 

Dhumarratti , dhimmoota siyaasaa fi namoomaa walitti hidhuun fudhatama akka hin qabne ibsuun, “Kunis ta’e uummatni fi mootummaan Tigraay nageenyaaf carraa laachuuf waan danda’an hunda godhu,” jedheera ibsichi.

Kaleessa, dhalattootni Tigraay kumaatamaan lakkaawwaman gargaarsa barbaacha gara Naannoo Amaaraatti godaanaa jiru kan jedhe mootummaan Itoophiyaa, rakkattoonni qe’ee isaanitti gargaarsa akka argataniif tarkaanfii arifachiisaa akka barbaachisu akeekera. Mootummaan Federaalaa, Hidhattootni Tigraay bakkeewwan naannolee ollaa keessaqabatan gadhiisanii akka bahan waamicha taasiseera. Araarri amma taasifamaa jiru kunis walitti bu’iinsa muudachaa jiru hiikuuf karaa akka banu abdii qabu ibseera.
Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa, Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) fi Waraana Bilisummaa Oromoo(kan mootummaan “Shanee” jedhee waamu) tarree shororkeessummaa jala akka galan wixinee labsii mana maree ministirootaan dhiyaateef raggaasee ture. Dhimma kana ilaalchisee mootummaan Federaalaa hanga ammaatti waan jedhe hin jiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.