Ummata Oromoo,Oromiyaa Dhumaatiirra Baraaruuf KFO’n Waamicha Waliigalaa Dhiyeesse

Finfinnee, Mudde 8/2022- Paartiin Koongireesii Federaalawaa Oromoo(KFO)n ibsa har’a baasen yeroo ammaa Oromiyaan waraanaa fi manca’ina siyaasaa waliigalaa ta’e keessa galtee jirti ummata Oromoo fi Oromiyaa dhumaatiirra baraaruuf Paartii Badhaadhinaa fi Mootummaa, Hawaasa Idil Addunyaa, Ummata Oromoo maraaf, Humoota Siyaasaa Oromoo haqaaf qabsaa’an, Beektota Oromoo fi ummataa fi humnoota siyaasaa dhugaa biyyattiif waamicha dhiyeessera. 

Rakkoon oromiyaa keessa jiru osoo sadarkaa kanarra hin gayiin dura karaa nagaan marii siyaasaan fala akka argatuuf irra deddeebinee himaa fi gaafachaa turreera kan jedhe KFO’n paartiin biyya bulchu waamicha keenya didee ummata tuffachuun karaa waraanaa filatee ummata du’aa fi darara hamaaf saaxileera jedhe. 

KFO’n “Yeroo ammaa Oromiyaan waraanaa fi manca’ina siyaasaa waliigalaa ta’e keessa galteetti. Guyyaa guyyaan dhibboota baay’een kanneen lakkaawaman namoonni nagaa yoo ajjefaman kumaatamatti kanneen lakkawaman immoo sababa walitti bu’insaa fi hoongeen qeehee fi qabeenya isaanii irraa buqa’uun deeggarsa gahaa malee beelaa fi qorraaf saaxilamaa jiru.”jedhe. 

Humnootni naannoo ollaa irraa ka’an akkasumas oromiyaa keessatti harka lafa jalaattiin kanneen ijaaramanii fi hidhatan milishoota Faannoo fi hidhattoota Mootummaa Naannoo Amaaraa daa’imman, dubartoota, fi manguddoota yeroo qalan, gandoota yeroo saaman fi qonnaa uummataa yeroo barbadeessan ummanni Oromoo mootummaa  nagaaf eegumsa taasisu hin argamne jedhe KFO’n. 

Humnoonni kun ukkaamsuudhaan harka isaanii kanneen galshatan dargaggoota nagaa “qeerroo shanee’’ qabanne jechuun haala suukkanneessaan erga ajjeesanii booda bifa saalfii ta’ee fi faallaa amala namoomaa biyya kanaatiin reeffa irratti yeroo tabatan argamaniirus jedhe. 

Kana malees, “ummatichaan ‘deeggartoota shanii fi soortoota shaneeti’  kanaafuu ‘qurxummii qabuuf galaanicha gogsuu barbaachisa’ jechuun lafarraan raayyaa ittisaan, humna addaa oromiyaa fi poolisii feedaraalaan akkasumas waqarraan humnoota biyya alaa qindeessuun xiyaara nam-maleen(diroonii), jeettii fi eelikooftar waraanaatiiin bakkeewwan gabaatti, bakka manneen  jireenyaa uumata nagaarratti, manneen barnootaa, bakkeewwan sagadaa amantiiwwan adda addaa osoo addaan hin baasiiin bakka tokkotti boombii fi rookkeettiiiwwanitti  roobsuun namoota nagaa fixaa jira.” jedhe ibsi KFO

Kanaafuu, ummata Oromoo fi Oromiyaatti akkasumas Itoophiyaatti kan dhufaa jiru balaawwan  waliigalaa kanarraa baraaruuf Koongireesii Fedaraalawaa Oromoon qaamolee armaan gadiitiif waamicha armaan gadii dabarseera.

1.Paartii Badhaadhinaa fi mootummaa tiif:- Daandiiwwan nageenyaa hordofuurra waraana keessatti dhidhimuun tilmaamota tokko tokkoon waraanni kaabatti gaggeeffameen lammiiwwan miiliyoona tokko caalan sababa tokko male akka dhuman kan taasise paartiin Badhaadhinaa dogoggora kana irraa barachuun rakkoo Oromiyaa karaa nagaan hiikuuf yaaluu irra karaa faallaan toftaa bushaahe oftuulummaa raayyummaatiin itti fufuuf murteessuun isaa ofii isaafuu haa hafu kan ittiin hin jedhamne dogoggora seenaa, biyyittii fi uummata ishees bu’aa isaa tilmaamuun kan nama dhibu mancaatii waliigalaatiif saaxileera. Akkuma irra deddeebinee itti beeksifneetti rakkoowwan siyaasaaf fala siyaasaa barbaaduurra ejjennoo danqamaan dhiibuun daandii humnaa filateera.

