Oduu: Manni Amantii Ortodooksii ajjeechaa dhalattoota Tigraay Arbaamincii fi lammilee nagaa Wallagga Bahaa balaaleffatte

Abuna Maatiyaas Paatriiyaarkii Mana Amantii Ortodooksii Itoophiyaa

Finfinnee Mudde 9/2022 – Paatriiyaarkiin Mana Amantii Ortodooksii Itoophiyaa qulqulluummaasaanii Abuna Maatiyaas ajjeechaa garee hidhattootaa fi humnoota mootummaatiin  kutaalee biyyaattii garaagaraa keessatti dhiyeenya kana raawwatame “kan nageenya booressuu fi waldittii kan mufachiiseedha” jechuun balaaleeffatan.

Paatriyaarikichi ibsa baaseen, waraanni waggoota lamaaf deemaa ture erga dhaabbatee “qilleensi nageenyaa bubbisuu eegalee ture”jedheera.

“Haata’u malee, ajjeechaan kutaalee biyyattii garaagaraa kan akka hidhamtoota  Arbaaminci naannoo laga Abbayyaa, magaala Shiree Adi Da’eroo fi kan dhiyeenya kanaa Lixa Wallaggaa fi Horro Guduruutii dhagahamaa jiru abdii kan nama kutachiisu, nageenya biyyattii kan booressuuu fi mana amantiis kan mufachiiseedha.”

Hidhamtoonni saba Tigraay 83 ta’an miseensota raayyaa ittisa biyyaa kan turaniif kan ta’an naannoo saba, sablammootaa fi ummatoota kibbaa godina Gaamoo magaala Arbaamiincitti dhiyyootti argamu kaampii mana hidhaa Miraab Abbaya jedhamutti kan ajjeefaman ta’uu Washington Post Dilbata darbe gabaasee ture.  

“Gartokkeen isaanii  qawwee eegdota  isaanitiin kan rukutaman yoo ta’u, isaan hafanimmoo sababa dhalattoota saba Tigraay ta’aniif jiraattoota gandichaatiin hanga lubbuun bahutti tumamanii ajjeefaman. Reeffisaanii boolla awwaalaa jumlaa balbala mana hidhichaa fuldura jirutti gatamee ture,” jiraataa naannoo sanaatu jedhe jechuun Washington Post gabaaseera.

Ajjeechaa humnooota Eritraatiin naannoo Tigraay magaala Shiree iddoo Adii Daa’erootti Sadaasa keessa raawwatamee fi ajjeecha dhiyeenya kana naannoo Oromiyaa Wallagga Lixaa fi Horroguduruutti  Paatriyaarkichi balaaleeffateera.

“Ajjeessuun bu’aan dhufu hin jiru… gaabbii namatti fiduu fi waaqas mufachiisuu waan ta’eef seenaa keessatti balaaleffatamuu qaba. Qaamolee gochaa akkanaarratti hirmaatan akka of qusatanii fi mootummaanis dirqama olaantummaa seeraa kabachiisuu bahuun  kutaalee biyaaattii hunda keessatti nageenyi akka jiraatu akka taasisu waamicha goona,” Paatriyaarikcihi jedheera.

Sab-qunnamttin godina Gamoo Gofaa waa’ee ajjeefamuu hidhamtoota dhalattoota Tigraayiin walqabatee ibsa Abuna Maatiyaasiif deebii laateen, “guutumaan guutuutti  soba” ajjeechaan akkanaa hin turre jechuun ajjeechaa hidhamtootaa kana haaluun ibsichi akka sirreeffamu gaafateera.

Ibsi kuni “mana lubummaa Gaamoo Gofaatiin kan hin beekamne” yoo ta’u ajjeechaan akkanaa naannoo keenya bakka hin jirreetti fi manni hidhaa Abbaya jedhamus hin jirreetti naannoo keenya iddoo “du’aa fi ajjeechaa jumlaa”  gochuun “maqaa godinaa fi magaala Arbaaminc xureesseera. Akkasumas, ibsa fuula miidiyaalee hawaasaa waldittii fi miidiyaalee waldittiitiin bahe “ibsa sobaati” jedheera.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.