Darajjee Gonfaa tiin
Finfinnee,Sadaasa 16,2021- Gumii Surichoo, jiraataa Godina Booranaa Aanaa Dilloo, “Booranaa rakkoo hammaataan muudachuun erga dhaga’amee namuu biyya keessa fi alaa nama dhuunfaati hanga jaarmiyaaletti waan qabuun nuuf birmachuutti jiru.” jechuun gargaarsa taasifamaa jiru ibsa.
Hongee cimaan kibba Oromiyaatti muudate godinaalee Booranaa fi Gujiitti, dhumaatii beeladootaa heedduuf sababa ta’eera. Lammileen walakkaa miliyoonaa ta’anis harka namaa ilaaluuf dirqamaniiru.
Bakka hongeen itti hammaate keessaa tokko godina Booranaati. Aanaalee godinichaa hunda keessatti hanqinni margaa beeladoota fi bishaanii muudate jira. Sababa kanaan loon kumni 35 du’an, beeladoonni kuma 70 ta’an dadhabanii harka namaan kaafamaa jiru.
Haa ta’uu malee birmannaan taasifamaa jiru kun kan yeroo gabaabati malee waan furmaata waaraa fidu mitii jedha Gumiin. Itti dabaluunis waa’ee gargaarsaa akkas jedha “Gargaarsi nama hunda utuu hin taane muraasa bira qaqqabaa jira. Kanaaf gargaarsi taasifamaa jiru kun yeroof yoo ta’e malee yaaddoo dhumaatii beeladoota keenya fi beela nu muudate kan nuuf furu miti.”
Keessumaa xiyyeeffannoon gama mootummaatin jiru laafaa ta’uu kan qeequ Gumiin, “Akka waan gurri mootummaa badetti yookiin mootummaa maqaa balleessutti waan yaadamuuf rakkoolee jirtu ni dhofkatan qaamoleen mootummaa. Sun ammoo akka namni fi beeladootnillee daran akka miidhaman taasiseera.” jedha.
“Gargaarsi nama hunda utuu hin taane muraasa bira qaqqabaa jira.”
Gumii Surichoo, Jiraataa
Dullacha Duubaa ammoo jiraataa Godina Booranaa aanaa Taltalleeti. “Gargaarsi nuuf dhufaa jiru xiqqaa miti, yeroof nu bayyanachiisaa jira.Haa ta’uu malee balaan isaas haalaan guddoo waan taateef ammayyuu birmannaa guddaa nu barbaachisa.” jedha.
Akka Dullachi jedhutti Booranatti namni tokko horii dhibbaatamaan lakka’amu qaba, kana marga konkolaata tokkoo lamaan dhufuu fi bishaan lafa fagoo irraa bootteen waraabameen horii obaasaa yeroo dheeraa tursiisuun ulfaatadha. Bonni fuula dura jiru bona jabaa waan ta’uuf, hanga yoomitti bishaanifi margaa fe’anii dandamachiisu inni jedhu waan baayyee nama yaaddeessuudha.
Dullachi “Horsiisee bulaan horii qaba, Horiin isaa jalaa dhumeera, jireenyis akka malee qaala’eera. Fakkeenyaf re’ee tokko gurgurattee boqqolloo kuntaala tokko bitachuu hin dandeessuu. Amma kan nuti sodaannu lubbuun namaa akka sababa kanaan hin duunedha malee beeladoota haala kanaanan baraaruun ni ulfaata.” jedha.
Ammatti waan barbaachisu yeroo ibsu Dullachi “Nuti kan gaafannuu mootummaan Labsii baasee dhabbilee gurguddoon biyya keessa fi alaa horii kana nurraa bitatanii akka gabbisan osoo taasifame, loon du’arraa bararamamii biyyallee fayyaduu danda’u.”
Jiraatan godina Booranaa Aanaa Waacillee Dhaddacha Abbulee Addis Standardiif yaada kenneen “Akka asiin dura namootni waan nyaatu dhabee akka hin duunee hordoffiin taasifamee deeggarsi godhamaafi jira. Haa ta’u malee rakkoon beela sun furameera jechuu miti. Amma kan rakkoo guddaa nutti ta’e bishaani, namnii fi horiin waan dhugu dhabee dararatti jira.”
Asiin dura godina Booranaa keessatti namootni sababa beelan du’uu fi hongeen hammaate yaaddoo jiraattootaa ta’uu Addis Standard qulqulleffachuun gabaasee ture, mootummaan garuu holola jechuun haale.
Deeggarsi Taasifamaa jiru maali?
