Oduu: Baankiin Misooma Afrikaa ji’ooteermaali Tulluu Mooyyee’f deeggarsa Doolaara miliyoona 10 raggaasise


Finfinnee, Mudde 13/2022- Baankiin Misooma Afrikaa Itoophiyaatti pirojektii ji’ooteermaali Tulluu Mooyyeetiif deeggarsa Doolaara miliyoona 10 deebifamuu danda’u raggaasiseera.

Pirojeektiin ji’ooteermaaliin Tulluu Mooyyee Itoophiyaatti hojjetamu maallaqa haaraa bifa deeggarsa Doolaara miliyoona 10 deebifamuu danda’uun Fandii Inarjii Itti Fufiinsa Qabu Afrikaaf ta’u irraa argachuuf jira. Deeggarsi  kun sagantaa qotiinsa pirojektii ji’ooteermaalichaa deeggaruuf Boordii Daayirektaroota Garee Baankii Misooma Afrikaatiin raggaasifameera.


Pirojeektiin ji’ooteermaali Tulluu Mooyyee kan godina Arsii, aanaa Itayyaatti argamu, tilmaama dandeettii humna ibsaa 150 MW maddisisuu qaba. Marsaa lamaa kan misoomu yoo ta’u Marsaa 1 – 50 MW fi Marsaa 2 – 100 MW.

Humni ibsaa ji’ooteermaali Tulluu Mooyyee maddisiisu Humna Elektirikii Itoophiyaatti gurgurama. Pirojeektiin ji’ooteermaali Tulluu Mooyyee  kan korporeeshinii biyyoota hedduu meerdi’am jedhamuu fi teessoo isaa Aayislaanditti argamu Reykjavik ji’ooteermaaliti. 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.