Xiinxala: Duulli haaraan eegalame rakkoo malaammaltummaa furuu danda’aa?

Geetaahun Laggasaatiin @Birmaduu2

Finfinnee, Lammiileen biyyattii tajaajiloota kaffaltii malee bilisaan argachuu qaban hamma dhabanitti malaammaltummaan rakkoo guddaa Itoophiyaa ta’eera. Malaammaltummaadhaan walqabatee hawaasni biyyattii komii guddaa kaasaa jira.  Aanga’oonni fi hojjattoonni mootummaa tajaajila hawaasaa garaagaraa kennuuf kaffaltii seeraan alaa gaafachaa jiraachuu himu.

Dhaabbanni  idil-addunyaa dhimma malaammaltummaa gabaasu Transparency International jedhamu qorannoo bara 2021 baasetti Itoophiyaan biyyoota malaammaltummaa beekaman keessa sadarkaa 39ffaarra jirti.  Shallagni kuni sadarkaa malaammaltummaa  mul’isuuf lakkoofsa zeeroo hamma 100 fayyadama (zeroo malaammaltummaa cimaa yoo mul’isu 100 malaammaltummaarraa bilisa ta’uu mul’isa). Akkaataa shallaga kanatiin Itoophiyaa biyyoota malammaltummaadhann miidhaman keessatti ramadamti.

Malaammaltummaan iddoo hundatti kan beekame jiru ta’uu aanga’oonni mootummaas amananiiru. Malaammaltummaa garmalee babal’achuusaa muummuichi minsteeraa Abiy Ahmad yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataarratti dubbateera.  Jireenya lammilee hubuurra darbee dinagdee biyyatti durumaa rakkoo keessa jiru hudhee kan qabe ta’uu himeera.

Akka muummichi jedhetti, hojjattoota mootummaa keessumaa manni murtii kana keessaa harka kan qabu. Tuutni abbootii seeraa garee teelegraamii banachuun akkaataa malaammaltumma itti sassaabatan mari’atu jedheera.

“Isaan [malaammaltoonni] sarara diimaa gara afata diimaatti geeddaranniiru. Hanna akka mirgaatti ilaalu. Hanni daana’oo keessa taa’ee guyyaa fi halkan nyaachuun dinagdee biyyattii  duguugeee fixuudha,” ega jedhee booda “Malaammaltummaan geejjjiba biyyattiini gara badhadhinaatti gochaa jirtu buteera.” 

Kantiibaan magaala Finfinnee Adaanach Abeebee afgaaffii miidiyaa mootummaa wajjiiin gooteeratti, hojjattoonni bulchiinsa magaalattii karaa adda addaatiin malammaltummaarratti hirmaataniiru jette.

“Rakkiina faddaalonni sadarkaa biyyaaleessaatti uumaa jiran nuti hunduu ni beekna. Faddaalaa qofa otuu hin taane hojjattoonni mootummaas karaa salphaan qabeenya horachuuf hojii faddaalummaarratti bobba’aniiru. Qorannoon adeeesifame saamicha lafaa, fi waraqaa eenyummaa seeraan ala laachuurratti bobba’uusanii mul’iseera,” jette Adaanachi.

Erga kana dubbattee guyyoota muraasa booda bulchiinsi magaalichaa namoota maqaa misoomaatiin lafa magaalattii heektaara 90 fudhatanii waggaa lamaa oliif otuu hin misoomni tursiisan irraa debisee kan dhaale ta’uu karaa fuula twiitaraasheetiin ibsiteetti. 

Hojjattoota magaalattii 460 ta’an malaammaltummaadhaan walqabatee tarkaanfiin irratti fudhatamee ture manni murtii garuu tarkaanfiin fudhatame sirrii miti jechuun hojjattoota kan iddoo isaan turanitti akka deebi’an ajajee ture. Kunis duula malaammaltummaa dhabamsiisuu nuti gochaa jirru danqeeras jette.

Addis standard dhimma malaammaltummaarratti abukaatoo, namoota siyaasaa, daldaltootaa fi jiraattota magaalattii dubbiseera. Isaanis hojjattoota mootummaa fi aanga’oota seeraan ala aangootti dhimma bahuun fi mallammaltummaadhaan yakkaniiru.

Hojii raawwachiiftoota baankii, faddaalootaa fi aanga’oonni mootummaa sadarkaa aanaa fi gandaa dabalatee tajaajila idilee ummataaf kennuu qabaniif kaffaltii  gaafatu jedhaniiru.

