Sudaan Kibbaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa, Haleellaan Hidhattootni Murlee Gaggeessaan akka dhaabbatu gaafate

Finfinnee – Sudaan Kibbaatti Ambaasaaddara Itoophiyaa, Ministira Dhimma Alaa Sudaan Kibbaa Nabiil Mahadii Meyukii Ayu Deeng waliin dhimmoota haala yeroo irratti mari’ataniiru. Marii kanaan, Ambaasaaddar Nabiil, dhimmoota nageenyaa fi misooma daangaa waloo Itoophiyaa fi Sudaan Kibbaa waliin walqabatan ilaalchisee ibsa godheera. Keessattuu hidhattootni Murlee, daangaa Itoophiyaa ce’uun haleellaa lammiilee nagaa irratti geessisaa jiraniif furmaata akka laatamu gaafateera. Kanaafis dhiyeenyatti walga’ii Komishinii Daangaa Waloo gaggeessuun barbaachisaa akka ta’e hime.

Baatii Amajjii keessa,hidhattootni Sudaan Kibbaa irraa dhufan daangaa ce’anii haleellaa gaggeessaniin namoonni saddeet yoo du’an, shan ammoo madaa’u Komishiniin Poolisii Naannoo Gaambeellaa beeksise ture. Komishinichi akka ibseetti, hidhattoonni kunneen Sudaan Kibbaa, Gosa Murullee irraa dhufan.

Pirees Sekretariyaatiin Naannoo Gaambellaa akka ibseetti, hidhattoonni hawaasa Murlee Sudaan Kibbarraa dhufan daangaa cabsanii Naannoo Gaambeellaa buufata dahoo godaantotaa fi aanaa Goog irratti haleellaa gaggeessanii nama tokko ajjeesuun, namoonni lama ammoo madaa’aniiru. Haleellaa daangaa baatii Guraandhala keessa gaggeeffameen daa’imman sadi butamaniiru.

Akka odeeffannoo Waajjira Pirees Sekretariyaati Gaambellaarra argameen, Ambaasaaddarichi biyyoota lamaan kana daandii dabalatee bu’uraalee misoomaan walitti hidhuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessu akka barbaachisu hime. Haalli nageenyaa Itoophiyaa keessatti jiru “Foyya’aa” akka jiru kan ibse Ambaasaaddarichi, mootummaan marii biyyaalessaa gaggeessuuf tattaaffii gochaa jira jedhe. 

Ministirri Dhimma Alaa Sudaan Kibbaa gama isaatin, naannoo daangaatti nageenya amansiisaa mirkaneessu, akkasumas hawaasa biyyoota lameen kana fayyadamaa taasisuuf walitti dhiyaatanii hojjechuun akka barbaachisu hime. 

Haaluma kanaan aanga’oota naannolee daangaa lama marii taasisuuf gama Sudaan qophii ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa beeksiseera. 

Dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii, “Haleellaawwan Murullee waggootaaf kan turaniidha. Uumamni rakkoo kana kan mootummaan deeggarame ta’u fi ta’uu dhiisuu isaa qorannoo gadi fageenyaa barbaada. Bu’uuruma irraa, biyyoonni lameen barbaachisummaa nagaan waliin jiraachu irratti jiraattota naannoo daangaa jiraataniif barumsa fi hubannoo laachuu qabu,” jedheera. Ambaasaaddarichi kana kan jedhe hidhattoonni Murullee haleellaa Gaambeellaatti gaggeessaniin lammiilee Itoophiyaa 18 ajjeesanii, daa’imman 8 butanii fi lool 100 caalan hatanii deemuu isaani erga dhaga’ame boodadha. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.