Naannoon Benishaangul Gumuz Afaan Sadii Afaan Barnootaa Taasisuufi

Finfinnee- Naannoo Benishaangul barnoota Afaan dhalootaa sadiin kennuuf hojjachaa jiraachuu beeksise.  Marii Biiroo barnoota naannichaa fi qooda fudhattoota giddutti gaggeefame irratti akka ibsametti afaanota Koomoo, Maa’oo fi Gawama afaan barnootaa gochuuf akkataa itti danda’amu irratti hojatamaa jira.  Hirmaattotni marii kanaa dhimmoota guddina afaanotaa irratti danqaa ta’e adda baasaniiru. 

Itti gaafatamaan Biiroo Barnoota naannichaa Biiniyam Maangashaa, Afaanotni sadeen akka afaan dhalootaatti barsiifamaa jirachuu eeree, biiroon isaa afaanota kana gara afaan hojiitti jijjiiruuf  imaammata afaanii hojii irraa olchuun, miindaa barsiisotaa dabalee ga’umsa isaanis ni guddisa jedhe. 

Itti gaafatamaan waajjira paartii Badhaadhinaa naannichaa Yisaaq Abdulkadir gama isaatiin mootummaan naannichaa afaanota kanneen adeemsa barsiisu fi barachuu keessatti bu’a qabeeyyii taasisuuf hojjachaa jiraachu hime. Haa ta’u malee hanqinni ga’umsa barsiisotaa, duuka buu’insi fi gargaarsi dhabamuun akkasumsas kitaabotni xiqqaachuun ga’umsa barattootaa irratti dhiibbaa fidaa waan jiruuf furamuu qaba jedhe. 

Mariin kana irratti aanga’ootni naannichaa, aanga’ootni aanaalee addaa Maa’oo fi Koomoo akkasumas qooda fudhattootni argamanii jiru.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.