Rakkoon kun erga dhaga’amee deeggarsi gama addaa addaatiin taasifamaa jira. Dargaggoo Jaatanii Bonayyaa namoota magaalaa Finfinnetti deeggarsaa mallaqaa itti hawaasni hirmaatu qindeessaa turan keessa isa tokkoo.
“Nutillee ijoolluma Horsiisaa bulaa waan taaneef rakkoon akkamii akka jiru waan beeknuuf sadarkaa itti namni rakkatee beelan du’uurra geenyan wal mari’annee yoo xiqqaatellee lubbuu namaa oolchu qabna jennee deeggarsa sana walitti qabne.” jedha Jataniini. Jaataniin “Qarshii miliyoona shan walitti qabnee nyaata namaa fi kan beeladootaa binnee aanalee Areeroo, Taltallee fi Dilloo keessatti abbootii warraa kuma afur ta’aniif deeggarsa yeroof oolu goone.” jedha.
Bulchaan Godina Booranaa Jaarsoo Boruu, deeggarsa hanga yoonatti taasifameen, abbaa warraa kuma 160 ta’u hawaasa booranaa rakkoof saaxilame keessaa, dhibbeenta torbaatamni deeggarsi yeroo kun ga’uu fi kanaanis balaa muudachu danda’u xiqqeessuun danda’amuu dubbate.
Hanga yoonattis horiin kuma 35 ta’an du’uu fi kanneen kuma 70 ta’an humna namaatin bakka ciisanii ka’aa jiru
Bulchaa Godina Booranaa Jaarsoo Boruu
“Deggarsi kennamu namni beelan akka hin duuneef xiyyeeffannaa guddaa kenninee hojjataa jirra. Kan biraa ammoo margi nyaata horiif oolu godinaalee fi bulchiinsota magaalaa Oromiyaa irra deeggarsan dhufaa jiran yeroof lubbuu loon baay’ee du’arraa baraaraa jira. Ta’us garuu walakkaa hanga barbaadamuyyuu hin geenye.” jedha Jaarsoon.
Gama bishaaninis boottee Soddomii Sagal fageenyarraa bishaan deddeebisuun dhugaatii horiif oolaa akka jiru himan. Haa ta’uu malee ammayyuu bakkeewwaan deeggarsi hin qaqqabinitti lakkoofsi horii du’anii fi dadhabanii dabalaa jira jedha.
Mootummaan naannoo Oromiyaa rakkoo nyaata beeladaaf birrii miiliyoona10 akkasumas namoota balaa kanaan miidhamaniif ammoo birrii miiliyoona 20 ramaduu isaa beeksise ture.
Dhabbileen Idil addunyaa akka Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Biiroon Qindeessi Dhimmoota Namoomaa (UNOCHA) deeggarsa jalqabuu isaanii ibseera.
Haata’u malee akka jiraatan Godinichaa Addis Standardiif yaada kennetti haalli qabatamaan lafa jiru akka miidiyaa gubbaatti odeeffamu utuu hin taane, rakkoon isaa baay’ee ulfaatadha.
Yaaddoon Jiru Maali ?
Naannoo Afrikaa bahaatti gogiinsa uumameen hongee cimaan biyyoota Afrikaa akka Itoophiyaa,Keeniyaa fi Somaaliyaatti daran hammachuun namaa fi beeladoota fixaa jirachuu dhabbanni International Rescue Committee jedhamu beeksiseera.
Hongeeni kun haala kanaan kan itti fufu yoo ta’e ammallee gaga’ama guddaa geessisuu akka danda’u sodaa jiraattota Booranaati. Yaaddoo guddaan uummata Booranaa inni biraa bishaan yoo ta’u gaaffii waggaa hedduu kan hanga yoonatti deebii hin argatin jiru.
“Deggarsi kennamu namni beelan akka hin duuneef xiyyeeffannaa guddaa kenninee hojjataa jirra”
Bulchaa Godina Booranaa Jaarsoo Boruu
Hanga yoonattis horiin kuma 35 ta’an du’uu fi kanneen kuma 70 ta’an humna namaatin bakka ciisanii ka’aa jirachuu dubbata Jaarsoon. Kana malees horsiisee bultootni hedduun ammoo loonii fi maatii isaani waliin gara naannolee baddaa Godina Gujii fi Uummatoota Kibbaatti akka godaanaa jiranis hima.
Kun ammoo barattootni horsiisee bulaadha lakkoofsaan baay’ee ta’an barnoota isaanii addaan kutuun maatii horii godaansisan waliin gara bakka biraatti godaanuuf dirqamaniiru,warrumti mana baruumsaa oolanis beela keessa jiraniif haala kanaan baratanii dorgomoo ta’uun heddu ulfaata.
