Oduu: Naannoon Kibbaa riifarandamii malee ‘Naannoo Giddugala Itoophiyaa’ goodina Guraagee dabalatu hundeessuuf mari’ate

Ristuu Yirdaawu

Finfinnee,Mudde 2/2022-  Qondaalonni mootummaa pirezidaantii mootummaa Naannoo Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Kibbaa Ristuu Yirdaawuun hogganaman haala naannoo haaraa ‘Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa’ jedhamu kan godina Guraagee caaseeffama haaraa kana irra deddeebiin mormaa jiru of keessatti hammatu hundeessuurratti Sadaasa 29 magaala Buttaajiraatti marii’ataniiru.

Mariicharratti godinoonni Guraagee, Haadiyaa, Silxee, Kambaataa Xambaarroo, fi Halaabaa akkasumas aanaa Yamii riifarandamii malee “akka naannoo tokkootti akka hundeeffaman” manni maree feedereeshinii kan eeyyame ta’uun himamee jira.

Haata’u malee, manni maree federeeshinii godinoota kanneen “Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa” ta’anii haa gurmaa’an murtoo jedhu ifatti hin dabarsine.

Manni Marichaa gaaffii godinoonni Walaayittaa, Gaamoo, Oomoo Kibbaa, Konsoo fi Geede’oo akkasumas aanaaawwan Daraashee, Amaaroo, Burjii, Alee, fi Baaskeetoo akka “Naannoo Kibba Itoophiyaatti” akka caaseeffaman gaafatame fudhatee ture

Manni maree kun gaaffilee godinootaa fi aanolee kanaa fudhachuun riifarandamii adeemsisuun bu’aasaa ifa akka isaaf taasisu Boordii Filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaa gaafatee ture. Boordiin filannoos ajaja mana marichaa ji’a sadii keessatti riifarandamiin akka godhamu jedhu Hagayya 24 fudhatee ture.

Yeroo kanatti Manni Maree Federeeshinii, godinoonni Haadiyaa, Haalaabaa, Kambaataa-Xambaarroo, Guraageee fi Silxee akkasumas aanaan addaa Yam akkuma Naannoo Saboota,  Sab-lammootaa fi Ummatoota Kibbaa jala akka turu murteessee ture.

Ibsi Biiroon Kominikeeshinii naannoo Kibbaa Kibxata base, pirezidaantiin naannichaa Ristuu Yirdaaw “akkaataa murtee manni maree federeeshinii dabarseen riifarandamii otuu hin godhamiin ‘Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa’ hundessuuf hojiiwwan barbaachisoon adeemsifamaa jiru” jedhe.

“Biiroon piroojektii kana gurmeessu hundeeffamee qabatamaan hojiin kan eegalameera” jechuun akkaataan naannichi itti ijaaramu “walitti dhufeenya ummataa haala cimsuun” ta’uu qaba jechuun qaamoti dhimmichi ilaallatuus gaheesaanii akka bahaniif waamicha godhee ture. 

Haala kanaan, godinoonni Guraagee, Hadiyaa, Silxee, Kambaataa-xambaarroo, fi Halaabaa akkasumas aanaa addaa Yam filannoon uummataa otuu hin godhamin akka “naannoo giddugaleessa Itoophiyaatti” ijaaramu.

Hogganaan kutaa siyaasaa fi ilaalchaa paartii badhaadhina damee Kibbaa Sintaayyoo Waldamikaa’eeliis walgahicharratti hirmaatee ture. “Hojii kana milkeesssuuf bulchiinsi sadarkaa hundarratti argamu akka hojii cimaa akka raawwatu” gaafatee ture.

Odeeffannoo dudduubee

Koreen godinoota adda addaa fi aanaaawwanii naannoo Kibbaa Waxabajjii 31 mari’achuun naannoole haaraa lama kan hundeeffamu ta’uu murtee dabarsee ture. Murteen kuni naannooo Sidaamaa fi naannoo ummattoota Kibba Lixa Itoophiyaa dabalatee naannoolee naannoo sabaa, sablammootaa fi ummaatoota kibbaa keessaa bahan gara afurii ni guddiisa.  Godinoonni gaaffi gaafatan Konsoo, Gede’oo, Haadiyyaa, Halaabaa, Kambaataa-xambaarroo, fi silxee yoo ta’an aanaawwanimmoo Amaaroo, Alee, Baaskeetoo, Burjii fi Daraashee fi aanaa addaa Yamiiti.

