Adeemsi Araaraa Dhugaa fi Haqa Dabsuu Hin Qabu- Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa

Finfinnee, Komishiinin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa  kaleessa baaseen  araarri dhugaa fi haqa dabsuu hin qabu jedhe.  Adeemsi araaraa maatii Abbootii Gadaa Ajjeefamanii fi qaamolee ajjeesan gidduutti taasifamuuf karoorfame kamuu itti gaafatamummaa yakkaa kan hambisuufi kan danqu ta’uu hin qabu jedha ibsichi.

Akka ibsa  kanaatti  namoota ajjeechaa kana keessatti qooda fudhatan akka itti gaafatamaniif hordoffii taasisee jira komishiinichi. Hordoffii Bitootessa 7-12/2022 taasise kanaan komishiinichi miseensota hawaasa Karrayyuu, Waajjira Abbaa alangaa waliigalaa Oromiyaa, Komishiini Poolisii Oromiyaafi Qajeelcha Poolisii Godina Shawaa Bahaa akkasumas ajjeechaa kana qorachuuf kan hundaa’e garee qorannoo dubbisee ture. Komishiinichi mootummaan naannoo Oromiyaa garee qorannoo akka hundeesse mirkaneessee jira. Adeemsa kanaan shakkamtootni sagal too’annoo jala akka oolan hubadhe jedha komishiinin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa.

Ajjeechaan tuuta Gadaa Michillee erga raawwatameen booda ajjeechaa kana keessaa humnootni mootummaa harka qabaachuu miseentotni paartii biyya bulchuu dubbatan.Miseensi mana maree bakka bu’oota uummataa  Hangaasaa Ibirahim ajjechaa Abbootii Gadaa keessaa Komishiinarri Komishinii Poolisii Oromiyaa, Araarsa Mardaasaatu harka keessaa qaba jedhe. Ministir Deetaan Ministeera Nagaa Taayyee Danda’aa gama isaatiin ajjeechaa Abbootii Gadaa keessaa humnootni mootummaa harka qabaachuu amane. Gorsitoota mootummaa naannoo Oromiyaa ajjeechaa Abbootii Gadaatiif itti gaafatamtoota gochuun katabe.

Haa ta’u malee jedha ibsichi namootni ajjeechaa kana qindeessan yookan kallattiin harka keessaa qabu jedhee uummatni eere too’annoo jala hin oolle qoratamaas hin jiran. Namootni shakkama kunneen aanga’oota mootummaa sadarkaa garaagaraa irra jiran waan ta’aniif adeemsa qorannoo irratti dhiibbaa uumaa akka jiran ibse komishiinichi. Kana malees wantoota qorannoo kana saffisaan xumuruuf deeggarsa barbaachisu qaamolee bulchiinsaa fi nageenyaa irraa taasifamaa hin jirus jedhe. 

Ajjeechaa abbootii Gadaa Karrayyuu irratti qorannoo taasise gabaasa isaa ifa gochuun mootummaan naannoo Oromiyaa namootni ajjeechaa kana keessatti qooda fudhatan irratti qorannoon yakka gaggeefamee seeratti akka dhiyaatan waamicha dhiyeessuu isaa yaadachiise ibsichi. Namootni shakkamanii too’annoo jala oolanis akkataa seeratiin mana murtiitti hin dhiyaanne jedhe komishiinichi.

Haaluma kanaan waajjirri kominikeeshinii naannoo Oromiyaa Bitootessa 13/2014 ajjeechaa abbootii Gadaa Karrayyuu ilaalchisee ibsa baaseen adeemsa qorannoo yakkaa irra tarkaanfachuun dura bu’ummaa Gumii Abbootii Gadaatin Mootummaa naannoo Oromiyaa fi Hawaasa Karrayyuu walitti araarsuf yaaliin tasifamaa jiraachuu hubadheen jira jedha komishiinichi.

Haa ta’u malee “Adeemsi araaraa aadaa tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuuf fudhatamu deeggaruu qaba. Adeemsi  akkanaa Namoota miidhaman,Maatii miidhamtoota fi Hawaasa naannoo hunda kan hirmaachise ta’uu qaba. Adeemsi araaraa aadaa itti gaafatamummaa seeraan bakka buusuuf yookan hambisuuf  taasifamu hawaasa keessatti mufii uuma yoo ta’e faayidaa isaa irra miidhaa isaatu caala.” jedhe ibsichi.

Komishiinarri Komishiini Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Daani’eel Baqqalaa (PhD) “Kan miidhameef gumaa baasuun, Araarri, haqnii fi itti gaafatamummaan walumaa hojii irra ooluu ni danda’u. Araarri waaraan akka bu’uuf aanga’ootni mootummaa fi qaamoleen dhimmi isaan ilaallatu hundinuu kutannoodhan hojjachuu qabu” jedhe. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.