Ummanni bal’aan aanga’oonni hedduu “malaammaltummaa keessatti cuphamaniiru” jechuun dubbataniiru. Lammileen kuni yakka malammaltummaa kana kan nuffan ta’uu bareera.

Abukaatoo fi hayyuun siyaasaa Gizaachoo Kabbadaa malaammaltoonni humna cimsachuun mootummaa  fi seera ittiin bulmaata biyyattii irratti dhiibbaa hammana hin jedhamne geessaniiru.

Yeroon abukaatoo ta’ee hojjadhutti, gochaawwan malaammaltummaa heduu na qunnameera.  Maamiltoota dhimmi isaani abbootii seera malammaltummaa fudhataniin jalaa cufame yookiin lafarra jalaaa butame hedduu wajjiin hojjadheera,”  jedhe Gizaachoon.

Koomishiniin Farra malaammaltumma fi amala gaarii federaalaa aanga’oota paartii biyya bulchuutiin butamee hojiisaaa malaammaltummaarratti qabsaa’uu cinaatti dhiisee fedhii paartichaa galmaan gahuuf hojjachaa ture. Hojjattootasaa malaammaltummaadhaan wal’aansoo wal qabaa turan sodaachisaa ture.

Rakkoon malaammaltummaadhaan walqabatee hawaasni hubannoo gahaa kan hin qabne waan ta’eef malaammaltoonni qabeenya sassaabachaa jiru jedheera.

Daldaala qorichaa  Salaamaawit Abarraa sharafa alaa meeshaa biyya alaatii galchuuf ishee barbaachisu argachuuf hoggantoota baankiitiif qarshii kan laattu ta’uu himti. “ Sharafa alaa argachuuf yeroo hundumaa hoggantoota baankiitiif qarshii laachuun qaba. Yoo hin tane gaaffii koo naaf hin deebisan yookiin lafrara butu” jette.

Muummichi ministeera Abiy Ahmad koreen farra malaammaltummaa namoota torba of keessaa qabu akka haaraatti hundeeffamuu dhiyeenya kan dubbateera. Koreen kuni qorannoo farraa malaammaltummaa fi adeemsa mana murtii kan too’atu ta’uu ibsi biiroon muummicha ministeera kuni addeesseera. Qorannoo aanga’oota mootummaa, hojjattoota mootummaa, malaammaltootaa fi warroota malammaltumma fudhatan gara seeratti dhiyeessuus ni raawwata. Malaammaltummaadhaan kan qabaman qabeenya saaman aakka deebisaniiss ni taasifama.

Duulli kuni ni milkaa’aa?

 Addid Standard  waa’ee milkaa’ina duula kanaarratti ogeessa seeraa fi xiinxaltoota siyaasaa dubbiseera.

Abukaatoo Charinnat Hordofaa malaammaltummaan siyaasaa garmalee babal’ateera jedha.  Pirojeektiiwwan mootummaas danqeera. Qaamolee dhimma haqaa fi seera kabachiisuurratti bobba’an yakka malaammaltummaa baay’ee walxaxaa ta’ee qoratanii saaxilurratti dadhaboo turan.

Duula ummata bal’aa dabalatee fi qaamolee seera kabachiisan jabeessuurratti yoo kutannoodhaan hojjatame koreen kuni kaayyoosaa galmaa gahuu ni danda’a yaada jedhu kan dhiyeesse Gizaachoodha.

“Miseensonni koreee kanaa kan filaman qaamota haqaa fi seera kabachiisuu keessatti shoora olaanaa kan qaban waan ta’aniif duula farra malaammaltummaa kana galmaan gahuu  ni danda’u” jedheera. Akkasumas, “qorannoo farra malaammaltumma kana ni cimsu,” jedheera.

Qaamoleen seera raawwachiiftuu kan ta’an kan akka abbootii seeraa, abukaatoo, poolisii fi kannen biroo malaammaltummaadhaan himatamaniiru. Aanga’oota mootummaa keessumaa abbootii seeraa kan haqaaf dhaabbachuu malu, garuu duula farra malaammaltummaa akka fiixaan hin baane danqaa jiru jedheera. “Koreen kuni iftoominaa mana murtii fi ajaja mana murtii hojiirra oolchuurratti gahee qabu,” jedheera.

Koomishiniin farra malaammaltumma fi amala gaarii feederaalaa kan duula farra malammaltummaa dursuu qabu hojiisaa seeraangalmaan gahurratti dadhabaa kan dadhabeef duula hawaasa hirmaachise waan hin godhiniif ture jechuun yaadasaa kan laate Charnati. Duulli hawaasa hirmaachise hammam barbaachisaa akka ta’e hin hubanne ture. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.