Godinni Guraagee addatti akka naannootti ijaaramuu kan fedhu yoo ta’u, akka qaama caaseeffama haaraatti tarreeffamee kana keessatti manni maree godinichaa kan hin mari’atiin ta’uu deebii hatattamaa laatee ture. Godinichi gaaffii Sadaasa 26, 2018 mana maree federeeshiniitiif dhiyeesseerratti deebii eeggachaan jira jedhe.

Muddee 05, itti aanaan afyaa’ii mana maree naannoo ummatoota kibbaa Kifluu Waanaa godinoota fi aanaalee 16 tarreessuun afyaa’ii mana maree federeeshiniitiif mootummaan naannoo lama akka dabalamu akka eeyyamamu gaaffii dhiyeessee ture. Godinoota jaha: Konsoo, Gede’oo, Gaamoo Gofaa, Oomoo Kibbaa, fi Walaayitaa yoo ta’u aanaawwanimmoo Amaaroo, Alee, Baaskeetoo, Burjii fi Daraashee akka naannoo tokkootti akka hundeeffaman ture. Haaluma wal fakkaatuun, godinoonni afur Haadiyyaa, Halaabaa, Kambaataa-xambaarroo, fi Silxeen akkasumas aanaan addaa Yam naannoo tokko akka ta’an ture.

Manni maree federeshinii gaafffisaaniitif “deebii heerarratti hundaa’e hatattamaa” akka laatamu Kifluun gaafatee ture.

Deebii Muddee 18 laateen manni maree federeeshinii filannoon ummataa ykn riifarandamiin godinoota jaha fi aanaawwan shan keessatti akka taasifamu raggaasuun godinoota afran hafanii fi aanaa addaa Yam naannoo sabaa sablammootaa fi ummatoota kibbaa jalatti akka hafan murteessee ture.

Boordiin filannoo Godinoota jahaa fi aanaawwan addaa shan keessatti filannoo ummataaa Guraandhala 06, 2023 adeemsisuuf qophaa’aa jira.

Diddaa Godina Guraagee

Godinni Guraagee yeroo ammaa kan adeemsa godinoota afran (Haadiyaa, Halaabaa, Kambaataa-xambaaroo fi Silxee) waliin akka naannoo tokkootti walitti ijaaruuf deemamuu cimsee mormu itti fufeera.

Walgahii hatattamaa manni maree godinichaa Mudee 11 godhe irratti murtoo kana kan hin fudhanne ta’uu ibsaniiru. Walgahiin ariifachiisaa kuni miseensota korichaa 97 keessaa 92 bakka argamaniitti fi bakkuma pirezidaantiin naannoo sabaa fi sablamoota kibbaa Ristuu Yirdaaw fi aanga’oonni naannichaa jiranitti godhame. Miseensota 92 keessaa 52 kan ta’an murtoo kana mormuun sagalee laataniiru.

Walgahii godinaa kana dursuun, jiraattonni magaalota Walaayittaa, Guraagee fi aanaawwan heddu biroo hojii idilee dhaabuun ergaawwan caaseeffama naannooo kanaa morman dabarsuun hiriira mormii bahanii ture.

Haata’u malee, hiriirri mormii kuni  reebicha hammaataa, hiidhaa jumlaa fi rukuttaa poolisii naannichaa kan qindeessitoota hiriirichaa fi aanga’oota mootummaa kan akka hogganaa biiroo maallaqaa Mineewwar Haayaatuu, sab-qunnamtii mootummaa Mabraatee Waldamaariyaam, fi hogganaa intarpiraayizii fi misoomaa goodinichaa Abbabee Amargaa fi kanneen biroorratti godhamee ture.

Mormiin torbanoota darbanillee kan itti fufee ture yoo ta’u biiroo nageenyaa fi tasgabbii naannoo Kibbaa Sadaasa 25 jalqabee goodinni Guraagee guutummatti bulchiinsa komandi poostii jala akka galu gochuun ni yaadatama. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.