Oduu – Walitti bu’insi fi hongeen Itoophiyaa ji’oota 6 darban keessa qofa barattoota walakkaa miliyoona ta’an barnootaan ala godhe

Finfinnee, Mudde 8/2022 – Mootummoota gamtoomaniitti gargaarsa idil-addunyaa gargaarsa hatattamaa barnootaaf godhu ‘barnoonni hin turu’ (Education Cannot Wait (ECW)), jedhamuun beekamu gabaasa baaseen Itoophiyaa keessatti daa’imman miliyoona 3.6 ta’an sababa waraanaa,  jijjiirama qilleensaa, beelaa fi buqqa’uutiin barnootaan ala ta’aniiru jedheera. Gaaga’amni kuni akka addunyaatti isa guddaa yoo ta’u ji’oottan jahan darban keessa qofa miliyoona 3.1 irraa gara miliyoona 3.6 ol guddateera.

Daawwannnaa aanga’oonni Olaanoon ECW fi ministerri misooma idil-addunyaa Norweey gara Itoophiyaa godhanitti aansuun ibsa Muddee 07 ECW baaseen, daa’imman 3.6 ta’an barnootaan ala kan ta’an yoo ta’u manneen barnootaa 8700 ol ta’animmoo sababa waraanaa fi jijjiirama qilleensaatiin miidhamaniiru.

Lolli dhiyeenya kana naannoolee Affaar, Amaaraaa fi Tigraay keessaati godhame maatiilee hedduu qe’eesaaniirraa buqqiseera. “Lolli Oromiyaa keessatti godhama jirus lammiilee nagaa buqqisaa jira,” jedheera. Dabaluun, “hongeen haammaataan waggoota afurtaman darban keessa hin muudatin namoota miliyoona 24.1 miidhe haalicha hammeessee jira. Lammillee kanneen keessaa 12.6 daa’immani.”

Ibsa UNICEF sababa balaawwan balaa tasaa kanaan, “ji’oota jahan darban keessa daa’imman barnootaan ala ta’an 3.1 irraa gara 3.6tti guddate” jedheera. Barattoonni mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Itoophiyaa dubbisuu danda’an bara 2018 keessa harka 25 ture bara 2021 gara harka 13 gadi bu’eera jedheera.

Bakka bu’oonni ECW fi ministeera misooma barnoota idi-addunyaa Noorweey fi qaamolee biroo wajjiin ta’uun “barattootaa fi dargaggoo gaaga’ama Oromiyaa fi Somaalee keessa jiruun hubaman daawwataniiru.”

ECW miliyoona $55 ta’uun hojiilee Itoophiyaa keessatti hojjadheera jechuun gaaga’ama dhiyeenya kan muudate furuuf ammas miliyoona $5 kan ta’u dabalataan gargaaruuf qophii xumureera jedheera. Gargaarsi qulqullina barnoota mijeessuuf ECW hamma yoonaatti taasise dhiirra fi shamarran gaaga’ama kanaan miidhaman 276000 ta’an qaqqabeera. AS

.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.