Oduu: Finfinneetti dhohinsa boombii muudateen namoonni 7 miidhaamuu Poolisiin beeksise

Finfinnee: Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Lammii Kuraa aanaa 9 iddoo addaa Gooroo jedhamutti Muddee 08, 2022 galgala naannoo sa’aatii 3tti boombii balbala mana dhugaatii Wiikeer jedhamutti dhoheen namoota 7 irratti miidhaa ulfaataa fi salphaa gahuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise. 

Namoonni miidhaman yaala argachaa akka jiran fi dhohinsichaan walqabatee qorannoon itti fufuu poolisiin dabalee ibseera.

Daldala meeshaa waraanaa seeraan alaa to’achuuf tattaaffii taasifamaa jiruun meeshaaleen waraanaa adda addaa gara Finfinneetti galfaman to’annoo jala ooluu kan yaadate poolisiin, “humnoonni farra nagaa” nageenya magaalattii booressan akka jiran ibseera.

Itti dabaluunis humnoonni farra nagaa kunneen nageenya uummata magaalattii diiguu irraa duubatti akka hin deebine hawaasni hubatee dammaqinaan naannoo eeguu fi namoota yakka raawwatan saaxiluudhaan qaamolee nageenyaa waliin tumsa taasisuu itti fufuu qaba jedhe. Keessattuu dhaabbileen tajaajila kennan nageenya walootiif jecha hojii nageenyaa fi to’annoof xiyyeeffannoo kennuu akka qaban ergaa dabarseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.