Oduu: Mootummaan Naannoo Benishaangul Gumuz garee hidhattootaa lammataa waliin Sudaan keessatti waliigaltee nagaa mallatteesse

Finfinnee, Muddee 12/2022 – Mootummaan naannoo Benishaangul Gumuz guyyaa Muddee 10 garee hidhattootaa Sochii Bilisummaa Ummata Benishaangul waliin Sudaan Kaartuum keessatti waliigaltee nagaa mallatteessuu beeksise.

Gareen hidhattoota dhiyeenya daangaa naannichaatti socho’aa ture kun garee finciltootaa ji’oota lamaan darban keessatti mootummaa naannichaa waliin waliigaltee nagaa mallatteesse isa lammaffaadha. Mootummaan naannichaa bara kana ji’a Onkoloolessa keessa magaalaa Asoosaa keessatti garee hidhatttootaa kan biraa Sochii Dimokraatawaa Ummata Gumuz waliin waliigaltee nagaa mallatteessanii turan.

Waliigaltee nagaa mootummaa naannichaa fi Sochii Bilisummaa Ummata Benishaangul gidduu Kaartuum keessatti taasifameen miseensonni garee hidhattootaa kun hidhannoo hiikkatanii hawaasatti makamuun hojii ijaarsa nagaa fi misoomaa naannichaa irratti akka hirmaatan mootummaan naannichaa beeksiseera.

Mootummaan naannichaa odeeffannoo akka jaarsummaa eenyuun waliigalteen kun akka raawwatame, qooda biyyi waliigaltichi keessatti mallatteeffame Sudaan qabdu maal akka ta’e bal’inaan hin ibsine, garuu miseensonni hidhattootaa kunneen naannoo daangaa Sudaan Aanaa Shirkolee, ganda Gamad irraa jiraattota aanaalee Shirkolee, Mangee Homoshaa, Uraa, Asoosaa fi Baambaasiitin “simannaa ho’aa” akka argatan ibseera.

Pireezidaantiin Naannoo Benishaangul Gumuz Ashaadli Haasan, waliigalteen nagaa garee hidhattootaa kana waliin taasifame bu’aa waamicha nagaa mootummaan naannichaa irra deddeebiin isaaniif dhiyeesseedha jedhe. Mootummaan naannichaa garaagarummaa jiru marii fi karaa nagaan furuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu ibseera.

Hogganaan garee kanaa Abdul Wahab Mahdii Isaa gama isaatiin gareen hidhattoota kun gatii ummanni naannichaa nagaaf kenne hubachuun waliigaltee kana mallatteesse jechuun ibseera.

Itti dabaluunis, “Ummata naannichaa hunda gama hundaan fayyadamoo gochuuf waan dandeenyu hunda ni goona, namni hundi wal komachuu dhiisee wal-misoomsuu irratti akka hojjetu nan eega,” jedhe.

Bara darbe baatii Caamsaa keessas mootummaa naannichaa fi “garee hidhate” maqaan isaa hin ibsamne gidduutti miseensonni garee hidhattootaa kun naannicha keessatti iddoo hoggansa akka fudhatan, lafa magaalaa fi baadiyyaa akka argatan, akkasumas kaayyoo dubartootaaf dabalatee rakkoo nageenyaa naannichaa itti fufiinsaan furuuf liqii akka argatan waliigalteen mallattaa’ee ture.

Haata’u malee waliigalteen kun gadadoo lammiilee nagaa naannoo waldhabdeen miidhame kanaa dhaabsisuu hin dandeenye. Baatii Bitootessa bara kanaa geejjiba uummataa Matakkal irraa gara Gubaatti imalaa ture irratti haleellaa hidhattootni raawwataniin lubbuun namoota nagaa 20 yoo darbu, hedduun madaa’aniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.