Deeggarsi horsiisee bultootaaf taasifamu hojii dhaloota baraaruu dabalata jechuudha. Deeggarsi ammaaf jalqabame kun hongee cimaa fuulduratti muudachuu danda’uuf itti fufiinsa hin qabuu laata? kan jedhuus yaaddoo horsiisee bultoota Booranaati.
Sadarkaan hongee fi beela Booranaatti muudatee beeladoota qofaaf utuu hin taane lubbuu namoota hedduus galaafachuu danda’a kan jedhus yaaddoo biraati.
Furmaatni waaraa Booranaa hongee keessaa baasu jiraa?
Jireenyi hawaasa horsiise-bulaa Booranaa caalmaan horii irratti waan hundaa’uuf bara dhufee darbu yoo roobni hin jirre hongeen uumamee beelaaf saaxilamun waan baramedha.
Bara hundaa sababa hongee fi goginsaatiin hawaasni Booranaa akka hin miidhamneef waanti mootummaan akka furmatatti kaa’ee maali gaaffii jedhuuf Bulchaan Godinichaa, Jaarso Boruu hojii hubannoo Hawaasaa jijjiruu irratti hojjataa jirra jedhan.
Kanaa malees muuxannoo biyya Awustaraaliyaa fi uummata Koonsoo haala horii xiqqaarraa bu’aa guddaa argachuu danda’amu irratti hojjachuu akkasumas gammojjummaa ittisuuf hojii kunuunsa naannoo irratti xiyyeeffatamee hojjatamaa jiraachuu eera.
Dabalataanis walitti hidhamiinsa dhabbileen gurguddoon horii horsiisee bultoota irraa bituun haala itti fufiinsan wal deeggaruu danda’an irratti fi bishaan ga’aan dhugaatii namaa fi horii bira darbee jallisiiif oolu akka jiraatu hojjatamaa jiraachuullee dubbate Jaarsoon.
Dhimma bishaanii abbummaan kan hogganu Biiroo bishaani fi inarjii Oromiyaa ture. Dhimmi Bishanii Booranaaf dhimma jireenyati haa ta’uu malee yoom gaaffiin uummataa furmaata akka argatu Hoggantuun Biiroo Bishaani fi inarjii Oromiyaa injinar Miliyoon Baqqalaa hojii tumsa hundaatu kan barbaadu ta’uu himti.
“Boorana keessatti humni bishaan lafa jalaa kan guutummaa horiifi ummata godinichaa gahuu irra darbee oomisha jallisiif ta’u jira.”
Hoggantuu Biiroo Bishaani fi inarjii Oromiyaa injinar Miliyoon Baqqalaa
Networkiin Bishaanii Booranaa, bishaan lafa jalaa baasuun jiraattota fayyadamoo taasisu erga jalqabee waggaa 12 olfixeera. Hojiin kanaan dura hojjatamee dogoggora qaba jedhamuun waggaa lamaa as bifa haaraan hojjatamaa jira. Haa ta’uu malee hojiin pirojeektii guddaan mallaqaa fi humna namaa barbaadu kan qorannoo hedduun hojjatamu akkamitti doggorame kan jedhu waanti ifaan hin jiru.
Rakkoo hongee gammoojjii Oromiyaa Booranaa,Gujii, Baale fi Arsii dabalatee mootummaan naannoo Oromiyaa birrii miliyoona 150 ramaduun deggaraa jiraachu fi kana keessaa birrii miliyoona 30 mootummaa naannoo Oromiyaatin Booranaaf waadaan galames dhiyeessii bishaani fi margaaf oolaa akka jiru ibsite.
Dhimma bishaan Booranaa irratti, Boorana keessatti humni bishaan lafa jalaa kan guutummaa horiifi ummata godinichaa gahuu irra darbee oomisha jallisiif ta’uu akka danda’u eeruun kana hojiitti hiikuuf birrii biliyoona heddu kan gaafatu ta’uufi marsaa jalqabaa kanaaf birrii biliyoona shan caaluun hojiin hojjatamaa jira jetti.
Haa ta’uu malee baajatni ramadame ga’aa waan hin taaneef tumsa qaamolee addaa addaatin akkaataa bishaan kun bahee uummata bira gahuu danda’urratti hojjechuu barbaachisa jetti.
Akka Qorannoo dhiyeenya Dhabbata Mootummoota Gamtoomaniin bahetti waggoota kurnan dhufan kana keessatti lammileen harka qal’eeyyii biyyoota Afrikaa miliyoona 118 ta’an rakkoo gogiinsa fi hongeen miidhamu.AS