Gaazexeessitootni AP Akka Hiikaman Waamichi Taasifamus, Manni Murtii Guyyaa Dabalataa Poolisiif Eeyyame

Finfinnee Bitootessa 18, 2022, Manni Murtii  Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa Ramaddii Lidataa gaazexeesstoota Asoosheetid Pirees(AP) Amiir Amaani  fi ogeessi Kaameraa Toomas Ingidaa, baatii muddee keessa hidhamanii  turan irratti himata banuuf guyyaa qorannoo dabalataa 11 poolisiif eeyyame.

Poolisiin dhimmicha qoratu, qorannoowwaan dabalataa gaazexeessitoota irratti qindeeffachuuf  Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa(NISS) xalayaa erge deebii akka hin arganne mana murtii hubachiisuun,  guyyoota dabalataa 14 kan gaafate yoo ta’u manni murtiis guyyaa 11 eeyyameefi jira. Poolisiin irratti ragaawwan kanneen biroo walitti qabaatee akka xumuree fi odeeffannoo qorannoo dabalataa gaazexeessitoota kanneen irratti argachuu barbaade “ ragaa tekinikaa” Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa irraa eeggataa akka jiru eere.

Kana malees miseensootni Poolisii Federaalaa gaazexeessitoota hidhaman kanneen waliin  kanneen shakkaman biroo qabuuf gara naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaa magaalaa Ambotti imaluu poolisiin kan hime. Gareen abukaattoo Gaazexeessitootaan mana murtiitti falmaa jiru gama isaatiin,   guyyaa dabalataa poolisiin gaafate mormuun, poolisiin waan kanaan dura dhaddacha lamaan darban irratti dhiyeesseen ala waan haaraa akka hin dhiyeessine  fi  gareen poolisoota gara Amboottii erguu ilaalchisees odeeffannoo haaraan argame hin jiruu jechuun falmeera. Kanaafis manni murtichaa gaafii guyyaa dabalataa kufaa taasisuun, maamila isaanii Wabiin akka gadi dhiifaman gaafataniiru. Ta’us manni murtichaa yaadicha  kuffiseera.

Dhaddacha Bitootessa 7 dhaga’ame irratti poolisiin qorannoowwaan isaa hundaa xumuruuf guyyoota 14 kan gaafate yoo ta’u akka poolisiin ibsetti, hojiin meeshaalee elektirooniksii gaazexeessitoota irraa fuudhame qorannoof gara Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaatti erguun xumuramuu fi dhaabbatichi  “ragaa tekinikaa” gaazexeessitoota irratti dhiyessuuf eegaa jira.

Asoosheetid Pirees Bitootessa 11  gaazexeessitootni isaa guyyaa 100 hidhaan dabarsan akka hiikaman waamicha taasisee ture. Bakka bu’aan biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadii Koree mirga Gaazexeessitootaf falmuu Muttookii Mumoo akka AP tti himetti “Himata Amiir Amaani  fi Toomas Ingidaa irratti aanga’ootni akka dhimma hin qabne ifa ta’uu hin danda’u.”

Gulaalaan miidiyaa Neetwoorkii Taraaraa Taammiraat Nagaraas Itoophiyaa Oromiyaa keessatti hidhamuun himata maqa balleessii aanga’ootaa fi sanan walqabataniif saaxilamuu Mumoon dubbateera. Haaluma wal fakkaatuun, pireezidaantiin Kilabii Pireesii Biyyaalessaa Jeen Judsaani fi pireezidaantiin Kilaba pireesii biyyaalessa inistiyuutii Gaazexessummaa Giil Kileeyin ibsa Bitootessa 14 baasaniin gaazexeessitootni sadeenuu hatattamaan akka hiikaman gaafataniiru.

Manni murticha dhimma gaazexeessaa Amiir Amaani  fi ogeessi Kaameraa Toomas Ingidaa hanga Bitootessa 29 tti dhaga’uuf beelameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.