Mootummaan Federaalaa Gargaarsi Namoomaa Tigraay Akka Dhaqqabuuf Waraana Dhaabuu Beeksise

Finfinnee, Tajaajilli Kominikeeshinii Federaalaa ibsa har’a baaseen mootummaan Federaalaa  waraana naannoo Tigraay jiru dhaabuu beeksise. “Lubbuu lammiilee haala yaaddessaa keessa jiran baraaruu fi dararaa lammilee hir’isuuf tarkaanfiiwwan adda addaa fudhachuun barbaachisaa waan ta’eef, mootummaan  deeggarsa namoomaaf jecha walitti bu’iinsa dhaabuu murteessee jira” jedhe ibsichi

Yeroo ammaa jiraattonni naannoo Tigraay kumaatamaan lakkaa’aman gargaarsa namoomaa barbaacha gara naannolee ollaatti baqataa jiru. Lammiileen naannolee ollaa  Tigraayi jiraatanis lammilee naannoo Tigraayi irraa baqatan miira  obbolummaa fi tokkummaatin  simachuun hariiroo gaarii uummattoota  gidduu jiru hojiin kan mul’isu ta’us bakkuma jiranitti gargaarsi akka dhaqqabu mootummaan hojjachuu qaba jedhame.

Haaluma kanaan  tumsii fi deeggarsa hawaasa idil addunyaatiin taasifamu akka cimuuf mootummaan waamicha dhiyeessuu eere ibsichi.  Dhiyeessiin  gargaarsa namoomaa ummata deeggarsa  barbaadaniif karaa fooyya’aa ta’een akka qaqqabuuf  qaamolee dhimmichi  ilaallatu waliin hojjechuuf kutannoo qabaachuu isaa irra deebiin mirkaneessas jedhe. 

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii lakkoofsa balallii xiyyaaraa gargaarsa namoomaa taasisan akka dabaluu fi sirni dhiyeessii boba’aa  fi mallaqaa dhaabbilee gargaarsaa akka dabaluu taasifameera jedha ibsichi.

Dhumarrattis ibsichi murtoo walitti bu’iinsa deeggarsa namoomaaf  akka dhaabbatu mootummaan murtaa’e  bu’aa barbaachisu akka argamsiisuuf , gareen hidhattootaa naannoo Tigraay keessa jiran jeequmsa gosa kamiiyyuu irraa akka of qusatanii fi iddoowwan naannoolee  ollaa humnaan qabatan akka gadhiisanii bahan waamicha dhiyeesse. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.