Oduu: Namoonni 30,000 dhiyeenya aanaalee Wallagga Bahaa keessaa buqqa’an haala rakkisaa keessa jiru

Geetahuun Laggasaa  @Birmaduu2

Finfinnee, Mudde 8/2022- Jiraattonni aanaa Giddaa Ayyaanaa fi Kiiramuu godina Wallagga Bahaa haleellaa namoota hedduu galaafate baqatan rakkoo namoomaa hamaa keessa akka jiran jiraataan fi aanga’aan Addis Standarditti himan. Namoonni 30,000 ta’an haleellaa baqatanii magaalaa Giddaa buufatan kunneen Nyaata, Bishaa, Iddoo boqonnaa fi tajaajila fayya hin arganne. 

Bulchaan aanaa Giddaa Ayyaanaa Ijjiguu Guddataa namoonni 16,000 ta’an gandoota aanaa Giddaa Ayyaanaa irraa fi namoonni 15,000 ta’an aanaa Kiiramuu irraa buqqa’an manneen barnootaa  magaalaa Giddaa keessa jiru jedhe. Jiraattonni hedduun gara Amboo fi magalaawwan biroo dhihoo jirannitti baqachuu isaanis eere.  

“Buqqatoonni daa’imman, haadholii ulfaa fi harma hoosisan akkasumas jaarsolii gargaargasa hatattamaa barbaadani. Jiraattonni magaala Giddaa buddeena fi bishaan dhiyeessaa jiru, Haa ta’u malee kuni namoota kana nyaachisuufis ta’ee fedhii bu’uura guutuf gahaa miti.” jedha Ijjiguun.

Tajaajilli namoomaa mootummaa rakkoo nageenyaa jiruun socho’uu akka hin dandeenye eerun lolli Kiiramuu keessatti itti fufee akka jiru dubbata Ijjiguun.  

Jiraatan Giddaa Ayyaanaa Addis Standard dubbise qaamni mootummaas ta’ee miti mootummaa gargaarsa taasisaa akka hin jirre mirkaneessera. Jiraatan kun buqqaatonni, “Waan nyaatan hin qaban, qarshii hin qaban, bakka bultii hin qaban. Kaan mana barumsaa keessa jiru. Gariin mana namaa jiru. Uffataa  fi waan irra ciisan hin qaban. ”jedha. 

Gama biraatiin dhalattoonni Amaaraa 4,000 ta’an Aanaa Kiraamuu irraa buqqa’anii Baahirdar jiranis haala wal-fakkaataan gargaarsa hatattamaa barbaadu jechuun DW gabaasera. Namoonni kun haleellaa hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo isaan “Shanee” jechuun waamaniin irra gahe baqatanii Baahirdaar gahuu himu.

Komiishinara itti aantuun Komiishinii Ittisa Balaa fi Wabii Nyaataa naannoo Amaaraa Ihitagenyewu Ademe buqqaatonni kun torbe darbee Baahirdaar dhaqqabuu akka eegalan himuun, konkolaataa sadiin iddoowwan Filaaqiit, Jaawwii fi Laay Gaayint jedhaman qubachiisuu himteetti.

“Maqaa isaanii erga galmeessinee booda, konkolaataa qopheessinee kanneen fira qaban nyaata ji’a tokkoof isaan gahu waliin gara firoottan isaanii ergaa jirra. Waan dandeenye mara gochaa jirra,” jette.

Haleellaawwan Sadaasa 25 fi 29, 2022 aanaa Kiiramuu keessatti raawwataman kan jiraatonni fi aanga’oonni aanaa ollaa hidhattoota Amaaraa “Faannoo” jedhaman himataniin namoonni hedduun yoo ajjeefaman, jiraattonni aanaa Kiiramuu guutummaatti buqqa’aniiru.

Lola cimaa raayyaa ittisa biyyaa, humna addaa Oromiyaa, Waraana Bilisummaa Oromoo fi hidhattoota Faannoo hirmaachise Mudde 03 fi 04 gaggeefameenis namoonni ammaaf lakkoofsi isaanii ifa hin taane yoo ajjeefaman, hedduun ammoo buqqa’uu gabaasaaleen ni mul’isu.

Haata’u malee mootummaana federaalaas ta’e kan naannolee Oromiyaa fi Amaaraa dhimma kanarratti wanti jedhan hin jiru.

Barattoonni manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa fi yuunivarsiitiiwwan adda addaa keessa jiranis haleellaa irra deddeebiin Oromoo irratti raawwatamaa jiru balaaleffachuun mormii isaanii dhageessisaniiru.

Dhabbatni Mootummoota Gamtoomanii Robii darbe walitti bu’insi Lixa Oromiyaa keessumaa Wallagga keessa jiru namoota nagaa qe’ee isaanii irraa buqqisaa fi qabeenya barbadeessa jira jedhe.
Gabaasni dhaabbatichaa dhiyeenya kana bahe lakkofsa haaraa argachuun akka hin danda’amne eeree lakkoofsi buqqaatotaa baay’ee dabaluu danda’a jedhe.

Gabaasni UN Sadaasa 11 bahe ammoo bara 2019 irraa eegalee rakkoon nageenyaa lixaa fi kibba Oromiyaa jiru gaaga’ama namoomaa daran hammeessee jira jedha. “Maddi rakkoo kanaa walitti bu’insa qaamolee hidhataniiti”. Akka gabaasni kun jedhutti buqqaatonni 740,000 ta’an lixa Oromiyaa daangaa naannoo Amaaraa fi Benishaangul Gumuzitti argamu. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.