 Barootan arfan darban Oromiyaa keessa ta’ee Itiyoophiyaa maratti kan gahee fi gahaa jiru du’aatii lammilee nagaa, barbadaa’innii  fi buqqaatiin akkasumas balaa diigamisa biyyittiif sababiin dursaa sadarkaa sadarkaan  sirna feedaraalisimii sabaa fi sab-lammootaa diiguuf yaaliiwwan taasafaman yoo ta’an dursa itti gaafatamaan daandii nageenyaa kan jibbu humna paartii Badhaadhinaa fi garee dhhabbilee siyaasaa deeggartootaa fi gorsitoota isaa ta’uu isaanii uummata Itiyoophiyaa maraa fi hawaasawwan addunyaaf gadi qabnee ibsuufii barbaanna.

Paartiin Badhaadhinaa kunis, uummanni oromoo waggootii dheeraadhaaf karaa nagaan gaaffii mirgaa dhiyeessa ture humnaa fi humna qofaan furuuf murteessuun isaa seenaa kufaatii abbootii irree mootummaawwan darbaniirra barachuu dhabuu isaa agarsiisa. Asi irratti hunduu hubachuu kan qabu biyyittii fi dhimmi guddaa tokko uummanni oromoo karaa saganteeffamee fi qindaaheen irratti gaggeeffamaa kan ture ukkaamsaa, ajjeechaa fi waraana karaa nagaa itti qabsaahaa turullee ajjeechaa fi ukkaamsaan daran hammaachaa dhufuun, kufaatiin diinagdee bu’uura jireenyaa diiguunii  fi wabii nagaan jiraachuu dhabaa dhufuutiin  obsa qabu fixachaa dhufuu isaa ti. Rakkoo ariifachiisaa kanaafimmoo haammataa kan ta’e fala nagaa fi siyaasaawwaan ariitiidhaan yoo hin argamneef uummatichaa fi biyyittii diiguuf kan dandeessisu mancaatii waliigalaa akka uumamaa jiru hubachuun barbaachisa. Kanaafuu, paartiin Badhaadhinaa ejjennoo daqamaa isaa jijjiiruun atattamaan marii dhugaa humnoota dhaabbilee siyaasaa oromoo wajjin akka taasisu cimsinee ni gaafanna.

2.Hawaasa Idila Addunyaa tiif:- Haasni idila addunyaa biyyittii keessa kan jiru mancaatii siyaasaa, waraana dhiiga dhagalaasaa, yaakkoota waraanaa fi  faallaa mirgoota namoomaa hunda kan ilaallatu ta’uu isaanii  hubachuun fala nageenyaa waliigalaa fi hunda haammataa ta’e barbaaduurra fala kutaa biyyittii tokko qofaa keessatti daanggeffamee irratti xiyyeeffachuu fi dhumaatii oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru shilleessuun  sochii nageenyaa lammiilee biyyittii qixa kan hin ilaalle, rakkoowwan walfakkaataatiif adeemsa  fala adda addaa fayyadamuun balaa ta’uu isaarrayyuu nageenya  Itiyoophiya maraaf  wabii ta’uu kan hin dandeenya adeemsa dogoggoraa waan ta’eef atattamaan sirreeffamuu qaba. Asirratti hawaasa idila addunyaatiif ibsuu kan barbaannu rakkoon bu’uuraa biyya keenyaa kaabas ta’ee kibbaa  tilmaamni galma gahumsa ce’umsa diimookiraasii tiif yaadame sun galma gahuu dhiisuun manca’insa dhufe ta’uun isaa jala muramee beekamuu qaba. Kanaafuu, kanneen jaallan Itiyoophiyaa taatan hawwasni idila addunyaa mootommaan feedaraalaa Itiyoophiyaa biyyittii mara keessatti keessumaa Oromiyaa keessa kan jiru waldhabdeewwan siyaasaa karaa humnaa irra marii fi karaa nagana hiikuuf ejjennoo daqamaa isaa irratti jijjiirraa yaadaa akka taasisuuf dhiibbaa siyaasaa barbaachisaa ta’e akka taasiftan ni gaafanna.

Keesumaa, Walta’insa biyyoota Gaanfa Afriikaa (IGAD), Tokkummaa biyyoota Afriikaa (AU), Tokkummaa Biyyoota Awurooppaa (EU) fi Tokkummaa Biyyoota Gamtoomanii (UN) uummata  qabsoo ofirraa qolachuu(self-defense)  gaggeessu deeggaruu fi bukkee dhaabbachuun mootummoota abbaa irree yakkoota idila addunyaa raawwatan balaaleffachuun gahee keessan waan ta’eef yeroo ammaa biyya Itiyoophiyaa jedhamtu kana keessatti  mootummaan Badhaadhinaa bifa qindaahee fi tarsiimaayeen  yaakkoota idila addunyaa ta’an uummata oromoo irratti duulaan gaggeessaa jiru kana hubachuun gochaa mootummaa Badhaadhinaa  kanarratti qoqqobbii taasisuun akka uummata oromoo fi oromiyaa cina dhaabbatttan KFOn kabajaan waamicha isinii godheera.

