Matahaaraatti Hidhattootni Haleellaa Gaggeessaniin Dargaggootni 10 Du’an, 11 Ammoo Miidhamaniiru

Finfinnee, Bitootessa 19/2022- Aanaa Fantaallee, Bulchiinsa magaalaa Matahaaraa, Ganda Algeetti namootni eenyummaan isaanii hin beekamne haleellaa kaleessa gaggeessaniin dargaggootni 10 mana puulii turan hidhattootaan ajjeefamaniiru, dargaggootni11 ol ammoo miidhaamuu jiraattootni himaniiru.

Bulchaan bulchiinsa magaalaa Matahaaraa, Fireezar Abarraa, gaaffiif deebii Raadiyoo Itiyoo Fm waliin taasiseen, dargaggootni shan rasaasaan rukutamanii lubbuun isaani akka darbe fi dargaggootni biroo shan ammoo madaa’anii Hospitaala Matahaaraatti wal’aanamaa akka jiran hime.

Aanaa Fantaallee, Ganda Algeetti haleellaan walfakkaataa qaqqabee akka ture kan yaadachiise  Fireezar, haleellaan amma gaggeeffame sabummaa waliin kan walqabatu akka hin taane dubbate. Poolisii fi Humni Addaa Oromiyaa yakkamtoota gocha kana qabee seeratti dhiyeessuuf adamsaa jiraas jedhe, Fireezar. 

Yaaliin Addis Standard Fireezar dubbisuuf godhe hin milkoofne.  AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.