Biiroon Barnootaa Naannoo Amaaraa Adeemsa Qormaata Biyyaalessaa Irrattti Komii Kaase

Tafarraa Fayyisaa, Itti aanaan Daayirektaraa waliigalaa Tajaajila Qormaataa

Finfinnee, Bitootessa 18/2022- Biiroon Barnootaa Naannoo Amaaraa adeemsa fi bu’aa qormaata biyyaaleessaa bara 2013 irratti komii dhiyeesse. Ejensiin Madaallii Ga’umsaa fi Qormaata Biyyaalessaa fi Ministeerri Barnoota gama isaanitiin, barattoota qormaata bara 2013 fudhatan keessaa dhibbeentaa 30 gaditu qofa dhaabbilee barnoota olaannoo mootummaatti ramadama jedhan.

Ministeerri Barnootaa ibsa laateen, barattoota marsaa jalqabaan qoraman 554,682 keessaa dhibbeentaa 25 dhaabbilee barnootaa olaanaatti kan ramadamn yoo ta’u, kanneen marsaa lammaffaan qoraman 53,997 keessaa dhibbeentaa 28 akka ramadaman beeksiseera. 

Qormaanni  biyyaaleessaa kutaa 10 hafuu isaatin barattootni lakkoofsaan heddu ta’an qormaata biyyaaleessaa kutaa 12 akka fudhatan taasisuu kan ibse Ministeerichi, Yunivarsiitiiwwan Naannoo Tigraay barana barattoota simachuu waan hin dandeenyeefi barattoonni kanaan dura Yunivarsiitiiwwan Naannoo Tigraay keessa  jiranitti barachaa turan gara dhaabbilee barnoota olaanoo birootti akka ramadaman taasifamuun, gahumsa simannaa barattoota kuma 48 akka dhabamu taasise jedhe.

Ejensiin Madaallii Ga’umsaa fi Qormaata Biyyaalessaa gama isaan, akkaataa soroorsa qormaataa fi komiiwwan kanaan walqabate ka’aa jiran ilaalchisee ibsa laateera. Eejensichi ibsa laateen, komiin barattoota kuma 20 oliif deebii kennamuu beeksise.

Gama biraatiin Naannoo Amaaraa godina Walloo Kaabaa manneen barnootaa 42 qormaatni itti gaggeeffame keessaa manneen barnoota 6 irraa barattootni 679 gutumaagututti kufuu isaanii Midiyaan naannichaa gabaase. Manneen barnootaa Giraana, Qaalim, Qulmask, Gurgur Dabra horaa, Haannamuqat Dabra Siina fi mana barumsa sadarkaa lammaffaa Kabbabaawu keessatti rakkoon adeemsa soroorsuu qorumsaa muudachuutu gabaafame. 

Kana malees ogeetti barnootaa godinachaa Muluu Adaane gama isheetiin barattootni godinichaa baatii shanii oliif waraana keessa turanii osoo hin bayyanatin qormaata fudhachuun isaanii sirrii miti jette. Barattootni kunneen rakkoo xiinsammuu waraanni fidu keessaa osoo hin bahin qormaataf taa’an jette Muluun. Akka Godinichaatti barattoota 9,710 qormaata fudhatan  keessa barattoota 3,567 qofatu qaphxii gahaa argate. 

Biiroon Barnoota Naannoo Amaaraa dursa yeroo qormaanni marsaa jalqabaa laatamu odeeffannoon qormaatichi hatameera jedhu ilaalchisee xiinxala qabxii qormaatichaa of eeggannoon akka ilaalamu Ejensii Qormaataaf barreeffamaan gaaffii akka dhiyeesse, akkasumas bu’aa qormaatichaafi qabxii seensa Yunivarsiitii ilaalchisee komiiwwan dhiyaatan bu’uura godhachuun deebii barbaachisu akka laatu Ministeera Barnootaaf gaaffii dhiyeessuu beeksiseera. 

Itti aanaan Daayirektaraa waliigalaa Tajaajila Qormaataa Tafarraa Fayyisaa, qormaatichi of eeggannoon haa soroorfamu iyyuu malee, adeemsa soroorsu marsaa 2ffaa irratti rakkoon teekinikaa mudachuu fi sirreefamni taasifamuu hime. Rakkoon kun barattoota 559 hin caalle irratti mudachuu fi irra deebi’amee erga ilaalamee booda sirreeffamuu eere.

Rakkoo soroorsu qormaataa akka mudate kan barame qorannoo Tajaajila Qormaataa taasiseen akka ta’e kan hime, Tafarraan, komii ilaalchisee barattoonni osoo hin rakkatiin bakka jiran taa’anii sirni ittiin komii isaanii hiikuun danda’amu diriirfamee hojjetamuu fi sirnichaan komiin barattoota kuma 20 olii deebii argachuu ibse.

Bara kana  lakkoofsi barattoota qormaaticha fudhatanii hedduu ta’uu fi sababa rakkoo nageenyaa naannoo Tigraay jiruun dhaabbilee barnoota olaanoo barattoota simachu danda’an kan baroota darban irraa hir’achuun, Yunvarsiitiwwan lakkoofsi barattoota fudhatan  akka gadi bu’u taasisuun qabxiin seensaa olkaafamuu dubbate. 

Iddoowwan  rakkoon nageenyaa jiru laalchisee, bu’aa qabxii seensa dhaabbilee barnoota olaanoo addaatti murteessuu waanti dirqisiisu waan hin jirreef haala idileen akka keessummeeffaman eerameera.  

Lakkoofsi Yunivarsiitiiwwan haa hir’atu malee, lakkoofsa barattoota barana Yunivarsiitii mootummaatti ramadamanii dabaluu kan hime Ministeerichi, bara darbe barattoonni kuma 147 Yunivarsiitii 47tti kan ramadaman yoo ta’u, bara kana  barattootnii kuma 152 Yunivarsiitii 43 keessatti akka ramadaman taasifamuu ibseera. 

Adeemsa qormaata biyyaalessan walqabatee komiin ka’uun kan jalqabaa miti. Bara 2019 rakkoo adeemsatiin kan ka’e barattootni kumaatamaan lakkaawwaman qaphxii gadi aanaa argachuun ni yaadatama. Haaluma kanaan Ministeerri Barnootaa komii maatii barattootaa guutummaa buyyattii irraa muudateef deebii laachuuf dirqamee ture. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.