3.Ummata Oromoo Maraaf:- Paartiin Badhaadhinaa fi mootummaan Oromiyaa mara dirree waraanaa gochaa jira. Qabsoo haqaaf dargaggoota 5000 ol kan itti gabbarte, uumamuu sirna feedaraalizimii dhugaa fi diimokiraatawaa barootaaf qabsaahaafii turte gatachiisuunii  fi gaaffiiwwan mirgaa kaasaafii turte tokkoodhumallee osoo hin deebisiin faallaa isaatiin jaarraawwaniif itti qabsaahaa kan turte sirna ukkaamsaa sadarkaa sadarkaan sirratti deebisuuf karaa ifa ta’ee fi dhoksaa ta’een yaalii qindaahaa ta’een erga eegalee bubbuleera. Sababa kanaafis, dhiigakeetiin kan fidde carraa jijjiirra qolatamuukeerrayyuu maalummaakee kan qoru balaan jiraachuu fi dhiisuu keeyyuu si fuunduratti danqamee jira. Balaa ija baasee sitti dhufe kana tokkummaakee eeguun bifa qindaahee fi ijaarameen mataakeessan, qehee keessan, mandara keessan, fi naannoo keessan walumaagalatti oromiyaa dammaqinaan akka eegdan, dhimmoota diinagdee fi hawaasummaa irrattis walgargaaruun yeroo qormaataa kana darbuu akka dandeessaniif KFOn waamicha qabsoo isinii  taasisneerra.

4.Humnootaa dhugaa siyaasaa oromoo tiif :- Uummata oromoo irratti hanga har’aa gahaa kan jiru dhumaatiin, cunqursaa fi salphinni sababiin duraa humna cunqursitootaa fi cimina isaaniitiin osoo hin taane walqoqoodditii humnoota siyaasaa oromoo tiin. Dhugaa kana sirriitti hubachuun garaagartummaa  siyaasaa xixxiqaa cinatti dhiisuun uummata keenya fuundara kan dhaabbatee jiru balaa jiraachuu fi jiraachuu dhabuu isaanii tokkummaan akka ofirraa ittisnuuf qabsoo walootiif waamicha seenaa qabeessa KFOn isinii dabarseera.

5.Beektoota Oromoo tiif:- Biyya keessa fi biyya alaa kanneen jirtan beektoonni oromoo, hojjettoonni, artistoonni, gaazexxeesitoonni, walumaagalatti uummanni keenyi hundi uummata keenyaa fi biyya keenyaatti dhumaatii  dhufaa jiru hubachuun beekumsa kan qabu beekumsaan, qabeenya kan qabu qabeenyaan , humna kan qabu humnaan kan Kanaan duraa caalaa uummata oromoo cina akka dhaabbatanii fi balaa jiraachuu fi jiraachuu dhabuu fuuldura isaatti danqamee jiru akka irraa ittistan waamicha keenya isinii dabarsineerra. Ijoollee uummataa kanneen  miseesonni poolisii oromiyaa, raayyaa ittisa biyyaa , poolisii feedaraalaa fi qaamolee nageenyaa taatan  karaa nagaa fi seera qabeessaan qabsoo mirgaa uummanni keessan taasisaa jiraniif gahee keessan akka baataniif waamicha seenaa qabeessaa  isinii dabarsineerra.

6.Uummattoota Itiyoophiyaa fi miseensota paartii siyaasaa dhugaa taataniif:- Mootummaan paartii Badhaadhinaa fi deeggartoonni isaanii fedhii dhiphummaa aangoo isaanii galmaan gahuuf faallaa daandii yaaddoo keenyaa dhaabbachuun biyyittii fi uummaticha gara mancaatii waliigalaatti galchaa jiru. Kunis tilmaama qaamolee tokko tokkoon dhumaatii uummataa miiliyoonaan tilmaamamu, buqqaatii uummataa miiliyoonotaan tilmaamamu, waggootii hedduun biyyittiiin bakka buusuu kan hin dandeenye barbadaahuu diinagdee hordofsiiseera. Dhumaatiin kun na hin gahu jedhee waraana fi dhumaatii gama kaabaatiin ture karaa nagaadhaan furuuf yaalii gochaa jirullee kutaa guddaa biyyitti kan ta’e oromiyaa kan hin haammanne gochuun dhumaatii fi duula itti fufnisaa hordofaa jira. Gatii kanaa, filannoo bilisaa fi haqa qabeessaa irratti hundaaheen bulchinsa diimokiraatawaa uumamuun, tokkummaa fi bilisummaa  uummatootaa irratti kan hundaahe sirna feedaraalawaa ijaaruun walfaana jiraachuuf hunda keenyaaf wabii waan ta’ees kanaaf qabsoo waloof waamicha dhiyeessineerra. Keesumaa uummanni Amaaraa qoqqoodii bulchii tarsiimoo siyaasaa gantoota tokko tokkootiif saaxilamuu dhiisuun ollaawwan keessan faana nagaan jiraachuuf gahee keessan akka baatan waamicha nagaan waliin jiraachuu isinii gooneerra.  

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.